01/09/2026
********************
Simbirroo bareedduu fi baallee danuu qabdu tokkotu bosona keessa jiraataa ture guyyaa tokko qonnaan bulaa callaa midhaanii qalqalaan baatee deemutti dhuftee garam deemtu ? jettee Q/bulaa kana gaafatte
inniis callaa midhaanii kana baallee simbiraatiin geeddaruun deema jedheen achumaan maarree Anisoo callaa kana sirriittan barbaadaa oliif gadi jooree jawwaaree, dhama'ee, dafqee barbaaduu mannaa maaliif anuma faana wal hin jijjiirruree? Jettee gaafannaan namichis Tole jedheen
sana booda bu'uura jireenya ishee kan ta'e qaama ittiin sochootee bakka yaadde ittiin geessu buqqiftee callaa midhaaniitiin geeddaruu eegalte kanaan booda Q/bulaan kun guyyaa guyyaadhaan callaa kenneefi baallee ishee tokko tokko fudhatee galuu eegale
yeroo muraasa booda bu'uura jireenya ishee simboon uumamaa ishee kan ture baalleen ishee mucus jedhee irraa dhume.
kanaan booda madaallii ishee eegdee dhaabbachuus ta'ee sochotee nyaata barbaaddachuu dadhabdeet lubbuun ishees beela hamaadhaa darbite.
Eeyyeen karaan karaa qaxxaamuraatiin dhiyoo fakkaatu kan hallayyaa gadi fagootti nama geessu ta''uu mala.
simbirroon kunis nyaata yeroof jetteet qaama bu'uura jireenya ishee ta'e sana dhabde har'as namoonni dhugaa sammuun isaanii beeku dhoksanii fayidaa battalaatiin jijjiirrachaa jiran simbirroo kanaan wal fakkaatu.
Har'a waantonni salphaa fakkaatanii nutti mul'atan dhumni isaanii fokkisaa ta'uu mala. Milkaayinni dhugaan kan argamu lafaa dhugaan jirutti malee karaa qaxxaamuratunii nuti hubaadhuu