Wazema Radio - Afan Oromo

Wazema Radio - Afan Oromo This is a page where News report, News Alert, and a Weekly Program 'Qophii Tibbanaa' is shared in Af

Oduu Ammee:Odeeffannoon madda keessaa irraa nuqaqqabde akka jettutti Jawar Mohammed, Baqqalee Garbaafi Iskindir Naggaa d...
07/01/2022

Oduu Ammee:

Odeeffannoon madda keessaa irraa nuqaqqabde akka jettutti Jawar Mohammed, Baqqalee Garbaafi Iskindir Naggaa dabalatee hidhamtoonni Siyaasaa har’a gadhiifamuuf jiru.

Qulqulleeffachaa jirra.

Fana Broadcasting Corporatefi Waaltaa dabalatee midiyaaleen mootummaan hogganu, ABOn “Boordiin Filannoo yoo naaf eeyyame...
17/03/2021

Fana Broadcasting Corporatefi Waaltaa dabalatee midiyaaleen mootummaan hogganu, ABOn “Boordiin Filannoo yoo naaf eeyyame filannootti nanhirmaadha jedhe.” jechuun gabaasan.

ABOn seeraan Boordii Filannoo Biyyoolessaa biratti beekamu kan Jaal Daawud Ibsaan hogganamu ibsa yeroo darbe afaanota sadiin baaseen, Filannoo bara kanaa keessaa dhiibamee ba’uuf akka dirqame himee ture. Torban darbe kana waajjira ABO Gullalleetti argamutti korri sabaa geggeefamaa ture kan ABO akka hintaaneefi gareen hoggansa dhaabaa keessaa ba’an muraasni mootummaa biyya bulchu waliin kan hojjechaa jiraniidha jechuun ibse ABO.

Gareen kora sabaa geggeesse kun Hayyu-Durees filachuun, Itti Aanaa Hayyu-Duree kature Jaal Araarsoo Biqilaa Hayyu-Duree Gochuun filateera. Itti aantota Hayyu-Duree lama Obbo Qajeelaa Mardaasaafi Obbo Birhaanuu Lammaas kaawwateera. Korichi itti dabaluun miseensota koree giddugalaa dhaabbataa 43fi 5 ammoo kan yeroo filateeraa jedha gabaasni Fanaa. Kora sabla geggeeffame kana ilaaluuf Boordiin Filannoo biyyoolessaa nama lama erger akka tures odeeffanneerra.

Haala kanaan walqabatee gaaffiin ka’aa jiru, ABO seeraan galmaa’ee Boordii Filannoo Biyyoolessaa biratti beekamu utuu jiruu, akkamitti midiyaan mootummaa maqaa dhaaba kanaan garee kana waama kan jedhuudha. Waajjirri ABO Gullalleetti argamus yoo ta’e, hoggantoota dhaabichi seeraan filateen malee akkamiin gareen kun deeggersa poolisii magaalaa Finfinneefi federaalaan eegamuun waajjira giddugalaa fayyadamu inni jedhus ifsa waan barbaadu.

Namoonni tokko tokko, gareen Araarsoo Biqilaan hogganamu kun ittifufee yoo filannoo keecha kagalu ta’e, akkuma jarri ADWUI bara 1997 OFK godhan sana fakkaata jedhu.
Suura: SM

Lagannaan nyaataa har’a guyyaa afurtamaffaatti dhaabachuu isaa OMN maatii wabeeffachuun gabaase. Hidhamtoonni siyaasaa O...
08/03/2021

Lagannaan nyaataa har’a guyyaa afurtamaffaatti dhaabachuu isaa OMN maatii wabeeffachuun gabaase.

Hidhamtoonni siyaasaa Oromoo Obbo Jawar Mohammed, Baqqalaa Garbaafi Hamzaa Booranaa har’a sa’a boodaa jalqabanii nyaata fudhachuu jalqaban. Guyyoota 40 nyaata malee turun garmalee akka hubamaniifi kanumaafis wallaansaafi gara Hospitaala Landmark akka geeffaman nibeekama.

Suura: Fuula OMN irraa

( Oduu Ammee )Jawar Mohammed, Baqqalaa Garbaafi Hamzaa Booranaa lagannaa nyaataa guyyoota 39 booda guyyaa 40ffaatti dhaa...
07/03/2021

( Oduu Ammee )
Jawar Mohammed, Baqqalaa Garbaafi Hamzaa Booranaa lagannaa nyaataa guyyoota 39 booda guyyaa 40ffaatti dhaabuuf waliigalaniiru jetti odeeffannoon naannoo Hospital Landmark irraa dhufte.

Kaleessa gareen jaarsolii biyyaa, abboota gadaafi amantaa akkasumas namoota bebbeekamoo ofitti hammate harmee Jawarfaa ofitti dabaluun garas akka deemuun haga har’aatti jara amansiisuuf jaarsummaa hojjetaa turan beekameera.

Lagannaan nyaataa bultii 40 kun seenaa qabsoo siyaasa biyya sanaa keessatti yeroo mara kan yaadatamaa hafu ta’a jedhama.

Har'a Hayyoonni siyaasaafi abboonni amantaa gara gara mana hidhaa Qaallittii deemuun Obbo Jawaarfaa akka lagannaa nyaata...
09/02/2021

Har'a Hayyoonni siyaasaafi abboonni amantaa gara gara mana hidhaa Qaallittii deemuun Obbo Jawaarfaa akka lagannaa nyaataa dhaaban gaafatan.

H.D. ABO Jaal Dawud Ibsaafi Obbo Leencoo Lataa dabalatee namoonni gara qaallittii deeman kunneen garuu kaayyo deemaniif waan fixaan basaal hinfakkaatu. Hidhamtoonni lagannaa nyaataa kajalqabne taphaaf miti qabsoof malee jechuun, kabaja namummaa ofiif du'allee simachuuf qophii ta'uu jara gaafachuuf deemanitti himaniiru.

Yeroo ammaa kana hidhamtoota kanneen keessaa namni lama ofwallaaluun wallaansaaf gara mana yaalaa akka deemanis gabaaafamaa jira. Callisnee mana hidhaa taa'uun salphina saba keenyatti dhufu ilaaluurra, morminee kabajaan du'uu filanna kan jedhan hidhamtoonni, akkuma nuti mormachaa jirru sabnis akka ofirraa mormatu gaafatan.

Lagannaa nyaataa hidhamtoota ilaalchisee, namoonni baayyeen hidhamtoonni akka nyaata fudhatan gaafachuun qabsoon akka itti fufu yeroo gaafatan kaan ammoo kan isaan itti jiran kun sirrii ta'uu baatus filannoo biraa hinqaban jechuun yaada kennu.

Gama biraatiin yeroo ammaa kana Oromiyaa magaalaalee adda addaatti sochiin mormii jalqabame ittuma fufee jiraachuutu himama. Kaleessa magaalaa Yaaballootti humnoonni poolisii barattoota hiriira moirmiirra turan keessa barataa Yunivarsitii tokko rasaasaan rukutuun akka du'e gabaafameera. Mootummaan magaalota mormii kaassatti geggeeffame hundatti kanneen qindeessan jedhee shakku qabuun hidhaa akka jirullee gabaasaaleen ba'aa jiran nimul'isu.

Suura: SM

21/10/2020

የሶማሌ ክልል ሶስት አመራሮቼን አስሮብኛል ሲል ኦብነግ ከሰሰ፣ በፓርላማ የማይገኙ የትግራይ እንደራሴዎች ላይ እርምጃ ይወሰዳል፣ በደቡብ ክልል ጉራ ፋርዳ አስራ ሁለት ንፁሀን በታጣቂዎች ተገደሉ የሚሉና ሌሎች ዜናዎች ተካተዋል። አድምጡት

[Oduu] Sirreeffama!Obbo Dirrib Demisee Lubbuun Jiru. Du’an jechuun soba ta’uu irra deebiin mirkaneeffanneerra. Garuu, Ka...
10/08/2020

[Oduu] Sirreeffama!

Obbo Dirrib Demisee Lubbuun Jiru. Du’an jechuun soba ta’uu irra deebiin mirkaneeffanneerra.

Garuu,
Kamisa darbe humnoonni nageenyaa kafederaalaa halkan mana Obbo Dirrib deemuun isaaniifi maatii isaanii hunda qoratti gadi baasanii lafarra garaan ciibsuun akka dararan odeeffanee jirra. Humni ajaja mana murtii hin agarsiifne kun mana maanguddoo kabajamaa kanaa akka sakatta’es mirkaneeffanneerra.

Obbo Dirrib, Pirezidaantii Waldaa Maccaafi Tuulamaa ta’uun yeroo dheeraaf katajaajilaa jiran yeroo ta’u, bara ABUT aangoo ADWUI to’atu darara hamaafi hidhaan dabarsaniiru. Amma, taatee Kamisa halkan isaanirratti raawwateen mufachuufi dullumaan qorra halkaniin kabaja dhowwamanii lafarra ka’amuun qaamaafi hamileen miidhaa irra ga’een alatti nagaadha.

Oduu AmmeeHD ABO Jaal Dawud Ibsaa kaleessa manatti gadi ittifamuu keessaa ba’uun gara Waajjira muummee ABO Gullalleetti ...
01/08/2020

Oduu Ammee
HD ABO Jaal Dawud Ibsaa kaleessa manatti gadi ittifamuu keessaa ba’uun gara Waajjira muummee ABO Gullalleetti arganu deemuun gabaafamaa oole. Har’a ammoo humni poolisii federaalaafi magaala Finfinnee gara waajjiraa dhufuun Jaal Dawud’iin humnaan qabanii gara manaatti deebbisanii ittisa jala galchaniiru.

Humnoonni Jaal Dawud’iin manatti deebisan kunneen waraqaa Mana Murtiillee akka hinqabne nutti himu maddeen oduu kanaa. Hoggantootni ABO qaaliin mana hidhaatti erga darbatamanii bubbulee jira.
Guyyoota muraasa dura Hoggantoonni ABO I.A HD Jaal Araarsoo Biqilaafi Jaallewwan akka Ibsaa Nagawoo, Qajeelaa Mardaasaafi Toleeraa Adabaa dabalatee walga’ii dhaabaa bakka Hayyu-Dureen hinjirretti godhachuun fonqolcha geggeessuuf yaadan jedhamee himamaa tures midiyaaleetti ba’anii haaluun isaanii niyaadatama.

[Oduu Ammee ] Artistii beekamaafi jaal’atamaa Oromoo Hacaaluu Hundeessaa,  Har’aa galgala naannoo Galaanitti rasaasaan r...
29/06/2020

[Oduu Ammee ]
Artistii beekamaafi jaal’atamaa Oromoo Hacaaluu Hundeessaa, Har’aa galgala naannoo Galaanitti rasaasaan rukutamee erga gara hospitaala Xirunesh Dibaabaatti geeffameen booda akka boqote Addis Standard katabeera.

Oduu AmmeeMootummaan Naannoo Oromiyaa (MNO), tatamsa’ina dhukkuba Covid19 to’achuuf, namoonni ji’a/baatii tokkoo asitti ...
04/04/2020

Oduu Ammee
Mootummaan Naannoo Oromiyaa (MNO), tatamsa’ina dhukkuba Covid19 to’achuuf, namoonni ji’a/baatii tokkoo asitti biyya alaarraa galan hundi gara dhaabbilee fayya naannoosaaniitti argamuutti gabaasa akka godhan murteesseera.

Address

Addis Ababa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Wazema Radio - Afan Oromo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Wazema Radio - Afan Oromo:

Share

Category