11/03/2025
________ ❗️_______
👉 Gaafa namni akka tasaa lubbuun darbu, sababni taatee du'a sanaa hanga qulqullaa'utti namoota balaa ykn miidhamaa balaan/duuti irra qaqqabe sanatti dhiyoo jiran to'achuun adeemsuma seerati!
Adeemsa kana keessatti haati duutee, ilmi too'atamuu mala! Haati warraa duutee, Abbaan Warraa too'atamuu mala (added)
👉Kunis:-
➤ 1ffaa, shakkamtoota yakka raawwatameef ittigafatama ta'an akka hin miliqne gochuuf,
➤ 2ffaa, odeeffannoo fi ragaale yakka raawwatame bira gahuuf gargaaran akka hin miliqsineef,
➤ 3ffaa, adeemsa qorannoo dhiibbaa irraa bilisa ta'e gaggeessuf,
➤ 4ffaa, balaan ykn yakki dabalataa , shakkamtoota kanaañ ykn shakkamtoota kana irratti akka hin raawwatamneef jecha tarkaanfi fudhatamuudha.
👉 Haala kanaañ namoota naannoo taateen ykn yakki tokko uumametti dhiyoo jiraniif adeemsa kanaañ to'ataman kallattumaan yakkamaa godhani guduunfun mataansa yakkaa fi dogoggora guddaadha.
👉Adeemsa qorannoo gufachiisu ykn kallatti dabsuu bira taree, maatif namoota taaten kun mudatetti gadda hammeessuf hamilee cabsuudha.
👉Kanaafu odeeffannoo, qorannoo fi ragaa qaama seeratin alatti, tilmaama ta'a hin oolletiin odeeffannoo hin malle facaasu irraa of yaa eeggannu!
Sababa Nutii odeeffannoo ragaa fi qorannoon hin deeggaramin facaasnuuf haqni dhokachuu fi baduu waan danda'uuf silaa qaama seeraafi adeemsuma seeraaf dhiifne gaariidha.
Obboleettii teenya haqa argachuu qabdi.
Dogongora odeeffannoon haqni dhokachuu hin qabu.
🙋(shaggar Lixa biiftuu)