Soteria Studio ሶትርያ ስቱዲዮ

  • Home
  • Soteria Studio ሶትርያ ስቱዲዮ

Soteria Studio ሶትርያ ስቱዲዮ Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Soteria Studio ሶትርያ ስቱዲዮ, Broadcasting & media production company, .

⚜️Oolmaa fi Galgaleeffannaa Nama Tokkoo⚜️
02/08/2025

⚜️Oolmaa fi Galgaleeffannaa Nama Tokkoo⚜️

⚜️Oolmaa fi Galgaleeffannaa Nama Tokkoo⚜️

[Barreeffamni] Kuni hanga ammaatti madda isaa kanan hin argatiin afaan faranjiitiin kan barreeffame muudannoo nama tokkoo obboleessi koo tokko naaf ergedha👇

➭Obboleessi tokko sagalee bilbila isaa balleessuu irraanfatee gara Mana Kiristiyaanaa seenee lallaba barata. Kana gidduutti bilbilli isaa ni iyya. Barsiisichi lallaba adda kutee ija isaatiin loleeni. Barumsicha booda, amantoonni lallaba waan jeeqeef itti dheekkamani. Tokko tokko immoo isa ilaalanii taajjabbiidhaan mataa isaanii sosochoosani. Haadha manaa isaa waliin gara manaa yeroo deemanis haati manaa isaa waa’ee kashalabbummaa isaa gorsa kennuu itti fufte. Qaaniin, saalfiin fii salphinni gadi fageenyaan akka isatti dhagahame fuulasaa irratti ni mul’ata ture. Sanbata sana booda miila isaa gara Mana Kiristiyaanaa kaasee hin beeku. Keessi isaa kan jeeqame namni kun, galgaluma sana gara mana dhugaatii qajeele. Sammuun isaa akkuma waliin dhahametti ture.

➭Bakka taa’etti tasa qaruuraan ittiin dhugaa ture kufee cabuudhaan dhugaatiinis naannoo isaatti faca’e. Namoonni dhugaatiin faca’ee isaan tuqe gara isaatti siquu jalqabani. Isatti iyyuu fi kaballaadhaan akka isa rukutan waan isatti beekameef dursee ija isaa junuunfate. Namoonni sun garuu cabaa qaruuraatiin miidhame yoo ta’e dhiphatanii isa gaafatani. Keessummeessaan dhufee kan isarratti dhangala’e akka gogsuuf haxooftuu kenneefi. Qulqulleessituun laficha qulqulleessite. Haati qabeenyaa manichaa “Homaa miti ni muudata; meeshaa kan hin cabsine eenyutu jira?” jettee dhugaatii biraa fichisiisteefi. Guyyaa sanaa jalqabee mana dhugaatii sanarraa hafee hin beeku.

➭Mana Kiristiyaanaa keessatti bilbila banaa gochuu fii sirna waaqeffannaa jeequun dogongora hamma mana qulqullummaa keessa kophee godhatanii seenuu gahudha. Mana Kiristiyaanaa mitii Embaasii illee bilbila kee ala keessee seenta. Balleessaa namichi sun balleesseef garuu jaalalaan kan isa dubbisu waan dhabeef bilbila isaa waliin baduu danda’eera. Manni Kiristiyaanaa bakka fayyinaati. Manni dhugaatii immoo daandii badiisaati. Seenaa nama kanaa keessatti garuu bakka fayyinaa namoota jiran caalaa bakka badiisaa namoonni jiran dogongora namichaatiif jaalala fooyya’aa agarsiisani. Altokko tokko amalli amantoota tokko tokkoo lubbuuwwan gara Si’oolitti arii’a.

➭Walii walii keenyaaf eegduu ta’uu ni dandeenya; addunyaa fayyisuuf waan dandeenyu haa goonu. Lubbuulee fayyisuurra lubbuu balleessuun baay’ee salphaadha. Amantoonni haa hafaniitii barsiisaan yeroo dheekkamu akkamitti ta’uu akka qabu qulqulluu Yohaannis Afaan Warqee yoo dubbatu “namni gorsu kan loluu fii jechisaa kan quuqu hin ta’iin; caalaatti garuu akka ogeessa madaa wal’aanuu gara laafinaan haa raawwatu” jedha. Fayyisaan addunyaa Kiristoos michuu cubbamootaa ture. Inni keessa eenyuutiyyuu jecha hamaadhaan hin cabsine. Nuti garuu namoota irratti yoo garaa jabaannu hammamtaa hin qabnu. Sababuma kanaan namoonni akka Niichee “Kiristiyaanni isa fannoo irratti du’e qofadha” jedhanii hanga nutti qoosutti gahaniiru.

Kitaabni garuu namni yeroo dogongoru yoo argine maal gochuu akka qabnu akkana jechuudhaan dubbata: “yaa obboloota, namni badii kamiin illee yoo argame, afuurawoo kan taatan isin nama akkana jiru afuura garraamummaatiin ol isa qabaa” Gal 6:1

[ : የግዮን ወንዝ በዲያቆን ሄኖክ ኃይሌ 2015 ዓ.ም ፤ ገጽ 172-174- የአንድ ሰው ውሎ እና አመሻሽ]
: Daanyee Darajjee (Dn)

Miidiyaa Sootiriyaa
Adoolessa 26, 2016
Finfinnee

Tajaajilichi kan hundaa waan ta'eef toorawwan miidiyaa Miidiyichaa gochuun, hiriyyoota keessan affeeruun tajaajilicha haa deeggarru!
Miidiyaa Sootiriyaa👇

➭YouTube►https://youtube.com/?si=VMAMZpRtucXIkMwg
➭Telegram Channel►https://t.me/Soteriamedia
➭page►https://www.facebook.com/soteriamedia21

🔈Ergamoonni Yeroo Hundaa‼️🔈"Ergamaan Waaqayyoo naannoo namoota Isa soodatanii ni buufata; isaaniin ni fayyisas (oolchas)...
25/07/2025

🔈Ergamoonni Yeroo Hundaa‼️🔈

"Ergamaan Waaqayyoo naannoo namoota Isa soodatanii ni buufata; isaaniin ni fayyisas (oolchas)"
~ Faar 34÷7

Ergamoonni yeroo hundaa nuuf kadhatuu
Waaqa keenya dura dhaabbatanii
Gidiraaf qorumsa irraa nu oolchuu
Naannoo keenya buufatanii

Madaallii Afuuraa kan qabatuu
Har'as Mikaa'eliin nu hin dagatuu
Isa nu adamsu lubbuu keenyaa
Aangoon irraa ejjete diina keenyaa

Waaqa keenya dura kan dhaabbatuu
Ijoollee Waaqayyoof kan kadhatuu
Gabri'eeliin dhufee gara keenyaa
Gammachuutti jijjiiree gadda keenyaa

Ergamaan Rufaa'eel ogeessaadhaa
Gadameessa deessuuu kan hiikudhaa
Qormaanni da'umsaa yoo hammaatee
Dhufeetu nu furaa ariifatee

Ergamaa guddichaa Raagu'eelii
Dukkanaa addunyaa nu baraarii
Urjii fi ji'ootaa situ abboomaa
Ifaan nu gaggeessi yeroo hundumaa

Dhiiga Gooftaa xoofootti kan qeensee
Biyyaa lafaa ittiin qulqulleessee
Hangafa Ergamootaa Uraa'elii
Nuyi cubbamootaa nu gargaarii
==•|•==

🎙 Baga Geessan‼️🎙

Faaruu Ergamootaa Afaan Oromoo Ortodoksi Tawaahidoo Itiyoophiyaa faarfattoota Miidiyaa Sootiriyaatin qophaa'e.Yaada ykn gaaffii sagantaalee Miidiyichaa irrat...

24/07/2025

🔈BILAASHAAN‼️🔈

''Faarfannaa Haaaraadhaan Waaqayyoon Faarfadhaa!!''
~ Isa 42÷10

✔️Eebba Faarfannaa‼️

🎙 Faaruu Haaraa F/taa H/F Dn Gammachiis Bultiitiin

Mata Duree: Bilaashaan
Walalooo: H/F Dn Gammachiis Bultii
Yeedaloo: H/F Dn Gammachiis Bultii
Sagalee: Istuudiyoo Met
Suur-Sagalee: Istuudiyoo Soootiriyaa

⏰ Dilbata guyyaa 20/11/2017ALI galgala keessaa sa'aatii 02:30 irraa kaasee karaa TikTok () nu eegaa.

⚜️ Soteria Studio ሶትርያ ስቱዲዮ
⚜️ Miidiyaa Sootiriyaa ሶትርያ ሚዲያ

Yeroo dhihootti...Coming soon...🎙 Faaruu Haaraa F/taa H/F Dn Gammachiis BultiitiinMata Duree: BilaashaanWalalooo: H/F Dn...
25/06/2025

Yeroo dhihootti...
Coming soon...

🎙 Faaruu Haaraa F/taa H/F Dn Gammachiis Bultiitiin

Mata Duree: Bilaashaan
Walalooo: H/F Dn Gammachiis Bultii
Yeedaloo: H/F Dn Gammachiis Bultii
Sagalee: Istuudiyoo Met
Suur-Sagalee: Istuudiyoo Soootiriyaa

Karaa chaanaalii YouTube Miidiyaa Sootiriyaa nu eegaa‼️

📷 📽

Fuula Miidiyaalee Hawaasaa Keenya Daawwadhaa‼️

Facebook: https://web.facebook.com/SoteriaStudioOfficial
Telegram: https://t.me/soteriastudio

Hojiiwwan Keenya Daawwadhaa‼️Qulqullina Gatii Madaalawaa Waliin‼️Koottaa Nu Dubbisaa‼️~ Mootii Nagaa || የሰላም ንጉሥ🎙 Faaruu...
07/05/2025

Hojiiwwan Keenya Daawwadhaa‼️
Qulqullina Gatii Madaalawaa Waliin‼️
Koottaa Nu Dubbisaa‼️

~ Mootii Nagaa || የሰላም ንጉሥ

🎙 Faaruu Haaraa F/taa Dn Dhibbaa Waaqturaatiin

Yeroo dhihootti‼️

📷 📽

Fuula Miidiyaalee Hawaasaa Keenya Daawwadhaa‼️

Facebook: https://web.facebook.com/SoteriaStudioOfficial
Telegram: https://t.me/soteriastudio

Geeteesemaaniidhaa hanga GooligootaaWaan ittiin ibsinu ni dhabne Jechootaa😭Dirree Philaaxoosii hanga QaraaniyooMaal jenn...
11/04/2025

Geeteesemaaniidhaa hanga Gooligootaa
Waan ittiin ibsinu ni dhabne Jechootaa😭
Dirree Philaaxoosii hanga Qaraaniyoo
Maal jenneet dubbanna wayyoo wayyoo wayyoo😭

Faaruu Haaraa Dhukkubbii Gooftaa Faarfattoota Miidiyaa Sootiriyaatiin.Geeteesemaaniidhaa hanga GooligootaaWaan ittiin ibsinu ni dhabne Jechootaa😭Dirree Phil...

11/04/2025
10/04/2025

💫GEETEESEMAANIIDHAA💫

Faaruu Gaabbii Haaraa faarfattoota Miidiyaa Sootiriyaatiin, bor galgala karaa chaanaalii YouTube keenyaan nu eegaa.

❗️Sooma Guddicha Tajaajila Miidiyaa Sootiriyaa Waliin❗️







Tajaajilicha jajjabeessuuf chaanaalii YouTube Miidiyichaa , , fi akka gootan jaalala Gooftaatiin isin gaafanna!

✝️YouTube► https://youtube.com/
✝️Telegram► https://t.me/Soteriamedia
✝️Facebook► https://www.facebook.com/soteriamedia21
✝️TikTok► https://www.tiktok.com/
✝️WhatsApp► https://whatsapp.com/channel/0029VavbGc972WU2EwxH953o

Hojiiwwan Keenya Daawwadhaa‼️Qulqullina Gatii Madaalawaa Waliin‼️Koottaa Nu Dubbisaa‼️~ Jaalalli Isa Moo'ee ፍቅር አሸንፎትFaa...
08/04/2025

Hojiiwwan Keenya Daawwadhaa‼️
Qulqullina Gatii Madaalawaa Waliin‼️
Koottaa Nu Dubbisaa‼️

~ Jaalalli Isa Moo'ee ፍቅር አሸንፎት

Faaruu Baganaa Haaraa F/ttuu Xirunash Gaaddisaatiin

https://youtu.be/QA333dh3NwI

📷 📽

Fuula Miidiyaalee Hawaasaa Keenya Daawwadhaa‼️

Facebook: https://facebook.com/SoteriaStudioOfficial
Telegram: https://t.me/soteriastudio

Faaruu Baganaa Haaraa kan Afaan Oromoo Faarfattuu Xirunash Gaaddisaatiin.Tajaajila karaa Istuudiyoo Sootiriyaa kennamu argachuuf liinkiiwwan armaan gadii fay...

~ Jaalalli Isa Moo'ee ፍቅር አሸንፎትFaaruu Haaraa F/ttuu Xirunash GaaddisaatiinHar'a galgala chaanaalii YouTube Miidiyaa Soot...
08/04/2025

~ Jaalalli Isa Moo'ee ፍቅር አሸንፎት

Faaruu Haaraa F/ttuu Xirunash Gaaddisaatiin

Har'a galgala chaanaalii YouTube Miidiyaa Sootiriyaa ሶትርያ ሚዲያ irratti nu eegaa.

📷 📽 Soteria Studio ሶትርያ ስቱዲዮ

Fuula Miidiyaalee Hawaasaa Keenya Daawwadhaa‼️

Facebook: https://web.facebook.com/SoteriaStudioOfficial
Telegram: https://t.me/soteriastudio

Address


Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Soteria Studio ሶትርያ ስቱዲዮ posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

  • Want your business to be the top-listed Media Company?

Share