26/09/2025
"Ayyaanni Masqalaa karaa nagaa fi duudhaa isaa eeggateen akka kabajamuuf xiyyeeffannoon hojjetameera" Dr. Tashoomaa Addunyaa
---
Magaalaa Shaggar Kutaalee Magaalaa hundatti sirni Daamaraa ibsuu karaa duudhaa amantichaa eegee fi karaa nagaatiin kabajameera.
Sirna Daamaraa ibsuu akka Magaalaa Shaggaritti Kutaa Magaalaa Eekkaa Xaafootti kabajame irratti Sadarkaa Itti Aanaa Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti Kantiibaan Magaalaa Shaggar Dr Tashoomaa Addunyaa fi Ittigaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Magaalaa Shaggar Obbo Alamaayyoo Tulluu dabalatee hoggantoonni magaalaa, Kutaa Magaalaa, abbootiin amantaa fi hordoftoonni amantichaa argamuun gaggeeffameera.
Kantibaan Bulchiinsa Magaala Shaggar Dr. Tashoomaa Adunyaa saganticha irratti yaada kennaniin, Ayyaanni Masqalaa fi Sirni Daamaraa ibsuu ayyaanota dirree irratti saboota sab-lammootaa fi uummattoota biyya keenyaatiin tokkummaa fi obbolummaan kabajaman keessaa isa tokkodha jedhan.
Magaala Shaggarittis, Ayyaanni kun karaa nagaa fi duudhaa isaa eegeen Kutaalee Magaalichaa hunda keessatti bifa hawwataa ta'een kabajamee akka xumuramuuf hawaasa akkasumas hordoftoota amantichaa hirmaachisuun xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuus eeraniiru.
Madda:- Laike Wengel Lammesa Milkessa