07/03/2024
Haalonni ni jijjiiramu kanaaf abdii hin kutin!!
===================================
Yeroo haalonni namatti ulfaatan, yeroo wanti hundi bitaa nama galu, yeroo addunyaan kun dalga nama ilaaltu....waan gaarii dubbachuun akka ulfaatu nan beeka. Gumgumuun, ofirratti waan hamaa dubbachuun, abaaruu fi jechoota abdii kutannaa of irratti dubbachuun filannoo isa dhumaa yeroo itti ta’utu jira. Ta’ullee, abdiii hin kutin!
Haalonni ni jijjiiramu. Wanti har’a mul’atu bor ni dhabama. Yeroon Waaqa malee waan hin jijjiirre hin qabu. Har’a yoo hin milkoofne bor milkoofta. Amma yoo dukkanaa’e diqqoo turee siif bari’a. Bari’uuf dhi’ee be! Haalonni dhufanii darban dubbii arraba keetii hin murteessin.
Yeroo hundumaa nama abdii qabu—nama egeree miidhagaan itti mul’atu—ta’i. Abdiin boba’aa injiinii (Engine) jireenya namaa sochoosu akka ta’e beekkadhu.
Namni mo’u abdii hin kutu; namni abdii kutu hin mo’atu jedhama. Abdii qabaadhuu itti gammadi. Yoo beelofte abdii nyaadhu. Yoo dheebotte abdii dhugi. Yoo uffata dhabde abdii uffadhu. Eyyee, abdii qabaadhu. Akka dandeettu sammuu kee amansiifnaan wanti siif dadhabamu hin jiru. Hega humna nama tokkootti wanta karoorsite hunda bira geetta. Yoo milkoofte milkaa’ina keetiif sababni inni guddaan sammuu kee amansiisuu keeti. Yoo kuftes sababni kee sanuma. Gufuu fi qormaanni jireenya keessatti si mudatan dalga akka ati yaaddu si hin taasisiin. Jireenyi nama kamiiyyuu qormaatuma.
Jireenyi qormaata dha. Tarii haala amma keessa jirtu keessaa baatee haala diqqoo fooyya’u keessa adoo seentee sammuun kee boqonnaa akka argatu yaadda ta’a. Garuu akkana moti. Hega feete guddadhu, hega feete milkaa’i sadarkaan jireenyaa hundi qormaataa fi rakkina mataa isaa qaba.
Ati ammoon abdii qabaadhu. Dhugaa qabatamaa keessa jirtutti gammaduu yoo dhabde abdii dura kee jirutti gammadi.
https://www.facebook.com/beniam.meridu