
01/07/2025
Tiraamp qoqqobbii Sooriyaarra kaa'amee ture kaasuuf ajajan
》》》》》》》》》》》》》
Pirezdaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp qoqqobbii Sooriyaarra kaa’ame kaasuuf ajaja hojii raawwachiiftuu mallatteessaniiru.
Ajajni kun daandii biyyattiin gara tasgabbiifi nagaa deemtu deeggaruuf kan kaayyeffate akka ta'etu himame.
Qoqqobbiin faayinaansii biyya alaa kamiyyuu dhorku kun mootummaa abbaa irree duraanii Bashiir Al-Asaad kan Muddee keessa humna amma biyyattii bulchaa jiruun aangoorraa ari’amerra kan kaa’ame ture.
Waayit Haawus tarkaanfii mootummaa haaraa Sooriyaa akka hordofu ibsuun, biyyattiin hariiroo Israa’el waliin qabdu idileessuuf tarkaanfii qabatamaa akka fudhattuufi gareewwan "shoror*keessummaa" qolachuufi ishee waliin akka hojjettu ibseera jedha gabaasni Gaazexaa Pilaas.
Ministirri Dhimma Alaa Sooriyaa Asaad Al-Shiibaanii tarkaanfiin kun gufuu dinagdee dandamachuu mudate maqsuun biyyattii hawaasa addunyaaf kan banuudha jedhan.
Al Jazeera Oromiyaa
Al Jazeera Afaan Oromoo
"Oduu,odeeffannoo dhugaa,taateewwan ammee idila addunyaa saffisa yerootin bakka jirtanutti isin biraan geenya"🎤⌚️📱🖥💻✍️
Chaanaalii Telegraamii TIM MEDIA gochuun yeroo hundumaa
👇
https://t.me/Timmedia360