15/02/2026
"Namni gaara diigu jalqaba dhagaa
xixiqqoo fuuchuudhaan eegala"
The Man who moves a mountain
begin by carrying away small stones
Mata-dureen kun, injifannoo fi milkaaāina barbaachisu kamiyyuu gara galma isaa geessuuf dandeettii fi kutannoo namaa maal akka barbaachisu calaqqisiisa. Hiika isaa yoo balāinaan ilaalle, hojii guddaa, ulfaataa fi of-eeggannoo gaafatu kamiyyuu hojiirra oolchuu keessatti, jalqaba irraa kaasee hojii xiqqaa, salphaa fi yeroo muraasa fudhatu fakkaatu irraa eegaluun murteessaa taāuu isaa agarsiisa.
Namni tokko gaara tokkorratti ol baāuu yoo barbaade, gara fuulduraatti deemuu jalqabuun dirqama. Osoo dhaabatee laalluu qofaan, gaara sun gubbaa gahuu hin dandaāu. Akkasuma, nama tokko milkaaāina barbaadu, dursee hojii xixiqqoo, buāaa quubsaa hin argamsiisne fakkaatan san irraa eegaluun barbaachisaa dha. Dhagaa xixiqqoo fuudhuun mulāata guddaa dhugoomsuuf buāura tolchuudha.
Mata-dureen kun karaa biraan, obsaa fi ofitti amanuu akka nama barsiisu hubatamu qaba. Yeroo heddu namaa yeroo jalqabaatti hojii gurguddaa fakkaatan irraa of duuba deebiāuu ni mulāata. Garuu, milkaaāan hundi hojii isaanii dhugumaan xiqqaa fakkaatan irraa jalqabanii gara cimaatti ceāan. Kanaafuu, namni kamiyyuu milkaaāuu yoo barbaade, hojii xixiqqaa harāa raawwachuu dandahu osoo hin tuffatiin akka hojjetu yaadachiisa.
Mata-dureen kun nama dadhabe, fedhii dhabee, ykn carraa hojii tokko irratti of shakkataa jiruuf jajjabeessa cimaa taāuu dandaāa. Hojii jalqabuu dadhabuun, hojii san guddaadha, ulfaataadha, jedhee yoo of sodaate, dhugaa dubbachuudhaaf, gara milkaaāinaatti tarkaanfii jalqabaa fudhachuu irraa isa hanbisa.
Garuu yeroo hojii sanaa keessatti tarkaanfii xiqqoo fudhatee, akka malee baayāee akka deemuu dandaāu yeroo ilaalu ni hubata. Maddi kakaāumsa guddaa kan taāu, yaada kana keessatti ā hojii hunda irraa jalqabuun dandeettii fi kutannoo irratti hundaaāa malee, qabeenya, beekkumsaa fi carraa olāaanaa qofaan miti.