Olii ayana

Olii ayana Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Olii ayana, Digital creator, Addis Ababa.

17/08/2025
BEEKUMSA WALIIGALAA✓ Biyyi yeroo duraaf humna ibsaa bishaan irraa maddisisuu eegalte # Noorwey✓ Biyyi yeroo jalqabaaf da...
11/07/2025

BEEKUMSA WALIIGALAA
✓ Biyyi yeroo duraaf humna ibsaa bishaan irraa maddisisuu eegalte
# Noorwey
✓ Biyyi yeroo jalqabaaf dandii babuura eegalte
✓ Biyyi yeroo jalqabaaf alaaba mataashe maxxansuu eegalte
✓ Biyyi yeroo jalqabaaf mirga filuu shamaraniif kennite
✓ Biyyi yeroo jalqabaaf Vaati(Value Adeed Tax) eegalte 1954
✓ Biyyi yeroo jalqabaaf Teeknolojii 36ffaa omishtee
✓ Biyyi yeroo jalqabaaf Saatalaayiti nam tollchee gara hawwaatti
furguggiste Raashiyaadha, maqaan Saatalaayiti sanaas
# Sputnik jedhama 1957.
✓ Biyyi yeroo jalqabaaf warraksa warshaalee dhandhamte
✓ Dubartiin yeroo jalqabaaf Dooktera fayyaa taate Blackwell
jedhamti lammii , bara 1849 Dooktera taate.......
Yoo si barsiise hiriyootakeefis share godhi

Baga ayyaana Iid Alfaxrii 1446ffaa geessan Kan baranaa kan bara hegeree Hordoftoonni Amantaa Islaamaa hundi baga ayyaana...
29/03/2025

Baga ayyaana Iid Alfaxrii 1446ffaa geessan

Kan baranaa kan bara hegeree

Hordoftoonni Amantaa Islaamaa hundi baga ayyaana Iid Alfaxrii Geessan

Ayyaanni kun kan jaalalaa tokkummaafi hojii ji'a Ramadaanaa hojjattan hundi isinirraa jaalatamu akka isiniif ta'u isiniif nihawwa

Ayyaana Gaarii

Nâdhii Kô👉Albert Einstein altokko herrega kana gabatee gurraacha irratti barreesse. 9 x  1 = 9 9 x  2 = 18 9 x  3 = 27 9...
24/03/2025

Nâdhii Kô
👉Albert Einstein altokko herrega kana gabatee gurraacha irratti barreesse.
9 x 1 = 9
9 x 2 = 18
9 x 3 = 27
9 x 4 = 36
9 x 5 = 45
9 x 6 = 54
9 x 7 = 63
9 x 8 = 72
9 x 9 = 81
9 x 10 = 91

Isa booda daree barnootaa keessatti waci uumame. sababni isaas dogoggora inni gara dhumaa irratti 9 × 10 = 91 jedhee barreesseef ture. barattoonni daree keessa jiran hundumtuu itti kolfan. Innis hundumti isaanii akka callisan gaafachuun akkas jedhe " kanneen an sirriitti hojjedheef namni na galateeffate hin jiru, garuu dogoggora tokko an hojjedheef immoo natti kolfitan"

Kana irraa kan hubannu hammam yoo sirrii taate illee namni si qeequ hin dhabamu. namni hojjetu dogoggora uumuun waanuma jiruudha. namni hin dogoggorre immoo nama hin hojjenneedha.

https://www.facebook.com/profile.php?id=61572202067976

OROMIYAA=========●Yeroo jalqabaaf maqaa Oromiyaa jedhu kan moggaase fi kaartaa Oromiyaa  kan sarare namaa maqaan isaa "L...
24/03/2025

OROMIYAA
=========
●Yeroo jalqabaaf maqaa Oromiyaa jedhu kan moggaase fi kaartaa Oromiyaa kan sarare namaa maqaan isaa "Luws Craft" jedhamuudha
Bara 1837 hanga 1850 tti osoo baha Afrikaa naanna'ee maqaa moggaasu.
¤ Bara sanas Oromiyaa har'aa kana "Ormaaniyaa" jedhee moggaasee ture!
¤ Bara 1970 keessa immoo "biyya Oromoo "jedhamee moggaafame.
¤ Bara 1976 tti ammoo "Oromiyaa" jedhamee moggaafame.

● Afaan Oromoo Afaanota Afrikaa keessatti dubbataman 1000 ol ta'an keessaa sadarkaa 3ffaa irratti argama.
¤ Afaanota Kuush 40 dubbataman keessaa Afaan Oromoo 1ffaa dha.
¤ bara 1934 hanga 1966tti Afaan Oromoo Ityoophiyaa keessatti akka hin dubbatamne akka badu taasifamee ture.

●Biyyoota Afrikaa 56 keessaa bal'inaan kan Oromiyaa caalu biyyoota 17 qofaadha.
¤ Oromiyaan bal'ina lafaatiin Faransaayiin ni caalti, akkasumaas Itaaliitti dachaa lama taati.
¤ Bal'inni Dachee Oromiyaa biyyoota akka Kuubaa, Bulgaariyaa, Biritaaniyaa wajjin wal qixadha.
● Baay'inni Uummata Oromoo baha Afrikaa jiraatanii yeroo ammaa Miiliyoona 60 oliidha.
● Mootiin yeroo jalqabaatiif Kuush ykn Oromoo hoogganaa turan "Amarraanaa Asiisii (Ateetee) fi Osiriis jedhamu.
● Oromoon jaarraa 16ffaa dura sirna adda ta'e kan ittiin bulu sirna kan yuuniskoo irratti galmaa'e qaba!!!
● Oromiyaan Godinoota 21 fi Aanolee 350 qabdi.

Maddii Kitaaba Kuushii fi Oromoo Luwiskraft 1846. fi seenaa dubbisnee irraa.

GUYYAA GUYYAAN QAAMA DHIQACHUUN (daily showering) fayidaa moo miidhaa qabaa?▼▼▼▼▼▼▼▼▼▼▼▼▼▼▼▼▼▼▼ Guyyaa guyyaan qaama dhi...
24/03/2025

GUYYAA GUYYAAN QAAMA DHIQACHUUN (daily showering) fayidaa moo miidhaa qabaa?
▼▼▼▼▼▼▼▼▼▼▼▼▼▼▼▼▼▼▼

Guyyaa guyyaan qaama dhiqachuun fayyaa gogaa keenyaa ni huba! Akkamitti?

1. Qaamni keenya uumamaan dibata ofirraa qabu balleessuudhaan akka gogu taasisa. Qaamni keenya yoo gogu ammoo qaawwa xixiqqoo (crack) baasuudhaan:
● Baakteeriyaan dhukkuba nama qabsiisan qaawwa sanaan seenanii akka infection uumanii fi
● Waantoonni alarjii namatti fidan/kaasan qaawwa sanaan seenanii alarjiif akka nama saaxilan taasisa.

2. Saamunaan nuti guyyaa guyyaan fayyadamnee qaama dhiqannu kan farra bakateeriyaa of keessaa qabu yoo ta'e ammoo baakteeriyoota uumamaan gogaa keenya irra jiraatan (kan ofii isaanii dhukkuba nama hin qabsiifne) dhabamsiisuun, baakteeriyoota hamoo dhukkuba nama qabsiisaniin akka bakka bu'an taasisa!

3. Qaamni keenya maadiinummaa (immunity) waantoota alagaa ta'aniif akka hin horanne taasisuu danda'a. Kunis guyyaa guyyaan qaama dhiqachuun carraa qaamni keenya waantoota naannoo jiraniin wal-argee, maadinummaa haaraa waan arge kana irratti horachuu isaa waan gadi buusuuf dha.

▼▼▼▼▼▼▼▼▼▼▼▼▼▼▼▼▼▼▼
Namoonni tokko tokko garuu guyyaa guyyaan qaama isaanii dhiqachuuf sababoota armaan gadiif barbaaduu danda'u:
1. Foolii qaamaa badaa kanneen ofirraa hambisuuf dhiqachuu barbaadan.
2. Hirriba irraa yoo dammaqan miiraa gaariin gara hojii deemuuf warreen dhiqachuu barbaadan.

Walumaa galatti, guyyaa guyyaan qaama dhiqachuun fayyummaa qaama keenyaaf gargaarsa kan hin goone; gogaa keenyaa ammoo akka hubuu danda'u beekuun barnaachisaadha.
****************************

  Barachuun Amma ture maal godhu🫣❤️ Dargaggeesi yeroo sadi yuunivarsiitiirraa ari’amee daandiirra jiraachaa ture, seenaa...
24/03/2025

Barachuun Amma ture maal godhu🫣❤️
Dargaggeesi yeroo sadi yuunivarsiitiirraa ari’amee daandiirra jiraachaa ture, seenaa hojjate.

Daani’eel Shaambal jedhama. Magaalaa Dirre Dhawaa, Ganda Qoreetti dhalate.

Yeroo barnoota sad.1ffaa barachaa turetti barataa dhibaa’aa, qabxii gadi aanaa galmeessu (poor performance) ture.

Akka carraa ta’ee yeroo ‘ministirii’ fudhatan mucaa cimaa tokko bira taa’ee qabxii 96 fide.

Abbaan isaa immoo mana barumsichaatti wardiyyaadha. Isatu dursee qabxii mucaa isaa sana arge. Hedduu itti gammade. Maatiin isaas sireerraa bu’aniifi ofii lafa bulaa, isa immoo sireerraa bulchuu eegalan. Ulfina uffachiisan. Miseensonni maatii hundi mataarratti baatan.

Mucichis achirraa eegalee ilaalcha barnootaaf qabu jijjiirate. Yeroo kutaa 9ffaa seenu qo’annaa isaatti gadi jedhe. Haaluma kanaan, barattoota waliin baratan keessaa sad. 3ffaa bahuun tarree barattoota ciccimoo hiriire. Qorumsa kutaa 12ffaa immoo qabxii 515 fidee Yuunivarsiitii Finfinnee seene.

Osoo gara Finfinnee hindhufin dura, Daani’eel maatii irraa fagaatee hinbeeku. Mucaa manaati. Amantii isaattis cimaa ture. Kanarraa kan ka’e, mucaa maatiifi ollaan abdii guddaa irraa qaban ture.

Ta’us, Daani’eel erga Yuunivarsiitii Finfinnee seeneen booda addunyaa biraa keessa gale. Garba araadawwan adda addaa keessa seenee. Barataa ta’uu isaa irraanfatee jimaa qama’uu, sigaaraa aarsuu, akkasumas shiishaa harkisuu hojii idilee isaa godhate.

Kanarraa kan ka’e, waan qabxii gadi aanaa galmeesseef waggaa 2ffaa semisteera 1ffaa irratti yuunivarsiiticharraa ari’ame.

Giddumatti immoo biyyi Hindii beeksisa carraa barnoota biyya alaa (scholarship) baaste. Innis beeksisicha argee dorgome. Garuu, afgaaffii osoo hinqoramin waan jala darbeef milkaa’uu hindandeenye.

Gara maatii galees, “Biyyi Hindii carraa barnootaa baastee turte. Anis barnoota koo isa Yuunivarsiitii Finfinnee ‘withdrawal’ guutee isa sana immoo dorgomaa ture. Garuu, loogiin na hanbisan.

Filannoo keetiif obsi!🍈🍈🍈//////////////////////Yeroon qaama kee boqochiiftee dhiphina kee irraa of baaftu nama ta'uu qof...
23/03/2025

Filannoo keetiif obsi!
🍈🍈🍈//////////////////////
Yeroon qaama kee boqochiiftee dhiphina kee irraa of baaftu nama ta'uu qofaan gammachuu itti argattu ni jiraata; Akkasumas, yeroo ati jireenya mo'achuuf yaaltu namichi si hin gaddisiisu. Kaayyoo fi abjuu kee dhiisii ​​wantoota si hin fayyadnee fi si hin ilaallanneef of kennita; Gatii guddaa ni kaffaltu. Baay'ee ni dadhabdu. Yeroon dadhabbii hiika hin qabneen waan si nyaateef qofa aariin kee itti dhabdu ni jiraata. Garuu wanti sun akkas salphaa fi siree siree irratti miti. Bakka deemtu hundatti dadhabbiin si waliin jira. Yeroo homaa hin hojjenne taa'uu dadhabde yaadadhu. Yeroo yaada tokko yeroo dhuftu qaamni kee guutuun itti dhiphatu yaadi. Hojjettee waan taateef dadhabbii jalaa hin baatu. Boqochuunis ta'ee taa'uun akka irraa kuftu si hin godhu.

Eeyyee! Goota koo..! Yoo dadhabuun dirqama ta'e filannoo kee keessatti dadhabbi. Yoo qabsaa'uu dadhabde waan jaallattuuf falmi. Guyyaan meeqa akkasitti darba? Bu'aa fi bu'aa malee wanti qisaasama? Meeshaa fi qarshii qisaasamame yoo si gaddite, waa’ee carraaqqii fi qisaasama ofii keetii yeroo yaaddu maaltu sitti dhaga’ama? Dhugaadha jireenyi wal hiikuu yoo siif hin kennine of ilaaluu hin dandeessu. Garuu ati geggeessaa jireenya keetii ta'uu hin dagatin. Jireenya kee keessatti waan ta'u hundaaf itti gaafatamummaa qabda. Keessattuu baasii, yeroo fi carraaqqii baastu hundaaf hiika argachuu qabda. Jireenyi amma jiraattu bu'aa tarkaanfii xixiqqoo kee ti. Tarkaanfii hiika qabu yoo fudhatte, yeroo xiqqoo waan gatii qabu irratti dabarsitee, sa’aatii muraasa bakka jaallattutti dabarsitee, waa’ee abjuu kee xiqqoo yoo yaadde, akka Prinsiple 80/20 (Pareto Principle)tti, jireenyi kee irra caalaan (%80) gammachuu, tasgabbaa’aa fi hiika kan qabu ta’a.

Eeyyee! Jireenyi kee hiika akka qabaatuuf guyyaa kee guutuu cimsitee dabarsuu hin qabdu. Guyyaa guyyaan sa'aatii murtaa'eef waa'ee jireenya barbaaddu yaaduun, sa'aatii murtaa'eef yaada kee jiraachuun, sa'aatii murtaa'eef of madaaluun gahaadh

https://www.facebook.com/profile.php?id=61572202067976

YESUUS ERGAMAA WAAQAYYOOTI MALEE WAAQAYYOO MITI⚘️⚘️⚘️⚘️⚘️⚘️⚘️mee worri yesuus  waaqayyoodha jettan waangeela kana maalii...
23/03/2025

YESUUS ERGAMAA WAAQAYYOOTI MALEE WAAQAYYOO MITI
⚘️⚘️⚘️⚘️⚘️⚘️⚘️
mee worri yesuus waaqayyoodha jettan waangeela kana maaliif hin fudhanne ⁉️
👉. Yoh:- 7:28.
“ኢየሱስ በቤተ መቅደስ አደባባይ ሲያስተምር ድምፁን ከፍ አድርጎ እንዲህ አለ፤ “አዎን፣ እኔን ታውቁኛላችሁ፤ ከየት እንደሆንሁም ታውቃላችሁ። እኔ እዚህ ያለሁት በገዛ ራሴ አይደለም፤ ነገር ግን የላከኝ እርሱ እውነተኛ ነው። እናንተ አታውቁትም፤” (አዲሱ መ.ት)
“Isa irratti Yesus utuu mana qulqullummaa keessatti barsiisuu sagalee isaa ol fudhatee, "Dhuguma ana beektu, nama eessaa akkan ta'es in beektu. Ofiin hin dhufne, inni ana erge jira; inni amanamaa dha, isin immoo isa hin beektan.”

👉. Yoh:- 8:18
“ስለ ራሴ የምመሰክር አንዱ እኔ ነኝ፤ ሌላውም ምስክሬ የላከኝ አብ ነው።” (አዲሱ መ.ት)
“Ani ofii kootiif dhugaa nan ba'a, abbaan inni ana erges immoo anaaf dhugaa in ba'a" isaaniin jedhe.”

👉. Yoh:- 5:24.
“እውነት እላችኋለሁ፤ ቃሌን የሚሰማ፣ በላከኝም የሚያምን የዘላለም ሕይወት አለው፤ ከሞት ወደ ሕይወት ተሻገረ እንጂ ወደ ፍርድ አይመጣም።” (አዲሱ መ.ት)
“"Dhuguma, dhuguman isinitti hima, dubbii koo dhaga'ee isa ana ergetti kan amanu jireenya bara baraa qaba; inni du'a keessaa gara jireenyaatti darbee malee, gara firdii hin dhaqu.”

👉. Yoh:- 5:37.
“የላከኝ አብ ራሱ ስለ እኔ መስክሮአል፤ እናንተም ከቶ ድምፁን አልሰማችሁም፤ መልኩንም አላያችሁም፤” (አዲሱ መ.ት)
“Inni ana erge abbaanis immoo ofii isaatii anaaf dhugaa ba'eera; isin utuu inni dubbatuu sagalee isaa takkaa hin dhageenye, bifa isaas argitanii hin beektan.”

👉. Yoh:- 14:28.
“ ‘እሄዳለሁ፤ ተመልሼም ወደ እናንተ እመጣለሁ’ ማለቴን ሰምታችኋል፤ ብትወዱኝስ አብ ከእኔ ስለሚበልጥ ወደ አብ በመሄዴ ደስ ባላችሁ ነበር፤” (አዲሱ መ.ት)
“'Amma nan adeema deebi'ees isin bira nan dhufa' akkan isiniin jedhe dhageessaniittu; utuu na jaallattu taatanii, waanan gara abbaa dhaquuf in gammaddu turtan,”

👉. Luq:- 10፥16
“እናንተን የሚሰማ እኔን ይሰማል፤ እናንተን የማይቀበል እኔን አይቀበልም፤ እኔንም የማይቀበል የላከኝን አይቀበልም።” (አዲሱ መ.ት)
“Bartoota isaatiin immoo, "Namni isin dhaga'u, ana dhaga'a; namni isin dhaga'uu didu, ana dhaga'uu dida, namni ana dhaga'uu didus, isa na erge dhaga'uu dida" jedhe.”

👉. Yoh:- 4:34.
“ኢየሱስም እንዲህ አላቸው፤ “የእኔ ምግብ የላከኝን ፈቃድ ማድረግና ሥራውን መፈጸም ነው፤” (አዲሱ መ.ት)
“Yesus immoo, "Nyaanni kan koo jaalala isa na ergee gochuudhaaf hojii isaa raawwachuu dha.”

Oduu:   qabeenya bineensota bosonaa irraa galii waggaatti argattu Birrii miiliyoona 150 akka hin caalle ibsame Itoophiya...
23/03/2025

Oduu: qabeenya bineensota bosonaa irraa galii waggaatti argattu Birrii miiliyoona 150 akka hin caalle ibsame

Itoophiyaan galii waggaatti qabeenya bineensota irraa argattu Birrii miiliyoona 150 akka hin caalle Abbaan Taayitaa Misooma fi Kunuunsa Bineensota Bosonaa Itoophiyaa beeksise.

Daayreektarri abbaa taayitichaa Obbo Kumarraa Waaqjiraa DhPI’tti akka himanitti, “Itoophiyaan galii qabeenya bineensota bosonaa irraa argattu baay’ee xiqqaadha, galiin waggaatti argame birrii miiliyoona 150 kan hin caalle” jedhan.

Galiin biyyoonni biroo qabeenya bineensota bosonaa irraa argatan dinagdee isaaniif deeggarsa guddaa akka ta’e qondaalli kun dubbataniiru. Faallaa kanaatiin, galiin Itoophiyaan bineensota bosonaa irraa argattu guddina dinagdee biyyattiif gumaacha xiqqaa akka qabu ibsaniiru.

Kana malees paarkiiwwan hanga barbaadamutti misoomuu dhabuu fi qabeenya kana eeguuf baajata xiqqaa ramadame irraa kan ka’e galiin biyyattiin bineensa bosonaa irraa argattu gadi aanaa ta’uu ibsaniiru.

Mootummaan dameen kun madda diinagdee guddaa akka ta’u amanee galii xiqqaa bineensota bosonaa irraa argamu guddisuuf paarkiiwwan keessatti bakkeewwan turizimii misoomsuuf hojjechaa jiraachuu eeraniiru.

Address

Addis Ababa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Olii ayana posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share