
28/07/2024
Yesuus kuni ijoo, hidhannoo ajjeesu hidhatee mitiim kan inni nama booji'u. Lubbuu isaa dabarsee namaaf kennuudhaan, "du'a kee ani siifan du'a; ati yoo duute humna ittiin du'a mootee kaatu hin qabdu, ani garuu humna du'aa jalatti qabamee turuu waan hin dandeenyeef du'akee du'ee humna du'aa mo'ee waanan ka'uuf siifan du'a jedhee dhugumaan ilmaan namootaaf fannoo Gaara Golgootaatti olba'ee lubbuu isaa kan kenne, akkuma jedhe ammoo guyyaa 3ffaatti du'aa ka'uun, jaalalaan namoota kan bitedha.
Gooftaa Jaalalaa Yesuus!