17/03/2024
Wantota sooma keessa eeyyamaman
**************************
1/ Bishaan keessa seenuu fi ofirra naquun, dhangalaasuun ni taa.
Hadiisa keessatti akka dhufetti Rasulli (SAW) haala soomaa jiranuun dheebuu ykn gubaarraa kan kaโe bishaan ofirra dhanglaasu turanโ. Ahmad, Maalikii Fi Abuu Daawudtu sanada sahihaan gabaasan.
Fedhii namtichaatiin male yoo bishaan garaa isaa seene soomni isaa hin cabu.
2/ Janaabaan osoo jiranii fajriin namatti ba'uun sooma hin miidhu.
ููู ุงูุตุญูุญูู ุนู ุนุงุฆุดุฉ ุฑุถู ุงููู ุนููุงุ ุฃู ุงููุจู ุตูู ุงููู ุนููู ูุณูู
" ูุงู ูุตุจุญ ุฌูุจุงุ ููู ุตุงุฆู
ุ ุซู
ูุบุชุณู ".
Bukhaarii fi Muslim keessa akka jirutti Rasuulli (SAW) soomaatuma janaabaan bulanii ganama erga ifee dhiqatu ture.
3/ Kuulii ijaa kuullachuu, ijatti waa cobsachuu fi kkfn ituma dhandhamni isaa itti dhaga'ameellee sooma hin cabsu.
ูุนู ุฃูุณ: " ุฃูู ูุงู ููุชุญู ููู ุตุงุฆู
".
Anasirraa akka dhufetti odoma soomaa jiruu kan kuullatu ture.
4/ Nama of eeggachuu dandaโuuf haadha manaa isaa dhungachuun ni eeyyamama:
ููุฏ ุซุจุช ุนู ุนุงุฆุดุฉ ุฑุถู ุงููู ุนููุง ูุงูุช: " ูุงู ุงููุจู ุตูู ุงููู ุนููู ูุณูู
ููุจู ููู ุตุงุฆู
ุ ููุจุงุดุฑ ููู ุตุงุฆู
Aa'ishaa irraa akka odeeffametti Rasuulli (SAW) โosoo soomanii kan dhungatan turanโ. Hadiisni umar irraa odeeffames akka inni eeyyamamu agarsisa. Kana keessatti jaarsaa fi dargaggoo osoo adda hin basin yoo kan shahwaa /fedhii/ kaasu taโe dhorgamaa dha. yoo homaa fedhii hin kakaafne taโe rakkoo hin qabu.
5/ Koobbannaa:
ููุฏ ุงุญุชุฌู
ุงููุจู ุตูู ุงููู ุนููู ูุณูู
ููู ุตุงุฆู
ุฑูุงู ุงูุจุฎุงุฑู
Bukhaarii keessatti akka dhufetti ergamaan Rabbii (SAW) soomaa koobbataniiru. Khilaafni jidduu ulamaa ni jira. Garuu yoo kan dhiigni baโu qaama namichaa dadhabsiisee sooma irraa isa laaffisu taโe dhisuutu filatamaa dha.
6/ Lulluuqqachuu fi bishaan funyaan seensisuu:
Lulluuqachuu fi bishaan funyaan seensisuun rakkoo hin qabu. Garuu fuuyaan seensisuu kassatti daangaan gaโuun barbaachisaa miti.
ูุนู ูููุท ุงุจู ุตุจุฑุฉ ุฃู ุงููุจู ุตูู ุงููู ุนููู ูุณูู
ูุงู: " ูุฅุฐุง ุงุณุชูุดูุช ูุฃุจูุบุ ุฅูุง ุฃู ุชููู ุตุงุฆู
ุง ".ุฑูุงู ุฃุตุญุงุจ ุงูุณูู. ููุงู ุงูุชุฑู
ุฐู: ุญุณู ุตุญูุญ.
Laqiix Ibnu Saburaa irraa akka odeeffametti Rasuulli (SAW) akkana jedhan: โYeroo funyaan seensifattu yoo kan hin soomne taate daangan gaโiโ. warra sunanaa arfantu gabaasan.
Namni soomu qoricha funyaan keessa kaa'achuu beektoleen dhowwaniiru. Nama lulluuqqatuu fi bishaan funyaan seensifatu kassatti yoo osoo inni hin barin bishaan garaa seene soomni hin badu jecha jedhutu filatamaa dha.
7/ Beektoleeen akka jedhanitti marfee waraannachuunis sooma hin cabsu.
8/ Akkasumas wantootni eeggachuf hin mijoofne kanneen akka gororaa, dhukkee /quttoo karaa irraa, daakuu mana baaburaatii namatti quttaa'uu fi kkf sooma hin cabsan.
ูุงู ุงุจู ุนุจุงุณ: ูุง ุจุฃุณ ุฃู ูุฐูู ุงูุทุนุงู
ุงูุฎูุ ูุงูุดุฆ ูุฑูุฏ ุดุฑุงุกู.
Ibnu Abbaas akka jedhetti namni nyaataa fi wanta bituu fedhu dhandhamuun sooma isaa hin cabsu. Foolii gaari urgeeffachuun, sh*ttoo garaa garaa dibachuun, kuuliinii fi kkfโโn sooma hin cabsan.
9/ Nama soomuuf hanga fajriin bahutti nyaachuu, dhuguu fi wal-qunnamuun ni eyyamama.
ุฑูู ุงูุจุฎุงุฑูุ ูู
ุณูู
ุ ุนู ุนุงุฆุดุฉ ุฑุถู ุงููู ุนููุง: ุฃู ุงููุจู ุตูู ุงููู ุนููู ูุณูู
ูุงู: " ุฅู ุจูุงูุง ูุคุฐู ุจูููุ ููููุงุ ูุงุดุฑุจูุงุ ุญุชู ูุคุฐู ุงุจู ุฃู
ู
ูุชูู
".
Aaโishaa irraa akka odeffametti Rasuulli (SAW) akkana jedhan "Bilaal halkaniin azaanaa hanga Ibnu ummi maktuum azaanutti nyadhaa dhugaa." Bukhaari fi Muslimtu gabaasan.
Ibnu ummi Maktuum kan azaanu yeroo salaanni ga'e eeggateeti.
10/ Dubartiin aadaa ji'aa /haydii qabdu ykn dhiiga dahaa qabdu yoo fajrii dura irraa cite eega fajriitii dhiqattee soomu ni dandessi.
Abu Najat TA