31/10/2024
Sakatta’iinsa Adeemsa Magaalomsuu: Barbaachisuummaa Hammatoo Haaraa Oromiyaa
Seenduubee
Qaroominni kamuu ka’umsa isaatiif magaalaa maqaa dhahata. Dh.K.D. bara 4300 irraa eegalee, magaalonni seenaa dhala namaa keessatti jijjiiramootafi warraaqsoota gurguddaaf mandhee ta’uun tajaajilaniiru. Haata’u malee, magaalaan wiirtuu jijjiirama ijoo kan ta’e, adeemsa magaalomsuu bara seenaa ammayyaa (modern age urbanization) keessa. Yeroo kanaa kaasee, magaalonni giddugala murteessoo dinagdee, siyaasafi hawaasummaa — daldala, gabaa, carraa hojii, ogummaa, galii, tajaajila, barnoota, saayinsii, teeknoolojii, aartii, ogbarruu, siimboo caasaa olaanaa (superstructure) fi kan biroo ta’uun tajaajilaniiru.
Yeroo ammaa ummata addunyaa keessaa walakkaan jiraataa magaalaa yoota’u, omisha waliigalaa (GDP) addunyaa keessaa %80 magaalota irraa madda. Akkasumas sochiin dinagdee, bulchiinsaafi hawaasummaa magaalota keessatti hoo’a. Magaalli motora misooma dinagdee ta’uun, siyaas-dinagdeefi hawaasummaa addunyaa hundeerraa jijjiiraa dhufeera. Adeemsi magaalomsuu bara seenaa ammayyaa, yeroo jalqabbii, ariitii dagaaginaa, fayyadamummaa argamsiisufi kkf’niin ardiidhaa ardiitti, akkasumas biyyaa biyyatti garaagarummaa guddaa qaba. Adeemsa seenaa, haala ammeefi egeree magaalomsuu biyyaafi naannoo keenyaa irratti, hoggansaafi caasaa mootummaa sadarkaan jiru akkasumas ummata naannoo keenyaa gidduutti dhimmoota hubannoo walfakkaataa umuuf ka’umsa ta’an akka armaan gadiitti kan ilaallu ta’a.
Modeelota Magaalomsuu
Modeela Biyyoota Gara Dhihaa
Magaalomsuun bara seenaa ammayyaa, warraaqsa indaastiraawa (industirial revolution) walakkeessoo jaarraa 18ffaa keessa biyyoota gara dhihaa keessatti dhoohe hordofee kan dhufedha. Biyyoota kanatti, indastiriin humna namaa hedduu barbaadu (labour intensive) babaldhachuu isaatin, qubsuma walitti dhihoofi dhawaata bifa magaalummaa qabate hordofsiisera. Adeemsi kun yeroo dheeraa, waggoota 300 ol ta’u kan fudhate ture. Walumaagalatti, biyyoota gara dhihaatti, babal