11/08/2026
🌍🌙 LAFTI JI’A LAMMAFFAA ARGATE JADHAME!
🚨 NASA: “Ji’i xiqqaan tokko waggoota kurnan dhufan keessatti Lafa waliin imala!”
🌌 Asteroidii 2025 PN7 jedhamu, kan yeroo dhiyoo asitti argame, harkisa lafaa fi Aduu waliin walitti dhufeenya addaa qabaachuun “quasi-moon” — ji’a fakkaataa jedhamee ibsameera.
🔭 Ji’a keenya isa guddaa irraa adda ta’ee, 2025 PN7: ▪️ Bal’ina isaa tilmaamaan meetira 18–36 qaba
▪️ Ijaan qullaa arguun hin danda’amu
▪️ Daandii walxaxaa ta’een Lafa fi Aduu hordofa
▪️ Akka qorannoowwan agarsiisanitti, hanga bara 2083tti naannoo Lafaatti waliin imaluun isaa tilmaamameera.
😮 Wanti nama ajaa’ibu: kun ji’a dhugaa Lafaatti hidhamuun naanna’u miti. Garuu sochii isaa irraa kan ka’e yeroo dheeraaf akka “ji’a lammaffaa” fakkaata.
🌎 Kana jechuun, yeroo samii ilaallu, wantoota nu hin argine hedduun Lafa naannoo jiru!
📌 Follow 👉 Debal Engineering CAD
Engineering | Technology | Science 🌍🚀