Waan ofii

Waan ofii Being optimistic in every situation is enough for me ❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️

28/05/2025

Qalbii Keef Amanami:

Saayintistichi beekamaan Albarti Ayinistaayin jedhamu tibba tokko, "Namootni dadhaboon gadoo qabatanii yeroo eeganii haaloo isaanii bahu. Namootni jajjaboon dhiifama gochuu beeku. Hayyoonni immoo hamaan isaan irratti hojjetamu illee hammeenyaaf iddoo hinkennan," jedhee ture.

Barnootota barri itti darbee moofa'uu hundandeenye ani Albarti Ayinistaayin irraa baradhe kunooti:

1. Waayee bara kee egeree garmalee yaaduutti yeroo kee hinqisaasiin.
"Barri inni fuulduraa yeroo isaa eegee dhufuu hinhanqatu."

Yeroon inni fuuldura kee jiru, jechuun guyyaan ati bor, iftaan jettee waamtu maal fidee akka dhufu hinbeektu. Waayee borii dhiphachuun gammachuu kee har'aa hata, hubadhu. Waan har'a ofarkaa qabdu irratti xiyyeeffadhuutii tarkaanfadhu.

2. Waan guddaa yaaduu hinsodaatiin.
"Waan guddaa yaaduun waan xixinnoo yaaduu caalaatti bakka fagoo sigeessa."

Seenaa addunyaa kan jijjiire yaadoota jajjaboodha. Kanaaf waan xixinnoo gangalchuutti yeroo kee hinballeessiin. Uggi, yaada guddaatti bu'uu hinsodaatiin.

3. Fuulduratti socho'uu addaan hinkutiin.
"Jireenyi biskiliittii akka oofuuti. Madaala kee bitaafi mirgaan eeguuf socho'uu qabda."

Bakka tokkicha takaalamtee hindhaabatiin. Xinnoos tahu, guddaa jijjiirama jijjiiramuumadha.

4. Waan hojjettufi yaaddu hagasmara walxaxaa hingodhin.
Dubbii ulfaataa fakkaatu laaffisii ilaali. Waan xinnoo olfuutee hin'arbeessiin. Dhimma yeroo gabaabaatti xumuramu battaluma goolabi.

5. Barnootni akkamitti yaaduu akka qabdu sibarsiisuu qaba.
"Kaayyoon barnootaa sammuudhaan akkamitti yaaduun akka danda'amu leenjisuu tahuu qaba malee, waan dubbiste hundumaa sammuutti "shamaddaduu" tahuu hinqabu."
Kanaaf, caalaatti dubbis. Waan dubbiste irratti yaada mataa kee kenni. Beekumsi kee waan dubbiste irraa ogummaa ati argatte haatahu.

6. Hundi keenya bu'aa muka tokkichaati.

"Amantiileen cufti, hojiileen artis tahan saayinsiin hundi dameelee mukuma tokkicha sanatti."

Namummaan wayita wajjin guddatan dagaaga.

23/02/2025

• • • • • •
-----------------------------------
Yeroo tokko namni waa’ee irratti kennuuf jedhu qarshii abbaa dhibbaa haaraa ta’e tokko ol kaasee, “Namoota kana keessaa namni dhuma leenjii kana irratti qarshii kana fudhattanii galuu barbaaddan jirtuu?” jedhee gaafate. Namoonni hedduun harka ol kaasan. Itti fufee sana harka isaatiin sukkuumee erga jedhee booda ammas tarii isa baay’ee sukkuumame kana namni fudhachuu barbaadu yoo jiraate jedhee gaafate. Ammas namoonni hedduun ol kaasan. Ammas utuu hinkenniniif yeroo sadaffaaf lafa buusee irra ejjetee, lafatti sukkuumee erga bututeefi xuraa’ee booda fiixee isaa qabee lafaa fuudhuun ammas namootni fudhachuu barbaadan yoo jiraataniif jedhee gaafate. Ammas namoota hedduutu harka baase. Isaan booda akkas jedhe, “ koo, waan guddaa tokko bartaniittu jedheen amana. Qarshiin kun bareedaas ta’e, sukkuumamees, lafa bu’ee yoo rirriitamee xuraa’e illee amma iyyuu barbaadamaadha. Sababni isaas yoo sukkumames, xuraa’es, lafatti dhiitames isaa hinhir’isne. Gatiin isaa amma iyyuu qarshii dhibba” jedhe. Itti fufuun “Hundumti keenya haala nu marsee jiru, jireenya keessa jirru olitti baay’ee . Haalli keenya keenya gadi hinbuusu” jedhe.


-----------------
Yeroo tokko tokko hundumti keenya haala addaa addaa irraa kan ka’e ilaalchi nuti ofiif qabnu gadi bu’aa ta’a. Haa ta’u iyyuu malee gatii nuti qabnu wanti gadi buusu homtuu hinjiru. Kanaaf, keenya sirreeffachuu, akka nama gatii hinqabnee, akka nama bu’aa buusuu hindandeenyeetti of ilaaluu irraa yaada keenya kaasuu qabna. Haalli ta’e hamaan nu mudatan kan ilaalcha nuti ofiif qabnu gadi buusan yookaan ol kaasan ta’uu hinqaban. Yoo isa kana keessa jiraanne hatattamaan keessaa ba’uun daran barbaachisaadha. Sababiin isaa jireenya keessa nu jiraachisa. Jireenya tasgabbii hinqabne akka nuti qabaannu nu taasisa. Isa kana irratti hojjechu

 ❤️‍🩹❤️‍🩹❤️‍🩹
12/02/2025

❤️‍🩹❤️‍🩹❤️‍🩹

12/02/2025

“If you do not see great riches in your imagination, you will never see them in your bank balance.”
Napoleon Hill

11/02/2025
11/02/2025

Wait until your Questions got answer

Address


Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Waan ofii posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

  • Address
  • Alerts
  • Claim ownership or report listing
  • Want your business to be the top-listed Media Company?

Share