
24/12/2024
♠️《》walalo jalala soba
💔Sobdee na naqattee
Harka na galfattee
Jaalalaan qabamuu ko
Eega ijaan gartee
Narraan tarkanfattee
Tan biraa qabattee ??
Osoon akka beekee
Waa si'uu hin baruu
Ammammoo miidhamee
Kara tokkon goruu
Akka na goote kana
Numaan eegaa boru.
Yeroon sin wal baru
Ati ni yaadattaa
Si wajjiin jiraadha
Sobdee anaan jattaa
Kanaan onnee seentee
Ana galaafattaa.
Kaayyoo wajjiin qabnu
Ful duraaf qabanne
Wajjiin galma geenya
Jachaa wal mari'annee
Hunduma dagattee
Waada kaayyannee
Hunda diiydee deemtuus
Ani hin irranfannee.
Garaan ko qulqulluu
Keessi ko dhugaadhaa
Onnee tiyyarraahin
An sumaan jaaladhaa
Si malee kan biraa
An yomin filadhaa
Bar waan waliin janne
San hundaan yaadadhaa.
Garaan obsa dhabee
Dirrerra na gattee
Onnee to na fuutee
Lafarra na buttee
Hay'aa numaan eegaa
Yoo sumarraa dhuftee
Cininadheen obsaa
Waan ati na goote.
Nama dhugaa sa'en
Lubbuu to si kannee
Obboleytii dhalaa
Wajjiin hin dhalannee?
Maraturraan jiraa
Ati naan hubannee
Summiin natti nayxe
Garaa keessaan baanee.
Nama nan jaalanneef
Yeroo tantoo qubee
Siin jaaladha jennaan
Sagalee ol qabee
Onnee to na fudhee
Achi buuteen dhabee .
Jaalalaan qabamtuu
Qulqulluu hin argattuu
Soba tahuu hin beeytuu
Dhugaan kan abdattuu
Inni immo si sobaa
Sumaan jabeeyfatuu.
Jacha gaafa duraa
Ati anaan jatte
Lubbuun tiyya sumaa
Jattee na sosobdee
Suutuma suutaan
Qalbii tantoo qabdee
Ibidda jaalalaa onnerra
Na dhaabdee.
Follow Abjuu jalalla