
13/07/2025
Yaa'iin Gadaa Arsii Hoofkale!
Gadaan Arsii yaa'a isaa guyyaa lamaaf dhaddacha Guutaa, Laangaanootti taa'aa tureen duudhaa ganamaa oromoo bu'uureffachuun taa'ee koottuu dhufeen dubbii baasee galchee murtii murateera.
Saddeetni dhaddacha 20 Wal ga'ee qora qortii taa'ee dubbii jirtu yaasee, irra oolee bubbulee, qortii baasee buusee irratti mari'atee murtii jajjaboo Yaa'a Gadaa Arsii jaha Uummataaf lallabeera.
1.Dhaddachootni 20n fi ardaaleen jilaa Gadaa Arsii haaromanii akka iddootti deebi'an...Muramte.
2.Fuudhaafi heerumni Arsii akka uumee ganamaatti akka deebi'u. Gabbarri aadaa Arsii miti. Kadhata aadaan, qaraxa raadaan fuudhaafi heerumni akka raawwatu..Muramte.
3.Seeraan ala biyya hambaatti godaanuuf, daa'iamman galaanaan nyaatamuun aadmalee... muramte.
4.Safuufi safeeffannaan kaleessaa akka bakkatti deebi'u, aayyoo aabboon maatiifi qe'ee isaaniitti aadaa akka mirgisiisan, dhaloota biratti duudhaan akka baratamu...Muramte.
5.Oromoon Oromoo ajjeesuun diinummaadha.Lafti Arsii, dacheen Oromiyaa guutuun nagaa ta'uu qaba...Muramte.
6.Bineensaafi qabeenya Uumamaa kunuunsuun, biqiltuu dhaabuun duudhaa ganamaa oromooti...Muramte.
Murtiin Gadaa Arsiin Lallabame dhaddachoota hundatti, Bahiimaafi Manbal'aatti gadi bu'ees hojiirra oola.
Gadaan Qufaa Gabbina!