12/09/2025
Bulchiinsi Tirampi ajaja labsii US Kaaba Itoophiyaarratti bara bulchiinsa Baayidan baaste akkuma jirutti akka itti fufu murteesse
OSM: Bulchiinsi Prezdanti Doonaaldi Tirampi ajaja labsii Yuunaayitid Isteetis rakkoo nageenyaa Kaaba Itoophiyaa ilaaluun baastee turte ammas haalli jiru waan hin fooyyofneef akkasumaan akeekkachiisni kun akka itti fufu murteesse.
Ajaji labsii kun taateen Kaaba Itoophiyaa nageenya naannoof rakkisaa ta’uu, nageenya biyyaalessaa akkasumas imaammata Yuunaayitid Isteetisiif illee gufuu akka ta’e kaa’eera.
Labsii Bulchiinsi Tiraampi seerumama isaa dheeresse kun kan labsame bara bulchiinsa Prezidanti Bayidan Fulbaana 17, 2021 yoo tahu, innis labsii Prezdantii 14046 ta’uunsaa ni yaadatama.
Ajaji labsii Roobii darbe masaraa Waayit Haawus irraa ifoome, “ammas haalli taatee Kaaba Itoophiyaa nageenya Itoophiyaaf, Gaanfa Afriikaaf darbees imaammata Yuunaayitid Isteetis adeemsituuf gufuu akka ta’etti itti fufee jira” jedhee jira.
Ajaji labsii duraan ture akka dheeratee raawwiinsaa itti fufu ta’e kun, Fulbaana 17, 2025 boodas raawwiinsaa akkaataa ajaja labsii pirezidantii 202(d) irratti ibsameen kan ittui fufu ta’uu isaa Pirezidanti Tirmapi mirkaneessaniiru.
Kana boodas erga maxxanfameen booda, gara mana maree bakka bu’ootaa, Koongirasiitti, ergamas jedhameera.
Fulbaana 08, 2023, bulchiinsi Prezidanti Baayidan ajaja labsii Itoophiyaa ilaallatu kan yeroo lammataaf raawwiisaa kan dheeressee ture. Yeroo sanattis rakkoo Kaaba Itoophiyaatti mudate hordofee labsii kana qoqqoobbii namoota haala sochii gargaarsa namoomaa danqanii fi sarbiinsa mirga namoomaa keessaa harka qabanillee qoqqobbii irra kaa’eeti ture.
Ajaja labsii kallttiin Prezidanti Baayidan Fulbaana 2021 wayita lolli Tigraayi, Affaari fi Oromiyaa keessatti hammaatee ture kan labsanii turan yoo ta’u, walitti bu’iinsi kuni taateewwan hamaa akka ajjeechaa, sarbiinsa mirga namaa, gudeeddii fi gargaarsa namoomaa danquu waan keessummeef, haalli kun nageenay biyyaalessaa fi imaammataa alaa Yuunaayitid Isteetis kan gufuu ta’udha jechuun farrajee akeekkachiisuunsaa ni yaadatama.