22/09/2026
Ministeerri Barnootaa waa'ee ramaddii fi jijjiirraa Yuunivarsiitii maal jedhe?
Ministeerri Barnootaa Yuunivarsiitota mootummaa keessatti simannaan barattootaa, ramaddiin gosa barnootaa fi jijjiirraan barattootaa haala walfakkaataa, iftoomina qabu, haqa-qabeessaa fi itti gaafatamummaa qabuun akka raawwatamu qajeelfama kenne.
Ministeerichi yuunivarsiitoonni mootummaa hundi barattoota sirna hojii walfakkaatuun akka keessummeessaniif xalayaa dambii (sirkuulaarii) baaseen, adeemsi simannaa, ramaddii fi jijjiirraa ulaagaalee kaa'aman qofa irratti hundaa'ee akka raawwatamu hubachiiseera.
1. Simannaa Barattootaa
Yuunivarsiitoonni barattoota Ministeera Barnootaan ifatti ramadaman qorannoo ragaa fi odeeffannoo ramaddii erga gaggeessanii booda yeroon simachuu fi galmeessuu qabu.
Yuunivarsiitoonni bu'aa ramaddii ministeerichi ergeen ala fedhii ofiitiin barataa simachuu, dhaabbata ramadaman jijjiiruu yookiin barataa dhaabbata biraatti ramadame seeraan ala galmeessuu hin qaban.
Dhaabbileen qormaata seensaa akka kennan hayyamameefis simannicha ulaagaa kaa'amee fi sirna qabxii iftoomina qabuun raawwachuu qabu.
Barattoota haaraa dhufaniif waa'ee damee barnootaa kennamuu, ramaddii fi dhimmoota biroo irratti ibsa gahaa kennuu fi deeggarsa barbaachisu taasisuu qabu.
2. Ramaddii Gosa Barnootaa
Ramaddiin gosa barnootaa fedhii humna namaa biyyattii, dameelee ce'umsa diinagdee keessatti dursa kennamuuf, bu'aa fi filannoo barataa, akkasumas dandeettii simannaa dhaabbatichaa tilmaama keessa galchuun raawwatamuu qaba.
Ramaddiin ulaagaa iftoomina qabu, dursanii beekamuu fi barattoota hundaaf haala walfakkaatuun hojiirra ooluun raawwatama.
Qabxiileen tilmaama keessa galanแฆ qabxii giddu-galeessaa waggaa tokkoffaa/semisteeraa, qabxii qormaata xumura kutaa 12ffaa, filannoo barataa, dandeettii simannaa gosa barnootichaa fi akka barbaachisummaa isaatti qormaata seensaa dhaabbatichi kennu dha.
Dhaabbatichi qormaata seensaa kan kennu yoo ta'eแฆ** qabxii giddu-galeessaa waggaa tokkoffaa 50%, qabxii kutaa 12ffaa 20%, fi qormaata seensaa 30% qabama.
Qormaanni seensaa kan hin kennamne yoo ta'eแฆ** ramaddii waggaa tokkoffaatti gaggeeffamuuf qabxii waggaa 70% fi qabxii kutaa 12ffaa 30%; ramaddii waggaa lammaffaatti gaggeeffamuuf immoo qabxii waggaa 80% fi qabxii kutaa 12ffaa 20% qabama.
Ulaagaan ala gaaffii dhuunfaan yookiin ajaja addaatiin ramaddii gosa barnootaa jijjiiruun dhorkaadha.
3. Deeggarsa Addaa
Barattoonni deeggarsa addaa barbaadan yeroo fi sirna kaa'ameen ragaa seera qabeessa dhiyeeffachuu qabu.
Barattoota durbaa fi barattoota qaama miidhamaniif yeroo ramaddii qabxii isaanii irratti qabxiin shan (5) dabalamee akka dorgoman taasifama.
Barattoota qaama miidhamaniif haalli qaama miidhama isaanii fi amalli gosa barnootichaa tilmaama keessa galee akka ramadaman deeggarsi taasifamuu qaba.
4. Jijjiirraa Barattootaa
Jijjiirraan yuunivarsiitii tokkorraa gara biraatti taasifamu walii-galtee yuunivarsiitii erguu fi simatu qofaan raawwatama; raawwatee boodas Ministeerri Barnootaa xalayaadhaan beekuu qaba.
Barataan tokko jijjiirraa gaafachuu kan danda'u yoo xiqqaate dhaabbata itti ramadametti semisteera tokko kan baratee fi saganticha keessaa 50% ol kan hin xumurre yoo ta'e qofaadha.
Barataan hanqina akadaamii (F, NG, I) kan hin qabne, qabxiin giddu-galeessaa 2.00 fi isaa ol kan ta'e, akkasumas balleessaa naamusaa kan hin raawwanne ta'uu qaba.
Gaaffiin sababa nageenyaa, fayyaa yookiin dhimma addaatiin dhiyaatu ragaa qabatamaa fi seera qabeessaan deggeramuu qaba.
Yuunivarsiitii mootummaa irraa gara dhaabbata dhuunfaatti jijjiirraan kan hayyamamu yoo ta'u, dhaabbata dhuunfaa irraa gara yuunivarsiitii mootummaatti jijjiirraan gonkumaa hin hayyamamu.
Balaa uumamaa yookiin nam-tolcheetiin, rakkina nageenyaatiin dandeettii jijjiirraa idileen ol jijjiirraan garee yoo barbaachise, yuunivarsiitoonni murtee ofiitiin osoo hin taane Ministeera Barnootaatti dhiyeessanii qajeelfama kennamuun raawwachuu qabu.
5. Komii fi Iftoomina
Yuunivarsiitoonni komii simannaa, ramaddii fi jijjiirraa ilaalchisee barattoota irraa dhiyaatu kan simatu, qoratuu fi yeroon deebii kennu sirna hojii iftoomina qabu qabaachuu qabu.
Murteewwan simannaa, ramaddii fi jijjiirraa ulaagaa ifa ta'een, ragaa guutuu fi galmeen deggaramuu qabu.
6. Raawwatiinsa
Yuunivarsiitoonni mootummaa hundi dambii kanaan ala hojii faallaa ta'e akka hin hordofne, ulaagaalee kaa'aman walfakkaatummaan hojiirra akka oolchan akeekkachiifamaniiru.
Link comment irra jiruun channel keenya Telegram join taasisaa!