23/09/2026
π«πππππ ππ π«ππππ
ππ π ππππππ? π¨ππππππππ ππππππππππ ? Diishii (Dish) fi Dikoodarri (Decoder) meeshaalee bu'uuraa tamsaasa saatelayitii irraa gara televizyiniitti dabarsuuf tajaajilanidha. Hojii fi walqunnamtiin isaanii akka armaan gadiitti ibsama:
1. π«πππππππ (πΊππππππππ π«πππ) π΄πππππ?
Diishiin anteenaa boca sahanii (parabolic) qabu yoo ta'u, hojiin isaa inni guddaan mallattoo (signal) saatelayitii hawaa keessa jiru irraa dhufu qabachuu fi sassaabuudha. Mallattoo kana bal'inaan sassaabee bakka tokkotti walitti qabuun gara meeshaa xiqqaa fiixee isaa irra jiru kan LNB (Low Noise Block) jedhamuutti qajeelcha.
2. π«πππππ
ππππ (π«ππππ
ππ / πΉπππππππ) π΄πππππ?
Dikoodarri meeshaa elektirooniksii mallattoo diishii irraa dhufe hiikuudhaan gara suuraa fi sagaleetti (video and audio) jijjiiruudha.
Mallattoon saatelayitii irraa kallattiin dhufu TV dhaan waan hin dubbifamneef, dikoodarri akka hiiktuutti (translator) hojjechuun mallattoo sana bifa TV'n hubachuu danda'un dhiyeessa.
π¨ππππππππ πΎππ πΈππππππ? (π¨π
πππππ π―ππππ)
=>>πΊπππππππππππ πππππ ππππ π«ππππππ: Saatelayitiin hawaa keessa jiru mallattoo gara lafaatti erga. Diishiin (yoo kallattii sirriitti qajeele) mallattoo kana ni qabata.
=>>π«ππππππ πππππ ππππ π³π΅π©: Diishiin mallattoo walitti qabe sana calaqqisiisuun gara 'LNB' tti geessa. LNB'n mallattoo kana simatee humna isaa dabaluun gara dambalii (frequency) sirriitti jijjiira.
=>>π³π΅π© πππππ ππππ π«πππππ
ππππ: Keebiliin (Coaxial Cable - shiboo sibiilaa kan keessa qabu) LNB fi Dikoodarii wal qunnamsiisa. Keebiliin kun mallattoo LNB irraa fuudhee karaa poortii "LNB IN" jedhamuun gara dikoodariitti geessa.
=>>π«πππππ
ππππ πππππ ππππ π»π½: Dikoodarri mallattoo dhufe sana hiikuun qulqulleessa. Sana booda, keebilii HDMI (suuraa qulqullina olaanaa qabuuf) ykn AV (keebilii bifa diimaa, adii fi keelloo qabu) fayyadamuun gara Televizyiniitti dabarsa, nutis suuraa fi sagalee Argannaa.
Ahmed Siraj Usmael