30/08/2026
Dargaggoonni Dhangaggoo Mana Barumsa Sadarkaa lammaffaa nu barbaachisa jechuun gaafii dhiheeysan.
(DHANGAGGOO SECONDARY SCHOOL)
Dhangagoon, Godina Harargee Bahaa aanaa Haramayaa jalatti kana argamtu hoggaa tahu iddoo murteeysaa daandiin Finfinnee dhufee Hararii fi Dirree Dhawaa addaan itti maquudha.
Naannawni Dhangaggoo baroota dheeraaf hayyoota jajjaboo sadarkaa Itoophiyaatti oomishaa kan turee fi akka aanaa Haramayatti baayyina barattootiin sadarkaa jalqabaarra jirtuudha. Haa tahuu malee sababa mana barumsa Sadarkaa lammaffaa dhabuutiin barattoonni ciccimoon meeqa barumsa isaanii addaan kutanii qe'eetti galanii taa'uuf diqamaa turan.
Barattoonni Dhangaggoo hanga kutaa 8ffaa mana barumsa Dhangaggootti baratanii yeroo xumuran kutaa 9ffaa barachuuf carraan isaan qaban gara magaalota akka Haramayaa, Addeellee, Qarsaa fi Dirree Dhawaatti imaluudha. Manneen barnoota kanneen fageenya kilometera 10-20 irratti waan argamaniif barattoonni dhibbaan lakkaawaman kanneen rakkoolee akka, Geejjiba dhabuun yeroon barnoota irraa gubachuu, Balaa konkolaataatiin miidhamuu fi baasii garmaleetiif saaxilamaa jiraachuu himan.
Kanaaf Ijoolleen Dhangaggoo barnoota sadarkaa 2ffaa argachuuf fagoo deemuu ykn rakkoo adda addaatiif saaxilaamuu hin qaban jechuun dargaggoonni gaafii isaanii gara miidiyaa hawaasaatiin dhiheeysaa jiraachuu Oromia Vision Mediatti himan.
Dhangaggoon ijoollee dandeettii, ifa sammuu fi abdii boruu qaban hedduu kan qabduudha. Kanuma hubachuudhaan hawaasni keenyaas mana barnoota sadarkaa 2ffaa itti ijaaruuf maallaqa walitti qabanii, iddoo ijaarsaaf taatu erga qopheeffatanii booda, maqaa Investmentiitiin iddoon hawaasni qopheeyfate abbootii qabeenyaatiif dabarfamee akka duraa kennamtees dargaggoonni Dhangaggoo Oromia Vision - OV tti himan.
Dur Dhangaggoon bulchiinsa aanaa lama, Aanaa Qarsaa fi Aanaa Haramaayaa jala turte. Amma garuu sirni bulchiinsaa jijjiiramee Maya City taatee waan jirtuuf rakkinoonni duraan turan ni jijjiirama je'anii abdii guddaa akka qabaniis himan.
Barnoonni invastimantii yeroo dheeraa keessatti bu’aa isaa dhaloota hedduuf kennuu waan taheef
Dhangaggoo keessatti mana barnoota sadarkaa 2ffaa ijaaruun boruuf dhaloota ijaaruu akka tahees himan.
Dhimmi kun xiyyeeffannoo argatee, furmaata waaraa akka argatuuf mootummaa fi qaamoleen dhimmi ilaallatu hundi shoora gama isaanii akka bahatan gaafii isaanii cimsanii dhiheeysaa jiru.
Linkii kanaan OROMIA VISION MEDIA hordofaa
https://youtu.be/9nwuCl_poDc