10/05/2026
🧠 FAYYAA SAMMUU (MENTAL HEALTH)
🟢 1. Fayyaa Sammuu jechuun maali?
🧠 Fayyaa sammuu jechuun nama:
Yaada isaa sirnaan too’atu
Dhiphina jireenyaa waliin wal madaaluu danda’u
Jireenya guyyaa guyyaa keessatti tasgabbii qabaatu jechuudha
Fayyaa sammuu jechuun sammuu “dhiphina hin qabne” qofa miti, garuu:
Akkaataa itti yaadnu
Akkaataa itti murteessinu
Akkaataa itti namoota waliin jiraannu of keessatti qabata
👉 “Sammuun fayyaa yoo ta’e, jireenyi hundi ni sirrata.”
🔴 2. Stress (Dhiphina Sammuu)
⚠️ Stress jechuun yeroo namni yaaddoo, rakkina ykn itti gaafatamummaa baay’ee keessa seenuu jechuudha.
🧠 Mallattoolee Stress:
Mata bowaa yeroo dheeraa
Hirriba dhabuu ykn hirriba baay’ee
Aarii salphaan ka’uu
Fedhii hojii dhabuu
Dadhabbii qaamaa
📌 Sababoota:
Hojiin baay’ee
Rakkoo maatii
Yaaddoo maallaqaa
Hir’ina boqonnaa
💡 Furmaata:
Hafuura gadi fageeffadhu
Boqonnaa guyyaa guyyaa fudhadhu
Sochii qaamaa godhi 🏃♂️
Nama amanamaa waliin haasa’i
Waan si dhiphisu irraa adda bahi yeroo muraasaaf
👉 “Stress to’achuun jireenya kee tasgabbeessa.”
🔵 3. Depression (Dhiphina Cimaa)
😔 Depression jechuun gadda fi dhiphina yeroo dheeraa namatti dhufu dha.
⚠️ Mallattoolee:
Gadda yeroo dheeraa
Fedhii hojii dhabuu
Hirribni hir’achuu ykn baay’achuu
Nama irraa of fageessuu
Waan hunda irratti abdii kutachuu
📌 Sababoota:
Rakkoo jireenyaa
Miidhaa cimaa (trauma)
Dhibee sammuu
Stress yeroo dheeraa
💡 Furmaata:
Nama itti amanamtu waliin haasa’i
Ogeessa fayyaa (counsellor/doctor) barbaadi
Of hin tuffatin—gargaarsi ni jira
Sochii xiqqoo jalqabi
Yeroo kee ofii keetiif kenni
👉 “Depression dhuma miti—furmaanni ni jira.”
😴 4. Hirriba Dhabuu (Insomnia)
🌙 Hirribni yoo hin argamin, qaamni fi sammuun ni dadhaba.
⚠️ Sababoota:
Stress fi yaaddoo
Telefoonii yeroo dheeraa fayyadamuu 📱
Coffee/tea halkan dhuguu ☕
Yaada baay’ee (overthinking)
🧠 Mallattoolee:
Guyyaa dadhabbii
Yaadni sirrii hin hojjenne
Aarii salphisii
Lazim Kasim Tips✍️