Abjuu Jalalla

Abjuu Jalalla Abjuun Rafani Qofa Miti !!! [email protected]

10/11/2025

#@@@@@@

06/11/2025
23/10/2025

Nonnoo koooooooooooooo

 ♠️《》walalo jalala soba💔Sobdee na naqattee Harka na galfattee Jaalalaan qabamuu ko Eega ijaan gartee Narraan tarkanfatte...
24/12/2024


♠️《》walalo jalala soba
💔Sobdee na naqattee
Harka na galfattee
Jaalalaan qabamuu ko
Eega ijaan gartee
Narraan tarkanfattee
Tan biraa qabattee ??

Osoon akka beekee
Waa si'uu hin baruu
Ammammoo miidhamee
Kara tokkon goruu
Akka na goote kana
Numaan eegaa boru.

Yeroon sin wal baru
Ati ni yaadattaa
Si wajjiin jiraadha
Sobdee anaan jattaa
Kanaan onnee seentee
Ana galaafattaa.

Kaayyoo wajjiin qabnu
Ful duraaf qabanne
Wajjiin galma geenya
Jachaa wal mari'annee
Hunduma dagattee
Waada kaayyannee
Hunda diiydee deemtuus
Ani hin irranfannee.

Garaan ko qulqulluu
Keessi ko dhugaadhaa
Onnee tiyyarraahin
An sumaan jaaladhaa
Si malee kan biraa
An yomin filadhaa
Bar waan waliin janne
San hundaan yaadadhaa.

Garaan obsa dhabee
Dirrerra na gattee
Onnee to na fuutee
Lafarra na buttee
Hay'aa numaan eegaa
Yoo sumarraa dhuftee
Cininadheen obsaa
Waan ati na goote.

Nama dhugaa sa'en
Lubbuu to si kannee
Obboleytii dhalaa
Wajjiin hin dhalannee?
Maraturraan jiraa
Ati naan hubannee
Summiin natti nayxe
Garaa keessaan baanee.

Nama nan jaalanneef
Yeroo tantoo qubee
Siin jaaladha jennaan
Sagalee ol qabee
Onnee to na fudhee
Achi buuteen dhabee .

Jaalalaan qabamtuu
Qulqulluu hin argattuu
Soba tahuu hin beeytuu
Dhugaan kan abdattuu
Inni immo si sobaa
Sumaan jabeeyfatuu.

Jacha gaafa duraa
Ati anaan jatte
Lubbuun tiyya sumaa
Jattee na sosobdee
Suutuma suutaan
Qalbii tantoo qabdee
Ibidda jaalalaa onnerra
Na dhaabdee.

Follow Abjuu jalalla

Sin jaalladha jettee Jaalalaan namootee Hardha maaltu dhufnaan Jaalalakoo gante? !!.................................Aman...
04/06/2024

Sin jaalladha jettee
Jaalalaan namootee
Hardha maaltu dhufnaan
Jaalalakoo gante? !!.................................
Amanee siif kennee
Hunduma qaamakoo
Qarshii dhiiftee deemtuun
Jijjiirte?? onneeko!! ........................................
Eyyen...
Hunda caalaan beeka
Hiyyeessa ta.uukoo
Garuu....
Akka bor naaf ifu
Ni beeka garaanko .................................
Filattee jijjiirtus
Qarshiidhaan Jaalala
Garuu osoo beekte
Jaalalli an siif qabu
Waan Hunda siif caala ......................................
Erga deemte beenu
Haatolu karaankee
Waanin sijaalladhuuf
Ani miidhamaankee
Gonkumaa hin fedhu
dhagahuu hamaakee🌷

  (s.a.w)Dhufaa, darbaa gitni isaaniiNama hin uumamne takkaaGosa "Qureysh" jedhamurraaBadhaafamte biyyi makkaaAbdallaah ...
09/04/2024

(s.a.w)

Dhufaa, darbaa gitni isaanii
Nama hin uumamne takkaa
Gosa "Qureysh" jedhamurraa
Badhaafamte biyyi makkaa
Abdallaah ilmi Muxxalib
Aaminaa fuudhee ulfeessee
Dhalachuu ilmasaa dura,
Aakirame duuti geessee

Baatii Rabi’ul Awwoli
Bara Arbaa keessa ture
Kan Rabbi ifaa hin dhaamneen
Dukkana addunyaarraa fure.
Hoji-duree, gara barii
Aayyoo Aaminaan miixattee
Ilmashee rahmataan deessee
Barakaadhaan nuuf hiixatte.

Ilminuu ilma qofaaree?
Caalaa hunda dhala-namaa
Irra guddaa anbiyootaa,
Kabajamaa biyya lamaa
Nama; namaa hayawaanni
Rahmatummaadhaan galatu
Badhaasichi banii aadam
Dhalatan anaa dhalatuu...

Dhalatee torbee tokkotti
Abdul-Muxxalib kittaanee
"Muhammad" jedhee moggaase
Maqaa isaaniis ittaanee
Harma harmee isaan deessee
Guyyaa muraasa hodhanii
Erganaa maatiin geessanii
Suweybaa bira godhani.
Booda kanas ni geeffaman
Gara Haliimaa As-saadiyyaa
Ilmaanshee waliin guddatan
Goobantichi abdiin biyyaa.

Haaliimaa bira osoo jiruu
Jibriil gara isaanii dhufee,
Qoma isaanii banee, onnee
Zamzamaan dhiqeefii cufe.
Ammas, yerosuma ture
Umriin ta’anii sabiyyii
Dugdatti kan rukutameef
Chaappaan 'Khaatama An-Nabiyyii'

Eeganaa...
Gochaaf jechisaa tikfamee
Sheexanni isaaf karaa dhabde
Nuura keessaaf alaa ifu
Fagootti baqachuu qabde.
Turtiinsaa haliimaa biraa
Erga waggaa lama geessee
Aaminaa biratti gale
Gara haadha isa deessee
Umriin isaanii 6 geenyaan
Aaminaanis jalaa duutee
Hireen Rasuula guddisuu
Akaakoo isaaniirka buute

Laalaaf yaaddoon yatiimummaa
Isaanillee yoom dhokate?
Umrii isaanii saddeetitti
Abdul Muxxalib boqate.
Hireen jiruu hiraarsitee
Erga akaakoon du’ee booda
Abu Xaalib'tu fudhate
Isaan guddisuudhaaf qooda
Adeerri isaa Abu Xaalib
Harka qalleessa waan ta’eef
Re'ee tiksanii gargaaran
Hanga humni isaanii ga’eef,

San booda;

Nabii keenya amanamaa
Qulqulluu akka bishaanii
Kadijjaa haati qabeenyaa
Dhageessee waa’ee isaanii

Haalaa amala isaa tolaa
Mararfattee gaafa galuuf,
Gara Shaamiitti ergite
Qabeenyasheen haa daldaluuf,

Address

Addis Ababa

Telephone

+251912288154

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Abjuu Jalalla posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Abjuu Jalalla:

Share