Debal Engineering CAD

Debal Engineering CAD šŸ‘‰Let's build the country together!! You can get Information and project knowledge about Civil Engineering Software šŸ›£ļø & Structural Construction related.

18/10/2025
šŸ‘‰ Itoophiyaan misaa'ela HQ-6 kan jedhamu Chaayinaa keessatti hojjetamee fi  qaama sirna raadaraa ammayyaa Kan ta'ee fi h...
18/10/2025

šŸ‘‰ Itoophiyaan misaa'ela HQ-6 kan jedhamu Chaayinaa keessatti hojjetamee fi qaama sirna raadaraa ammayyaa Kan ta'ee fi humni hayyama Malee Daangaa qileensa Itoophiyaa akka hin seenne gochuudha

Misaa'elli kun Guyyaatti sa'aatii 24 Eeggannoof irra jiru hidhachuuf jira!!
Sirni raadaraa kun Itoophiyaa dabalatee biyyoota 7 qofa keessatti kan argamu yoo ta’u, konkolaataa saffisaa irratti kan kaa’amu yoo ta’u, meeshaa balali’u (jet, helikooptara, diroonii fi kkf) kan naannoo qilleensaa Itoophiyaa araara malee cabsu kamiyyuu ni haleela.

Imalli gara Asaab kutaa qaama Itiyoophiyaa gudditti Yaa tahu jedhan Eng Debal

šŸ‘‰Abbummaa karra galaanaa diimaa Mikaneessuu irratti ejjennoo mootummaan qabu sirriidha - Artist Qatmar YousufMootummaan ...
18/10/2025

šŸ‘‰Abbummaa karra galaanaa diimaa Mikaneessuu irratti ejjennoo mootummaan qabu sirriidha - Artist Qatmar Yousuf

Mootummaan Itiyoophiyaa abbummaa karra galaanaa irratti ejjennoon qabu sirrii ta’uu artist Qatmar Yousuf dubbataniiru.

Sagantaa ā€œMesenbechaā€ FM Addis 97.1 irratti kan mul’ate Artiist Qatmar, Itiyoophiyaan karra galaanaa malee hafuu akka hin qabne dubbateera.

Yaada kanas qooduun waahillan isaa Yosen Getahun waliin ta’uun sirba ā€˜GALAANOO’ jedhamu Afaan Oromootiin barbaachisummaa karra galaanaa dubbatu gadhiise.

Artistichi sirbi kun yeroo gabaabaa keessatti jaalala akka argate ibseera; mata duree lammiin Itoophiyaa hundi dhimma itti bahu fi dhagahuu fedhu waan ta'eef salphaatti jaallatamaadha jedheera.

Kumar kanaan dura yeroo muraasa Masrii keessa kan ture yoo ta'u, yeroo tokko mana nyaataa keessatti bishaan ajajee "bishaan ani dhuge kan keenya; hin kaffalu" jechuun to'annoo jala oole muuxannoo isaa qoodeera.

"Lammiileen Masrii bishaan laga Abbayyaa irraa argataniin hidha Aswaan ijaaranii magaalota isaaniif ibsaa sa'aatii 24 yeroo kennan yeroo ilaalan daawwattoota keenya arguun mufadhe," jedhan.

"Injifannoo Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaa karra galaanaa irratti arganne irra deebi'uu qabna," jedhan aartiistiin, Qumar; ajandaa biyyoolessaa hin oolle keessatti isa dabalatee miiltoowwan ogummaa isaa gahee isaanii bahuu akka qaban akeekeera.

Keessattuu muuziqaa Afaan Oromootiin kan beekamuu fi hojiiwwan isaatiin deeggartoota hedduu kan horate Kumar, waa’ee jaalalaa, hawwii, aadaa barreesseera.

Akkasumas sirba dhiheenya kana Galaanoo (Galano) jedhu sirba "Be Bahir Ber Kukat" jedhuun jaalala horateera.

galaanaa

18/10/2025

šŸ‘‰Dirooniin Raashiyaa wiirtuu to’annoo diroonii Yukireen dhokataa naannoo Krasnoarmeysk jedhamutti barbadeessuu qondaalli waraana Raashiyaa himaniiru

18/10/2025

šŸ‘‰ Xiyyaaraa Balalii Air China Hangzhou irraa gara Seoul geessu irratti ibiddi ka'e

Ibiddi kun kan ka'e baatirii litiyeemii mi'a imaltuu keessa tureen akka ta'e himama.

Gareen balaliisaa dafanii ibidda dhaamsuun xiyyaarichi gara buufata xiyyaaraa Shaangaayi Pudoongitti jijjiirame.

šŸ‡ŖšŸ‡¹ Itiyoophiyaan barattoota biyyoota ollaa irraa dhufaniif carraan scholarship kennite walitti dhufeenya naannoo akka ci...
18/10/2025

šŸ‡ŖšŸ‡¹ Itiyoophiyaan barattoota biyyoota ollaa irraa dhufaniif carraan scholarship kennite walitti dhufeenya naannoo akka cimsuuf gargaara jedhamee

Barattoonni biyyoota ollaa, keessattuu kanneen damee fayyaa irratti hirmaatan, barnootaa fi leenjiin fudhachaa jiran sirna fayyaa biyyoota isaanii fooyyessuu keessatti gahee olaanaa qaba jedhaniiru.

Doktooronni biyyoota ollaa irraa carraa barnoota yaalaa ogummaa addaa fi ogummaa xiqqaatiin fayyadamaa jiran kanneen akka:

šŸ‡øšŸ‡ø Sudaan Kibbaa,
šŸ‡øšŸ‡“ Somaaliyaa, fi
šŸ‡·šŸ‡¼ Ruwaandaa.

Yeroo ammaa kana hakiimonni fayyaa 430 ol yunivarsiitiiwwan Itiyoophiyaa adda addaa 19 keessatti barachaa jiru. Miidiyaaleen biyya keessaa akka gabaasanitti, fayyadamtoonni carraa kanaa 105 saganticha milkiin xumuraniiru.

šŸ‘‰Gaasiin Uumamaa Utubaa Diinagdee Biyyatti!Daarektarri Olaanaa Abbaa Taayitaa Boba’aa fi Inarjii Ityoophiyaa Doktar Dest...
18/10/2025

šŸ‘‰Gaasiin Uumamaa Utubaa Diinagdee Biyyatti!

Daarektarri Olaanaa Abbaa Taayitaa Boba’aa fi Inarjii Ityoophiyaa Doktar Destawe Mekwant gaaffii fi deebii sagantaa EBC’n waliin taasisaniin biyyoonni hedduun qabeenya uumamaa isaaniitti fayyadamuudhaan hiyyummaa keessaa bahanii jiru jedhan.

Ityoophiyaan qabeenya uumamaa isheetti fayyadamuun guddina isheef bu’uura akka ta’us hubachiisaniiru.

Hojii uumuu fi hiyyummaa keessaa ba’uuf pirojektoonni invastimantii olaanaa hojjetamuu akka qaban kan ibsan Daarektarri Olaanaa kun, pirojektiin gaazii uumamaa rakkoo kana irra aanuuf karaa tokko ta’uu ibsaniiru.

Pirojektiin gaazii uumamaa Ogaaden marsaa jalqabaa fi pirojektiin gaazii uumamaa yeroo ammaa ijaaramaa jiru marsaa lammaffaan fedhii anniisaa dinagdeen guddachaa dhufuun akka gargaaru ibsaniiru.

Bara 2017tti boba’aa liitira biiliyoona 4.3 gara biyyattiitti galfame keessaa harki caalaan isaa konkolaataaf kan oolu yoo ta’u, dhibbeentaan 8 ammoo industiriif kan oolu ta’uu kan hubachiisan Daarektarri Olaanaa kun; Pirojektiin gaazii uumamaa fedhii anniisaa kana guutuuf kan gargaaru ta’uu ibsaniiru.

Gaaziin uumamaa amma oomishamee fi pirojektiin gaazii uumamaa ijaaramaa jirus diinagdee kanaaf gumaacha olaanaa kan taasisu ta’uu ibsaniiru.

Haroon Ngat, kennaa Rabbiin Ummata Itiyoophiyaaf kenneedha. Itiyoophiyaanoni dafqaafi imimmaan isaaniitiin Hidha Haaroms...
18/10/2025

Haroon Ngat, kennaa Rabbiin Ummata Itiyoophiyaaf kenneedha.

Itiyoophiyaanoni dafqaafi imimmaan isaaniitiin Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaa dhugoomsaniiru; dhumarratti immoo dhiiga isaaniitiin.

Haroo Ngat kan hidhichi uumes eebba Itoophiyaa lammiilee Itoophiyaaf fiduu eegaleera. Haroon kun bishaan meetira kiyuubii biiliyoona 74 kan qabu yoo ta’u, bal’inni isaa hektaara kuma 187,400 ta’a.

Akkasumas odola 70 ol uumeera. Ministeerri Bishaanii fi Inarjii Haroo Ngat eebba isaa haala itti fufiinsa qabuun itti fayyadamuu fi hoogganamuu akka danda’uuf wixineen maastar pilaanii qophaa’uu beeksise.

Akka obbo Debebe Defersoo, Hojii Gaggeessaa Olaanaa Bulchiinsa Qabeenya Bishaanii Walitti Hidhame Ministeerichaa; maastar pilaaniin kun eebba Hidha Haaromsaa fide akkamitti sirnaan guddifna kan jedhuuf deebii kenna.

Haroon ijaarsa hidhichaa hordofee uumame bakkeewwan turizimii babal’isa. Qurxummii qabuu dabalatee hojiiwwan qonnaa adda addaas ni dandeessisa. Geejjibni bishaanii fi keebilii babal’isuufis ni gargaara jedhan.

Ijaarsi hoteelota gurguddoo fi iddoowwan bashannanaa dhangala’aa tuuristii guddaa naannoo sana jirutti fayyadamuu ni danda’a jedhamee eegama; indaastiriiwwan gurguddoon guddina damee qonnaa, qurxummii dabalatee, akka galteetti fayyadamanis maastar pilaanii keessatti ilaalamuu isaanii agarsiisaniiru.

Wixineen maastar pilaaniis qabeenya keenya sirnaan itti fayyadamuu, bulchuu fi eeguuf ni gargaara. Kana ilaalcha keessa galchuun waggoota darban keessa naannoo Hidha Haaromsaa fi bishaan laga Abaay keessatti hojiiwwan kunuunsa bishaanii fi biyyee bal’inaan hojjetamaa turaniiru. Kunis qabeenya bishaanii keenyaa haala dantaa biyyoota yaa’a gadii eegsisuun akka misoomsu kan dandeessisu ta’uu ibsaniiru.

Ministira Bishaanii fi Inarjii, Injiinar Habtaamuu Itefaa (PhD); Hidhi Haaromsa Itoophiyaa madda anniisaa ta’uu bira darbee bu’aa hedduu akka argamsiisu dubbatu.

Lammiileen Itoophiyaa dhibbeentaa 46 ol ammallee dukkana keessa jiru. Hidhichi lammiilee kanneeniif anniisaa ni kenna.

Industiriiwwan babal’isuun dargaggoota hojii barbaacha biyya keessa naanna’an birattis rakkoo hoji dhabdummaa akka furus ni akeeku.

Hidhi Haaromsa Guddichi Itiyoophiyaa Itiyoophiyaa qofaaf osoo hin taane biyyoota ollaafis eebba akka fide agarsiisan; haroo Ngat irratti turizimii babal’isuu, horsiisa qurxummii, geejjibaa bishaanii fi keebilii dabalatee dameewwan adda addaatiin carraa hojii bal’aa raawwachuun haala itti danda’amu uumeera.

Hojiiwwan kunneen akka tasaa osoo hin taane bifa itti fufiinsa qabuun akka raawwatamaniif wixineen maastar pilaanii qophaa’uu isaa ni ibsu.

Maastar pilaaniin carraa gaarii haroo kanaan uume sirnaan akka itti fayyadamu eeraniiru; bishaan laga Abaay misoomsuu fi nageenya bishaanii eeguus ni dabalata. Kunis kan agarsiisu biqiltuuwwan waggoota darban keessa dhaabaman keessaa dhibbeentaan 29 naannoo Hidha Abaayitti kan dhaabaman ta’uu isaati.

šŸ‘‰Raayyaan Waraanaa Affaar shabaab gara Asaabitti sochii eegaleera ‼Humni guddaan gara Asaabitti akka socho'e himama. Dha...
18/10/2025

šŸ‘‰Raayyaan Waraanaa Affaar shabaab gara Asaabitti sochii eegaleera ‼

Humni guddaan gara Asaabitti akka socho'e himama. Dhaabbanni Dimookiraatawaa Galaana Diimaa Affaar Shabaab dhaamsuuf qabsaa’aa jiru waraana isaa gara Asaabitti sochoosuu beeksise.

Mootummaan Eertiraa kallattii kanaan balaa Itiyoophiyaa itti mul’ateef deebii kennuuf humna cimaa walitti qabamuu isaa gabaasni kanaan dura ba’e ni mul’isa.

Gareen hidhattootaa kun waggootaaf kallattii kanaan mootummaa Ertiraa waliin lolaa kan ture yoo ta’u, bara mootummaa EPRDF duraaniis deeggarsa waraanaa cimaa akka argate himama.

Ummanni Affaar qarqara galaana Diimaa jiraatu sirna Isaayyaas hamaa cunqurfamaa jira jedhuun kan ijaarame gareen kun yeroo ammaa waraana isaa naannoo Affaar Eertiraa Daankillaa jedhamutti akka lolu sochoosaa akka jiru viidiyoon fuula X-page isaa irratti maxxanfame ni mul’isa. Suuraan socho'aa kun gareen hidhattootaa kun akka gaariitti gurmaa'ee fi hidhatee akka jiru agarsiisa.

Injiinarri Biyya ijaaramtee Diinagdeen guddaatte arguu barbaada!
Imalli gara Asaab

Maddi Andaaftaa

šŸ‘‰Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) pirojeektii jallisii laga Walwal irratti hojjetame eebbisanMinistirri Muummee Ab...
18/10/2025

šŸ‘‰Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) pirojeektii jallisii laga Walwal irratti hojjetame eebbisan

Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) godina Baalee aanaa Doolloo Mannaatti pirojeektii jallisii laga Walwal irratti hojjetame eebbisaniiru.

Ministirri Muummee ergaa karaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaanii qoodaniin, pirojeektiin laga Walwal godina Baalee aanaa Doolloo Mannaatti Ministeera Jallisii fi Naannoo Gammoojjiitiin hojjetame eebbifameera jedhaniiru.

Pirojeektichi laga Walwal jallisiin fayyadamuun omishtummaa qonnaa guddisuudhaan birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf kan hojjetame ta’uu ibsan.

Kana malees sirna jallisii lafa gubbaa, haala fulla’iinsa qabuun egereef ijaaruun hojiin qonnaa barootaaf roobarratti hundaahee ture mala jireenyaa egeree uummata naannichaa gonfachiisuuf akeekamee hojjetamuu isaas eeraniiru.

Pirojeektichi guutummatti hojii wayita eegalu qonnaan bultoota kuma 20 ta’an kan tajajilu lafa qonnaa heektaara kuma 9 fi 687 karaa amansiisaan jallisiif ni oolcha jedhaniiru.

Kunis omishtummaa qonnaa kan guddisu, naannoo hongeef hinsaaxilamne kan uumu akkasumas carraa hojii haaraa kan uumu ta’a jedhaniiru.

Faayidaawwan dinagdee kanneeniin alatti dhaabbilee bulchiinsa bishaanii naannichaa cimsuudhaan abbummaa uummata naannichaa guddisuun akkasumas itti fayyadama fulla’aa laga Walwal guddisuun faayidaa birmadummaa nyaataa fooyya’aaf ni gargaara jedhaniiru.

Address

Boolee
Addis Ababa

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Debal Engineering CAD posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share