Page Abdi Amanuel

Page Abdi Amanuel Oromummaan bar miidhagummaadha 🥰💥

30/01/2025
26/01/2025

Abbaa fi Ilmi kun lammii Philippines 🇵🇭dha. Haati mucaa kanaa deessee ijoollummaatti Irraa boqotte. Jireenyi hedduu itti ulfaachuun Abbaan Mucaa kanaa mana kireeffatanii jiraatan kanfaluu dadhabee jireenya karaa irratti Ilmasaa guddisee barsiisuu eegale. Mucaan isaas cimee baratee Yuunivarsiitii Manilaa irraa Digirii Doktoraan eebbifame. Gaafa eebba isaa Abbaan isaa akka argamu gaafatee jennaan. Abbaan kun " Ilmakoo ani eebba kee Irratti hin argamu. Sababnisaa uffata hin qabu, biftikoo kana fakkaata ,hiriyoota kee keessatti si qaanessuu hin barbaadu " jedheen. Ilmichis milkaa’ina kiyya Kanaaf hamaa meeqa argee kadhattee waan argatterraa situ asiin na gahe koottu jedheet guyyaa eebbasaa akka argitan kanatti Suura waliin ka'aa oole.

Milkaa’inakeef namoota riqicha siif ta'an haa xiqqaatu haa guddatu hin dagatin. Keessattuu Abbaa ykn haadha maatii ofii bifa kanaan milkaa’ina irraan gahaniif kabajaatu mala.

Dilbata Dansa isiniif haa ta'u 🙏!
Maddi: Tulluu tiin❤️✍️

26/01/2025
03/01/2025
02/01/2025

Gartuu dhiigaa fi amala namaa!
***************************
Qorannoon baayyee cimaa fi gad-dagoo tahe jiraachuu baatus gartuun dhiigaa fi amalli namaa hariiroo akka qabu ni dubbatama!
************************
1.Gartuu dhiiga A
********************
Namoonni kun cimoo , hojjii kan jaallatanii fi nagaa barbaadu. Kana malee hojjii tartiiban hojjachuu , qulqullinaa fi yeroo tokkotti hojjii tokko duwwaa hojjachuu filatu
Namoonni kun amanamoo fi waan sirrii qofa hojjachuuf dhama'u.
Amalli badaan isaanii waanuma xiqqoof dhiphachuu fi waan hunduu sirrii akka ta'u barbaadu!

2. Gartuu dhiiga B
***************************
Namoonni kun hojjii kalaqaan beekamu , waan karoorsanii amma galmaan gahanitti hin dhisan.Akkasumas yeroo tokkotyi waan hunda dhiisanii wanta tokko duwwaa irratti xiyyeeffatu!
Namoonni kun amala namaa yaaduu fi nama hubachuu qabu!
Rakkoon isaanimmoo of jaallachuu , jijjiiramuu , maal dhibdee fi balleessaa namaaf hin dhiisan!

Gartuu dhiigaa AB
************************
Namoonni kun makaa A fi B ti. Amalli isaaniis nama yaaduu, amanamummaa fi nama kunuunsuudha!
Namoonni kun sammuu cimaa fi dandeettii waa yaaduu cimaa qabu.
Nagaa buusuu , namaan walii galu fi kaayyoo ofiif namoota cichaniidha.

4. Gartuu dhiiga O
****************
Namoonni kun dandeettii gaggeessummaa cimaa kan qabanii fi waan xiqqqoon warra hin qabamneedha!
Namoonni kun arjummaa fi namaaf gaarii yaaduu jaallatu!
Namoonni kun waan xiqqoon hin qabaman , amanamoodha fi wanta haaraatti dafanii baru, ejjennoo cimaas qabu!
Jarri kun hinaaffaa , of jaallachuu fi kiyya malee jechus qabu!
Isinhoo kam keessa jirtu????
*************************
Galatoomaa!!!
Dr Oliyad
Follow godhani

Address

Addis Ababa

Telephone

+251901684234

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Page Abdi Amanuel posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share