Sheger Media Network

Sheger Media Network Humni jaalalaa injifataadha 💙❤️💙

15/09/2026

Haala Lumumbaan itti Ajj~eefame 😭

Patrice Lumumbaa Perezdanti Afrikaa jalqabaa Biyya Democratic Koongoo bara 1960 uummataan Filatamee Shira USA fi Beeljiyeemiin fonqolchi irratti geggeeffamee bara 1961 Ajjeefame.

Ameerikaa sababa waraana Iraaniin hanqinni meeshaalee waraanaa murteessoo mudate=============Ministeerri Ittisaa Ameerik...
15/09/2026

Ameerikaa sababa waraana Iraaniin hanqinni meeshaalee waraanaa murteessoo mudate
=============
Ministeerri Ittisaa Ameerikaa gabaasa Peentaagan baaseen waraana Iraan waliin taasifamaa jiruun hanqinni meeshaalee waraanaa murteessoo mudachuun mirkanaa'e.

Gabaasni kuni isa Tiraamp kanaan dura jechaa turan kan faallessu dha.

Ameerikaan duula waraana Iraaniin meeshaaleen waraanaa fayyadamte irratti gabaasni jalqabaa yeroo dhiyaate Guraandhalaa hanga Waxabajjii biyyattiin doolaara biiliyoona 33.4 baasuu ministeerichi beeksiseera. Kana keessaa doolaarri biiliyoona 22.3 kan bahe meeshaalee waraanaa dhuka'an irratti bahe.

Gabaasni amma bahe akka jedhutti duulli Iraan irratti adeemsifame ''kuusaa meeshaalee waraanaa murteessoo irratti hanqina kan uume yoo tahu dhiyeessii meeshaa waraanaaf bu'uuraaleen misoomaa indaastirii Ameerikaa daangeffamaa tahuu saaxileera,'' jedheera.

''Hanqina meeshaa waraanaafi boodatti harkifachii dhiyeessii furuuf Peentaagan hojimaata bittaa saffisuuf akkasumas meeshaalee geeddaraafi meeshaalee waraanaa filaman oomishuufi kuusuuf yeroo fudhatu hir'isuuf hojjechaa jira,'' jedhameera.

Pireezidantiin Ameerikaa Donaaldi Tiraamp garuu tibba darbe ''biyyattiin meeshaa waraanaa daangaa hin qabne hidhattee jirti,'' jedhanii ture.

Wiixatuma kaleessaa Tiraamp miidiyaa hawaasaa isaanii irratti barreeffama kaa'aniin ''Ameerikaan seenaashee keessatti yeroo kamuu caala meeshaalee ammayyaa hidhattee jirti,'' jedhan.

Ameerikaatti hanqinni meeshaalee waraanaa mudachuun biyyoota dhiyeessii meeshaalee waraanaa Us'n deeggaraman Ykireeniifi Taayiwaanitti yaaddoo uumeera.

Bunni Itiyoophiyaa addunyaa irratti sadarkaa gatii haaraa qabate Finfinnee, Fulbaana 5, 2019 (SMN) — Bunni addaa Itiyoop...
15/09/2026

Bunni Itiyoophiyaa addunyaa irratti sadarkaa gatii haaraa qabate

Finfinnee, Fulbaana 5, 2019 (SMN) — Bunni addaa Itiyoophiyaa gabaa idil-addunyaa irratti fedhii olaanaa qabaachuu isaa kan mirkaneessu sadrkaa gatii haaraa fi seena-qabeessa galmeessuu isaa Abbaan Taayitaa Bunaa fi Shaayii Itiyoophiyaa beeksise.

Abbaan Taayitichaa akka ibsetti, bunni Gujii kiiloo giraamiin tokko doolaara Ameerikaa kuma 200 fi 376n, jechuunis gatii jijjiirraa yeroo ammaatiin tilmaamaan qarshii kuma 300 fi kuma 80tti gurguramuun seenaa buna Itiyoophiyaa keessatti sadarkaa gatii olaanaa galmeesseera.

Bunni gatii galmee haaraa kanaan gurgurame, kan abbaa “Tasty Coffee”, Obbo Faayisal Abdoosh, maqaa addaa “Faayisal Abdosh Signature” jedhuun, karaa interneetii caalbaasii buna addaa gabaa idil-addunyaaf dhiyaate ta’uun ibsameera.

Caalbaasichi giddugalli caalbaasii interneetii “M Kaltyvo”, kan teessoon isaa Ingilaandii fi Ameerikaa ta’e, kan geggeessee dha.

Gurgurtaan caalbaasii kun sadarkaa qulqullinaa fi barbaadamummaa bunni Itiyoophiyaa gabaa idil-addunyaarratti qabu haala haaraan kan mirkaneesse ta’uu Abbaa Taayitichaa ibseera.

Bu'aan argame kunis sadarkaa bunni addaa Itiyoophiyaa gabaa irratti qabu ol guddisuuf karaa guddaa kan saaqu ta’uun ibsameera.

Galiin guutuun caalbaasii seena-qabeessa kana irraa argame, karaa Tasty Foundation, Godina Gujii, Aanaa Shaakkisoo, Ganda Dambii Uudootti buufata fayyaa ammayyaa ijaaramuuf akka oolu ibsameera.

Hojiin arjoomaa kunis qonnaan bultoota Gujii fi hawaasa qulqullina buna kanaa eeganii turaniif deeggarsaa fi galata kennamu ta’uun ibsameera.

Abbootiin Qabeenyaa Kuwaataar Itoophiyaatti Invasti gochuuf Fedhii Qaban Ibsan============Abbootiin qabeenyaa kunnin fed...
15/09/2026

Abbootiin Qabeenyaa Kuwaataar Itoophiyaatti Invasti gochuuf Fedhii Qaban Ibsan
============
Abbootiin qabeenyaa kunnin fedhii isaanii kan ibsan, Pireezidaantiin Mana Maree Daldalaa fi Waldaalee Damee Finfinnee Aadde Zaaharaa Mahaammad, Itti Aanaa Pireezidaantii 2ffaa Mana Maree Daldalaa Kuwaataar, Raashiid Biin Haamad Al-Azibaafi hoggantoota boordii mana marichaa waliin wayita marii gamlamee taasisanitti tahuun ibsameera.

Marii kanaan, Aadde Zaaharaan haala invastimantiif mijataa yeroo ammaa Itoophiyaa keessatti uumame, fooyya’iinsa diinagdee gooroo mootummaan taasisaa jiru, akkasumas onnachiistuwwan invastara alaa hawwachuuf qophaa’an ibsaniiru.

Keessattuu, dameewwan qonnaa, fayyaa fi industirii oomishaa keessatti carraawwan invastimantii bal’aan jiraachuu himuun, dameewwan oomishaa fi daldalaa mi’eessituuwwan, foon, daraaraa, bunaa, kuduraa fi fuduraa keessatti jiranitti fayyadamuuf abbootiin qabeenyaa Kuwaataar akka xiyyeeffatan waamicha dhiyeessaniiru.

Itti Aanaa Pireezidaantii 2ffaa Mana Maree Daldalaa Kuwaataar, Raashiid Biin Haamad Al-Azibaa gama isaaniin, abbootiin qabeenyaa Kuwaataar carraawwan invastimantii Itoophiyaa keessatti argamanitti fayyadamuuf qophii ta’uu mirkaneessaniiru.

Hariiroo daldalaa fi invastimantii biyyoota lamaanii caalmaatti cimsuuf daawwannaa gareewwan ergamtoota daldalaa, akkasumas waltajjiiwwan daldalaa waloo qopheessuun barbaachisaa ta’uun maricharratti ibsameera.

Dabalataanis, manneen maree daldalaa biyyoota lamaanii gidduutti Mana Maree Daldalaa Waloo (Joint Business Council) hundeessuun, hariiroo daldalaa fi invastimantii biyyoota lamaanii gara sadarkaa olaanaatti ceesisuuf gahee olaanaa qabaachuu hoggantoonni Mana Maree Daldalaa Kuwaataar ibsaniiru.

Xumura marichaarratti, hariiroo gaarii manneen maree daldalaa biyyoota lamaanii gidduu jiru caalmaatti cimsuu fi daawwannaa bu’a qabeessa taasisuu isaan Imbaasiin Itoophiyaa Dohaatti argamu ibseera.

Tumsa Tarsiimowaa ‘BRICS’ cimsuuf Yaa’ii garichaa cinaatti sochiin walta’iinsaa 400 ol ta’an taasifamaniiru*************...
14/09/2026

Tumsa Tarsiimowaa ‘BRICS’ cimsuuf Yaa’ii garichaa cinaatti sochiin walta’iinsaa 400 ol ta’an taasifamaniiru
*******************************

Yaa’iin Hoggantoota ‘BRICS’ 18ffaa Indiyaa, Niiwu Deelhiitti mata duree “Cimina, Kalaqa, Tumsaa fi Itti fufiinsa Ijaaruu” jedhuun taa’amee ture xumuramuun cinaatti, tumsa tarsiimowaa garichaa cimsan mariiwwan 400 ol ta’an mari’atamaniiru.

Haammattoo tumsa ‘BRICS’ jalatti magaalota Indiyaa 30 keessatti sochiiwwan taasiifaman kanaan, Ministiroota, Miseensota Paarlaamaa, hoggantoota dhaabbilee, damee daldalaa fi hawaasa gidduutti mariiwwan fayyadamummaa waloo mirkaneessan gaggeeffamaniiru.

Labsii Niiwu Deelhii dandeettii dandamannaa waloo guddisuu, guddina dinagdee kalaqa bu’uureffate cimsuu, misooma waaraa babal’isuu, hariiroo uummatootaa cimsuu fi bulchiinsa idil-addunyaa keessatti bakka bu’iinsa fooyya’aa argachuuf gumaacha ol’aanaa taasiiseera.

Keessattuu dandeettii cimsuu fi kalaqa babal’isuu irratti kutannoon agarsiifameera.

Dabalataan, ‘BRICS’ biyyoota michuu fi guddachaa jiran waliin tumsa fayyadamummaa waloo fi misooma giddugaleeffate ijaaruuf kutannoo qabu ibsuun, hirmaannaa biyyoota kanneenii dinqisiifateera.

14/09/2026

Maanchistar Yunaayitid Abbootii Murtee Pirimeerliigii Ingilaandiin dhiifama gaafatameSMN- Fulbaana 04/2019Qaamni olaanaa...
14/09/2026

Maanchistar Yunaayitid Abbootii Murtee Pirimeerliigii Ingilaandiin dhiifama gaafatame

SMN- Fulbaana 04/2019

Qaamni olaanaa Abbootii Murtee Pirimeerliigii Ingilaandi to'atu galchiin tapha Maanchuriyaan darbirratti Siitiidhaaf lakkaa'amtee sirrii hin ture jechuun qaamni abbootii seeraa Pirimeerliigii Ingilaandii to’atu, Professional Referees Group (PGMOL), beeksiseera.

PGMOL ibsa baaseen, Eenzoo Feernaandeez taphataan Siitii wayita Eerliingi Biraawut Haalaandi galchii lakkoofsisu bakka taphaan alaa (ofsaayidii) keessa tahee osoo jiruu, kubbaa taphachuuf waan yaaleef, galchiin lakkaa'ame mirkanaa'uu hin qabu ture jechuun beeksiseera.

Gargaaraan abbaa murtii yeroo taphichaa galchiin lakkaa'ame ofsaayidii ta'uu isaa alaabaa olkaasuun agarsiisuus Gargaaraan abbaa murtii Viidiyoo (VAR) gidduu seenuun galchiin akka mirkanaa'u eeyyamuu yaada dhiyeessera.

Abbaan murtii sarara gidduu taphichaa Maayikeel Oliivar murtee kana kan fudhate yoo ta'u,taphichi akka itti fufu eeyyamuun ibsameera.

Taatee kun erga xumuramee booda mata-duree marii guddaa ta’ee akka tureefi PGMOL immoo waa’ee murtee kanaa ibsa baasera.

Ibsa isaa keessatti galchiin argame mirkanaa'uun dogoggora akka ture kan beeksise yoo ta’u, dhimmicha Maanchistar Yuunaayitidiif beeksisuu isaas ibseera.

Akkasumas, sababaa fi adeemsa murtee kanaa irratti qorannoo gadi fagoo gaggeessuuf akka jiru PGMOL beeksisera.

Darbiin Maanchuuriyaan 199ffaa injifannoo   xumurame***********************************Tapha Piriimiyeer Liigii Ingilaan...
13/09/2026

Darbiin Maanchuuriyaan 199ffaa injifannoo xumurame
***********************************

Tapha Piriimiyeer Liigii Ingilaandi torbee 4ffaa Istaadiyeemii Ooldi Tiraafoorditti taphatameen Maanchiistar Siitiin, Maanchiistar Yuunaayitiid 1 fi 0n injifachuudhaan yeroo afuriif walitti aansee milkaahina galmeessiseera.

Taphichaan Fiil Foodeen yakka Biruunoo Fernaandeez irratti raawwateen Kaardii Diimaadhaan dirreedhaa kan ari’ame yoo ta’u, Eerliing Haalaand daqiiqaa 60ffaa irratti goolii tokko Maanchiistar Siitiif galcheera.

Qabxii kana hordofee Maanchiistar Siitiin qabxii 12 walitti qabachuudhaan garaa garummaa gooliitiin Arsenaaliin caalee sadarkaa 2ffaa irratti kan argamu yoo ta’u, Maanchiistar Yuunaayitiid taphoota afran darban keessaa yeroo 2ffaaf moo’amuu isaatiin sadarkaa 13ffaa irratti gadi bu’uuf dirqameera.

ሰበር የድል ዜና!!!ከካምፕ ያመለጡ ወጣቶችን ለማስመለስ ተኩስ የከፈተው የህወሃት ታጣቂ ቡድን ተመታ።​ዛሬ 03/01/2019 ዓ.ም ጠዋት 3:00 ሰዓት አካባቢ፣ ከትግራይ ተንቤን በሐይል ታፍ...
13/09/2026

ሰበር የድል ዜና!!!

ከካምፕ ያመለጡ ወጣቶችን ለማስመለስ ተኩስ የከፈተው የህወሃት ታጣቂ ቡድን ተመታ።

​ዛሬ 03/01/2019 ዓ.ም ጠዋት 3:00 ሰዓት አካባቢ፣ ከትግራይ ተንቤን በሐይል ታፍሰው ከተያዙበት ካምፕ አምልጠው ወደ ዋግ በመጓዝ ላይ የነበሩ ወጣቶችን ለማስመለስ ተኩስ የከፈተውን የህወሓት ታጣቂ ቡድን የመከላከያ እና የሰላም አስከባሪ ሀይሎች በቅንጅት በወሰዱት አጸፋዊ እርምጃ እስከ ጥራሪ ወንዝ ኬላ ድረስ ገፍተው መልሰውታል።

​በወገን ሐይል በኩል የደረሰ ምንም ዓይነት ጉዳት የለም። በመሆኑም በማህበራዊ ሚዲያ በሚል የሚሰራጨው መረጃ ፍጹም ሐሰት ነው።

Tajaajilli Lammummaa Olka'insa Biyyaatiif !‎======================================Finfinnee ‎Fulbaana 02/2019; (SMN) God...
12/09/2026

Tajaajilli Lammummaa Olka'insa Biyyaatiif !
‎======================================
Finfinnee ‎Fulbaana 02/2019; (SMN)

Godina Boorana Bahaa Aanaa Walaabuu Lixaatti Dhaabbanni Gargaarsa Namoomaa fi Misooma Walaabuu ( ) Mana Barnoota Sad.1ffaa Odaa fi Laaqiitiif Meeshaalee Barnootaf Oolu deeggarsa taasisan.
‎

Address

Addis Ababa

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Sheger Media Network posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Sheger Media Network:

Shortcuts

Share