
12/08/2025
☪️Waa sadii(3) sarara diimaa dha, Akka itti hin kaloofne addunyaa fi akiraa kee guututti balleessa.
waa sadii ittin hin taphatan
yoo ittiin taphatan ofillee gaalafata,
inni jalqabaa fi hangafni mataan waa hundaa
1.♏Diniin hin taphatan ,Diniinidhaan hin qoosin
Rabbiin hin baaciin
quraanan hin qoosiin
Rasuula rabbiiti hin qoosin (S a w)
Sahaabadhaan hin qoosiin
Namni Diinii qoosuun Ibaadaadhaan qoosuun,Rabbiin qoosuun,Sahaaba rabbiiti qoosuun,Salatan qoosuu, quraanaan qoosuu jecha tokkichan guututti Islaamummaa keessaa baha.
Islaamummaa keessaa bahu jechuun waan akka gaafa of barte irraa rabbiif hojjate daqiiqaa tokko keessaa dhabda .
2ffaa Jannaamin zalaalamii keessaa hin baatu.
Rabbiin,Diinii,ibaadaan,Rasuula rabbiitin ,saahaba qoosuun Addunyaa fi akiraa kee guututti balleessa. warri ittin qoosan towhaabadha.
2.♏Biyyaan keetin hin qoosiin,biyyi biyyee mit,biyyi eenyummaa dha, kaleessa keeti har'a keeti boru keeti
biyyi haadha jaarti mit irratti wal hin lolan walin irraa lolan.
biyyi mana , hoteela miti algaa mit biyyaa keetin qoosuun eenyummaa keetin baacuudha kaleessaa kee balleessuu dha. har'a kee barbaadessuudha bori kee duukanneessuu dha.
biyyaa hin qoosiin,lagan,gosan, naannoo dhaan ,sanyii dhaan,hin taphatin
kasaaraa biyyaa keet kasaaraa seenaa keetiti.
3.,♏Maqaa namaatin hin qoosiin, namaan hin taphatin gatii namaatin hin taphatin,maqaa nama hin balleessiin nama hin hamaatin
Namni hanqina nama, dogoggora nama jala deemuu rabbin hanqina isaa dogoggora isaa osoo inn mana isaa keessatti illee awwaallame rabbin achii keessaa isaa fuudhe isaa salphisa jedhan rasuulli rabbii (S a w)
bifa namaatin,boca isaatin qaama namaatin biyyaa namaatin hin baaciin sababni isaas wantoota kana guutuu inni ofirraa tti hin uumannee😢 umamee ka'e of arge
atillee biyyaa hin filannee bifa hin filannee eenyummaa hin filannee rabbiitu boce sif kenne
maqaa namaa hin xureessina
Qabxiiwwan sadiin armaan olii kanaan hin qoosina warri midiyaa Hawaasa fayyadamtan sarara diimaa eegadhu