Hamiltan TV قناة هملتن

Hamiltan TV قناة هملتن قناة دينية ثقافية تربويه تبث باللغة المحليه وتنشر الثقافات الإسلامية
(2)

Jiilli pireesdaantii mana maree ol'aanoo dhimmoota Islaamummaa naannoo Oromiyaa Ustaaz Gaalii Muktaariin durfamu daaw'ii...
25/10/2025

Jiilli pireesdaantii mana maree ol'aanoo dhimmoota Islaamummaa naannoo Oromiyaa Ustaaz Gaalii Muktaariin durfamu daaw'ii isaa har'as itti fufee oolee jira

Oolmaa guyyaa har'aatiin Godina Harargee lixaa Aanaa Habroo Magaalaa Waaccuu Deemuudhaan iddoo barnoota ilmii Sheeyk Muhammad Zabuur Yuusuf daaw'ataniiru.

Pireesdaantichi ziyaaraa isaaniitiin mana Dubbisa Sheeyk Muhammad Zabuur Yuusuf ilaaluun,akkasumas majlisa isaanii kan isaan barattoota Ilmii kuma 4 ol itti barsiisan erga daaw'atanii booda kennaa addaa gumaachaniiru.

Kana males magaaluma Waaccuu kana keessatti Sheeyk Ahmad Ibroo kan Nahwiifi Sarfii barsiisuun beekkamuufis kennaa biraa kennaniiru.

Pireesdaantiin mana maree ol'aanoo dhimmoota Islaamummaa naannoo Oromiyaa Ustaaz Gaalii Muktaar nanaa hirnaa magaalaa hirnaattis madrasaa guddicha magaalattii Madrasaa madda Iimaanaa Daawwataniiru.

Imalli daaw'ii pireesdaantichi gaggeessaa jiran ammas kan itti fufu yoo ta'u TVn Hamiltanis hordofuudhaan daaw'attoota keenya biraan kan geenyu ta'a.

Jiilli Prezdaantii Majlisa Oromiyaan durfamu Godina Harargee Lixaatti daawwannaa isaa itti fufeera.Hamiltan:Onkoloolessa...
25/10/2025

Jiilli Prezdaantii Majlisa Oromiyaan durfamu Godina Harargee Lixaatti daawwannaa isaa itti fufeera.

Hamiltan:Onkoloolessa 15/2018 Finfinnee
Jilli Prezdaantii Majilisa Oromiyaa Sh/Gaalii Muktaariin durfamu guyyaa kaleessaa daawwannaa hojii isaa Godina Harargee Bahaa irraa eegale hardhas itti fufuun gara Godina Harargee Lixaatti taasisaa jira.

Hoggansi Majlisaa Godinaa Harargee Lixaa Jila Hoggansa Majlisa Oromiyaa Daawwannaa Hojiif bobba'ee Galateeffannaa fi Kennaa Aadaa Hawaasa isaanii beekkamuun Anaa dhufuu baga nagaan dhuftanii gammannee baga gammaddan jechuun keennaa gumaachanii jiruu.

Walumaagalatti Daawwannaa fi gamaggamni Sochii Hojii Harargee Lixaa eebba Ulamoota gurguddoon xumuruun jilichi Imala Sochii Hojii kidmaa hawaasa Islaamaatiif Imala isaa itti fufeera.

Oromiyaa

Jiilli Prezdaantii Majlisa Oromiyaa Ustaaz Gaalii Muktaariin Durfamu Daawwannaaf Harargee seenaniiru.Hamiltan: Onkololee...
24/10/2025

Jiilli Prezdaantii Majlisa Oromiyaa Ustaaz Gaalii Muktaariin Durfamu Daawwannaaf Harargee seenaniiru.

Hamiltan: Onkololeessa 14/2018 Finfinnee
Jiilli Prezdaantii Majlisa Oromiyaa Ustaaz Gaalii Muktaariin durfamu daawwannaa hojiitiif biyya hayyootaa Ulamootaa harargee seenee jira. Yeroo isaan magaalaa Ciroo ga'anitti hoggantoonni Majilisaa olaanoo fi hawaasni baldhaan simannaa taasiseefi jira. jila fi hawaasni Muslimaa jirutti Daawwannaa ykn Ziyaaraa hojiif imala Kidmaa Islaamummaa isa Jalqabaa taasisaa jira.

Daawwannaa/Ziyaaraan Kun Godina Harargee Bahaatti kan itti fufuu fi Godinoota Ollaa dabalatee Ziyaaraan addaa addaa kan gaggeeffamu fi Sochiin hojii Hoggansaan hojjetamaa jirus ni daawa'atamu. Nutis hordofnee bal'inaan kan isin biraan geenyu ta'a.

Su'ud Arabiyaan Dr.Saalih bin Fawzaanii  Muftii Wolii galaa gootee muudde.Hamiltan:Onkoloolessa 12/2018 FinfinneeSu'udii...
22/10/2025

Su'ud Arabiyaan Dr.Saalih bin Fawzaanii Muftii Wolii galaa gootee muudde.

Hamiltan:Onkoloolessa 12/2018 Finfinnee
Su'udii Arabiyaan Muftii ishee duraanii Sheyk Abdulaziiz Aal Sheyk gara aakiraa godaanuu isheetiin kan dhabde yoo ta'u bakka isaanii Dr.Saalih bin Fawzaanii Muftii Wolii galaa biyyattii gootee muuddee jirti.

22/10/2025

Boqonnaan Yoomi?
Gaafa Miila koo Tokkoon Jannata keessa Eejjedhe. Imaamu Ahmad.

Of eeggannoodhaafNamoonni lama saamicha raawwachuuf miliquuf yaalan to'atamuun qorannoon irratti gaggeeffamaa jiraachuun...
22/10/2025

Of eeggannoodhaaf

Namoonni lama saamicha raawwachuuf miliquuf yaalan to'atamuun qorannoon irratti gaggeeffamaa jiraachuun Poolisiin magaalaa Finfinnee ibse.

Hamiltan:Onkoloolessa 12/2018
Shakkamtoonni kun uffannaa Polisii Federaalaa fakkaatu uffachuun saamicha raawwatanii miliquuf kan yaalan magaalaa Finfinnee Kutaa magaalaa Boolee Aanaa 14ffaa Jaakroos bakka jedhamutti Onkoloolessa 11/2018 ture.

Abraham Ashanaafi Daagim Birhanaa kan jeehaman,saamicha kana kan raawwatan dubartii Radiet Ahmad jedhamtu irratti ta'uu Poolisiin magaalattii ibseera.

Radi'eet Kutaa magaalaa Akaakii Aanaa 3ffaa bakka addaa Abbaa Saamu'eel 140 jedhamuun mana hojii ishee cuftee konkolaataa ishee lakkofsi koodii isaa 2B 88595 qabattee utuu konkolaachisaa jirtuu meetira xiqqoo booda dhaabsisanii ishee dudduuba seensisuun ofii isaaniitii konkolaachisuu eegalu.

Shakkamtoonni kunis ishee erga dudduuba irra kaa'anii booda qarshii kuma 500 akka akkaawontii isaaniitti dabarsitu ajaju. Isheenis qarshii isaan gaafatan kana akka hin qabne ibsiteef. Sana booda qarshii isheen harkatti qabattee turte kuma 8fi700 akkasumas bilbila harkaa 2 ishee harkaa fuuchuudhaan konkolaataa ishee kallattii ofii fedhanutti konkolaachisuu eegalan.

Shakkamtoonni kunis utuu konkolaachisaa jiranuu konkolaataa biraatiin wolitti bu'uudhaan balaa tiraafikaa geessisuun konkolaataa keessaa bu'anii miliquuf utuu yaalanii yaalanii birmannaa ummataa fi Poolisii tiraafikaa naannoo sana ture Saajin Faantaahuun Alamnee jedhamuun shakkamtoonni kun to'atamaniiru.

Shakkamtoonni kun uffannaa Poolisii Federaalaa fakkaatu uffachuun saamicha kana raawwatan akka ta'aniifi miseensa poolisii Federaalaa akka hin taane mirkaneeffanneerra,badii kanaan wol qabatee qorannaa dabalataaf gochaa jiraachuu Polisiin Magaalaa Finfinnee ibseera.

Hogganaan Hajjii fi Umuraa Itiyoophiyaa Dr.Muhammad Saalih Jamaal Su'udiitti Ambaasaaddara Itiyoophiyaa Dr.Muktaar Kadir...
21/10/2025

Hogganaan Hajjii fi Umuraa Itiyoophiyaa Dr.Muhammad Saalih Jamaal Su'udiitti Ambaasaaddara Itiyoophiyaa Dr.Muktaar Kadir woliin marii taasisan.

Hamiltan:Onkoloolessa 11/2018 Finfinnee
Hoogganaan Hajjii fi Umraa Majlisa Federaalaa Dr. Mohammed Salih Jamaal bakka bu'oota mootummaa Itoophiyaa kanneen Sa'udi Arabiyaatti argaman Embaasii fi qoonsila biyya Riyaad fi Jiddah waliin mariin gaggeessaniiru.

Dr. Mohammedsaalih Jamaal akka ibsanitti, hujjaajota bara kanaatiif tajaajilli kennamu sadarkaa caalmaa qabuu fi keessumoonni itti gammadduu qaban akka ta'uuf dursee qophiin jalqabaa akka taasifamu gaggeeffamaa jira jedhan.

Aakkasuma Ambaasaaddarri Itoophiyaa kan Saudi Arabiyaatti argaman Dr. Muktaar Kadir akka ibsanitti; waliin hojjechuun hajjaajonni tajaajila barbaachisaa argachuu akka danda'an irratti waliigaltee cimsuu fi qophii ta'uu isaaniiru.

Dr. Mohammedsaalih Jamaal simannaa jaallatamaa fi kabajaa qabu kan Ambaassaadara Sa'udii Dr.Muktaar Kadirii fi Hojjettoota qoonsila biyya sa'uudiitiin taasifameef galateeffachuun, bara kana Hijjii1447 (2018 A.L) tajaajilli hajjii haqa qabeessa, saffisaa fi iftoomina qabu kennuuf karoora haarawa diriirfamu ibsanii jiru.

Itti gaafatamtoonni biiroo - Haji Abdulaziiz Aloo fi Haji Abdulfattaah Abraar akka jedhanitti tajaajilli bara kana hujjaajotaaf kennamu haala rakkina kan of keessaa hin qabneefi fi sirnaan tajaajilamu akka ta'uuf hojii qindaa'aa hojjetamaa jiru ibsaniiru.

Akkasuma dhaabbileen Mekkaa fi Madiinaa keessatti argamanu hujjaajotaaf tajaajila bu'uuraa kennuu danda'an tartiibaan karaa iftoomina qabuun akka filaman taasifamu, kanaafis beeksisni dorgommii yeroo dhiyootti ni labsama jedhameera.

Qorannoon kaffaltii fi baasii tajaajila Hijjii 1447 (2018 A.L) haalli hojii hajjii qophiin biyya keessaa fi Sa'udii Arabiyaa keessatti gaggeeffamaa jiru akka xumurameen dhuma irratti uummataaf kan ibsamu ta'uu Dr. Mohammedsaalih Jamaal ibsaniiru.

Waldaan deeggarsa darasootaa fi qubsuma ulamaa hundeeffame.Magaalaa shaggar kutaa magaalaa furiitti waldaan deegarsa dar...
21/10/2025

Waldaan deeggarsa darasootaa fi qubsuma ulamaa hundeeffame.

Magaalaa shaggar kutaa magaalaa furiitti waldaan deegarsa darasootaa fi qubsuma ulamaa iddoo walitti qabaan ulamaa itoophiyaa Dr Alii Muhaammad ( alii jimmaa) argamanitti hundeeffame.

Akka ibsa koree waldaa kanaatti Waldaan deeggarsa darasootaa fi qubsuma ulamaa kun akka lakkoofsa itoophiyaatti bara 2012 kan bu’uureffame yoo ta’u, waggoota 3 booda bara 2015tti mana maree ol’aanoo naannoo oromiyaa irraa waraqaa ragaa baafachuun ifatti seera qabeessummaadhaan socho’uu eegale.

Yeroo sanatti godinaalee oromiyaa kanneen akka bunnoo baddallee, jimma, shawa, baale, arsii fi harargee fa’a keessaa darasoota kuma 18-25 horachuus koreen kun mirkaneessee jira.

Haa ta’uu malee adeemsa keessa sababa qaala’iinsa jireenyaatiin wal-qabate darasoonni humna dhabuudhaan harcaatiin kan uumamee fi lakkoofsi barattoota dhaabbata kana akkaan hir’achuun mul’ataa ture.

Kanumarraa ka’uudhaan lakkoofsi namoota barnoota diinii baratanii hir’achuun waan isa yaachiseef bifa haaraan waldaa kana haaressuu fi miseensa isaa baay’isuu irratti xiyyeeffachuun guyyaa kaleessaa bifa gaarii ta’een banameera.

Hojiiwwan dhaabbanni kun hojjataa jiru kan ibse yoo ta’u koreen waldichaa hanga ammaatti naannoo oromiyaa godinaalee garagaraa keessatti ulamaa 25 kan qubsiise yoo ta’u, tokkoo tokkoo ulamaa qubachuuf qarshii itoophiyaa miliyoona 4 fi kuma 500 ol baasii akka gaafatus himaniiru.

Kana males darasoota maatii isaanii biraa bahanii dhukkubsatan deeggarsa wal-aansaaf ta’u gochuu fi kanneen kitaaba irraa baratan bitachuu hin dandeenyeef ammoo bifa deeggarsaatiin kitaaba bituufi uf keessatti kan hammatuudha.

Hundeeffama ammaa kanaan booda ammoo magaalaa handhuura biyyaa taate shaggar keessatti mana ijaaruun darasoonni yeroo imala isaanii akka keessa bulanii darban gochuufis hojjatamaa jirachuu sheik muhaammad saanii kadiir himaniiru.

Sababni ijaarsa manichaa ammoo rakkoowwan baasii fi saamichaan wal qabatan darasoota barnootaaf imalan irraa hambisuuf akka ta’es ragaa bahaniiru

Manni maree ol'aanoo dhimmoota Islaamummaa magaalaa Shaggar leenjii kennuu eegale.Hamiltan:- 9/2018. Finfinnee Manni mar...
20/10/2025

Manni maree ol'aanoo dhimmoota Islaamummaa magaalaa Shaggar leenjii kennuu eegale.

Hamiltan:- 9/2018. Finfinnee

Manni maree ol'aanoo dhimmoota islaamummaa magaalaa shaggar hoggantoota majliisa kutaalee magaalattiitiif kennuu eegale.

Leenjiin kanus hoggantoonni majliisa kutaalee magaalattii bilchinaan akka ummata tajaajilaniifi rakkoo ummata musliimaa hiikuuf akkasuma dursanii ittisuu irratti kan hundaa'ee dha.

Kana males ummanni musliimaa hundi tokkummaa isaa eeggatee nageenya dhuunfaa isaa akka eeggatuufi nageenya biyyaatiifis shoora (gahee) isaa bahachuu akka qabus kaasaniiru.

Hoggantoonni majliisa kutaalee magaalaa shaggar labsii fi dambii isaaniif kenname irratti hundaa'uun qajeelfama gubbaa gadi bu'uu qabachuun ummata isaanii tajaajiluu akka qaban dhaaman.

"Gochi kun  Faallaa Sunnaati".  Kora Ulamoota Oromiyaa.Hamiltan:Onkoloolessa 10/2018 FinfinneeKorri Ulamoota Oromiyaa dh...
20/10/2025

"Gochi kun Faallaa Sunnaati". Kora Ulamoota Oromiyaa.

Hamiltan:Onkoloolessa 10/2018 Finfinnee
Korri Ulamoota Oromiyaa dhimma Awwaalcha Muftii Haji Umar irratti ibsa laateera.

Ibsa isaatiin akka jedhetti,Muftii Umar Idiriis utuu hin du'in dura bakka awwaalcha muslimootaatti utuu hin taane mooraa isaanii keessatti akka awwaalamaniif dhaammachuun isaanii ummata muslimaa gidduutti gaaffii ajaa'ibsiifannoo guddaa uumeera jedhe korichi.

Dhimma akan irratti ummataaf ifa galchuun dirqama ta'ee argineera. Dhimma awwaalchaatiin wol qabatee akka sunnaa ergamaa Rabbiitti (SAW) namni tokko bakka awwaalcha muslimaatti awwaalamuu qaba. Gochi nama tokko qophaatti baasanii awwaaluu salafoota irrallee argamee hin beeku yoo wonni dirqisiisu hin jirre. Akkuma Ergamaan Rabbii (SAW) gola Aayishaa keessatti ajaja Rabbiitiin isaan qofaaf kan namni biraa irratti hin dhufin.

Ulamoonnis dhimma kana irraa dhorkanii jiru. Namni tokko mana isaa keessaatti masjida keessatti bakka awwaalcha muslimaa irraa addatti awwaalamuu dhorkanii jiru.
Kunis ammoo rakkinoota armaan gadiitiif sababa akka hin taaneefi.

1,Awwaalcha mana keessatti gochuun gara barakaa ittiin barbaaddannaafi daangaa darbuu waan fiduuf.
2,Nama du'e du'aa'ii worra awwaalcha muslimootaa zayyaranii waan dhabsiisuuf
3, Qajameelfama ergamaa Rabbii (SAW) bakka wolitti qabama awwaalcha muslimootaa irra adda ba'uudhaan.
Kanaaf nuti gocha kana ni mormina. Addeemsa faallaa sheri'aa akka ta'ettis ilaalla.

Kanaafuu maatii fi ahlii nama ganda aakiraa godaane kanaa,Janaazaa kana bakka sanaa baasuudhaan gara awwaalcha muslimootaatti akka geessan ni gaaffanna yoo ni mijaa'a ta'e. Kuni ammoo faallaa sunnaa dhaabbachuu dhabuufi sheeri'aa Rabbiif kabajuuf jecha.

Kana males immoo Hunda namaatii waamichi nuti goonu Sheyka kanaaf Magfiraafi Rahmata akka kadhattanudha. Dogoggora kanas akka gara falmiifi qormaata biraatti akka hin jijjiirre.
Kora Ulamoota Oromiyaa

Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa Magaalaa Adaamaatti Waajjirri Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa Kutaa Magaalaa Boolee Sa...
20/10/2025

Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa Magaalaa Adaamaatti Waajjirri Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa Kutaa Magaalaa Boolee Saaqame.

Onkololeessa 09,2018 Rabi'ul Saanii 27,1447 Hijri
Adaamaa

Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa Magaalaa Adaamaatti Waajjirri Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa Kutaa Magaalaa Boolee iddoo hoggaansi Ol'aanoo garagaraa argamanitti Saaqamun hawaasaf taajajilaa kennuu eegale

Sirna baniinsa waajjira kanaa irratti argamuun erga kan dabarsaan Dura Bu'aan Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa Magaalaa Adaamaa Sh/Mahmud Huseen Manni Marii Dhimmoota Islaamummaa Kutaa Magaalaa Boolee hojiilee gaggaarrii fi fakkeenyummaa qaban hojjacha jirachuu ibsuun waajjira har'a baname kana hawaasni bal'aan cimee akka itti taajajilamuu dhaamani jiru.

Kallaattilee hojii Mana Maricha kan kennaan Barreessaan Ol'aanaa Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa Magaalaa Adaamaa U/Abdurrahiim Tashaala Badhaasoo waajjirri taajajila si'ata ummata kennuuf murteessadha jedhan. Manni/M/Dh/Is/K/M/Boolee kana hubatee waajjira giddugala magaalaaa kan taate kutaa magaalaa Booolee keessatti hawaasaf saaquun kaka'uumsa gaarii ummataf akka uumu ibsaniiru. Kanuma hubachuun hawaasni waajjira mana marichatti fayyaadamuu akka qabu erga dabarsanii jiru. Kallaatti hojiilee kennaniin:-
1. Kaayyoo filannoo bara 2017 adeemsifame milkeessuuf tokkummaa fi gamtaan hojjachuu
2. Caasaa cimaa ijaaruu
3. Karooraan Mana Marii gaggeessuu fi
4. Hoggaansummaa irratti cichiine hojjachuudha.

Dura Bu'aa Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa Kutaa Magaalaa Boolee Sh/Abdulaziiz Sh/Aliyyii waajjirri baname kun bu'aa filannoo xumura bara 2017 tti adeemsifame ta'uu ibsuun waajjirichi taajajila hawaasni barbaaduuf akka banamee ibsanii jiru.

Barreessaa Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa Kutaa Magaalaa Boolee obbo Muusaa Ahmad adeemsa waajjirichi ittiin baname bal'inaan hawaasaf ibsuun cimaani gara fuuldurattis akka hojjaatan dhaamaniiru.

Adeemsa yeroo keessa gara  Shirkii gara Qabrii gabbaruutti sababa ta'ee akka hin geessine sodaa qabna. Kora Ulamoota Iti...
20/10/2025

Adeemsa yeroo keessa gara Shirkii gara Qabrii gabbaruutti sababa ta'ee akka hin geessine sodaa qabna. Kora Ulamoota Itiyoophiyaa

Hamiltan:Onkoloolessa 10/2018 Finfinnee
Bu'uura Sheri'aa hordofuudhaan,Tokkummaa Ummataa eeguudhaan,Faayidaa woloo ilaalcha keessa galchuudhaan,Korri Ulamoota Itiyoophiyaa,Perezdaatii Majilisa Itiyoophiyaa duraanii Muftii Umar Idiriis sirna awwaalcha isaanii irratti,Perezdaanziin mana marichaa,Ulamoonni gurguddoon,Hayyoonni Masjiida Nuuritti argamuun Salaatul Janaazaa sagaduun sirna gaggeessaa taasisneerra.

Itti aansuunis itti gaafatamummaadhaan qaamota sirnichaa qindeessan woliin gara iddoo gaggeessaa Galma Barkumeetti argamanee gara iddoo boqonnaa isaaniitti gaggeessineerra.

As irratti wonni nuti itti yaaduu barbaachisu,dhaamsa isaanii hordofee bakka awwaalcha muslimootaatiin alatti, addatti mana isaanii cinaatti akka awwaalamaniif murteen murtaa'e akka biyya keenyaatti seenaa keessatti taatee argamee hin beeknedha. Tawhiida eeguuf jecha nutis gocha kana cimsinee balaaleffanna.

Gochochi dhaloota itti aanuuf adeemsa yeroo booda gara shirkii gara qabrii gabbaruutti sababa karaa geessuu akka hin taane ni sodaanna. Korri ulamootaa dhimmi kun yoo murtaa'us ta'e yoo hojii irra oolu odeeffannoo dursaa tokkollee akka hin qabne akka beekamu barbaanna.

Dhimmicha irratti Perezdaantii mana marichaa dubbisnee kan turre yoo ta'u,Maatii Muftii Umar Idiriisiifi qaama dhimmi ilaallatu woliin bakki awwaalchaa bakka awwaalcha muslimootaa akka ta'uuf yaalii godhanullee akka hin milkoofne nuuf ibsaniiru.

Korri ulamootaa kabajaa Tawhiidaa eeguufi shirkii irraa dinniinuuf,Ummata keessatti waan kana fakkaatu irratti hubannoon sheri'aa sirrii ta'e akka gadi dhaabbatu adaraa jedha.

Sheyk Dr.Alii Muhammad
Perezdaantii Kora Umaloota Itiyoophiyaa

Address

Addis Ababa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Hamiltan TV قناة هملتن posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Hamiltan TV قناة هملتن:

Share