21/01/2026
Misoomni Manneen Jireenya Bal’inaan Hojjetamaa Akka Jiru Waajjiri Ministira Muummee Ibse.
Amajjii 21/2026 GDR
Itoophiyaatti, haala jireenyaa uummataa fooyyessuuf misoomni manneen jireenyaa sadarkaa maatiitti xiyyeeffate bal’inaan hojjetamaa akka jiru wajjiri ministira Muummee ibse.
Waajjirri Ministira Muummee akka jedhanitti, biyyattii keessatti gaaffiin manneen jireenyaa ammallee guddaa ta’us, mootummaan dhiyeessii manneen jireenyaa hojii tola-ooltummaa fi deeggarsa hawaasummaa waliin qindeessuun hojjechaa jira jedhaniiru.
Pirojeektonni misooma manneen jireenyaa sadarkaa maatiitti xiyyeeffatan, manneen nageenyi isaanii eegame, jabaa fi amansiisaa ta’an ijaaruun jireenya maatii hedduu fooyyessaa jira jechuun ibsa isaani keessatti eraniiru.
Tajaajilli Tola-Ooltummaa Gannaa waggaa waggaatti kennamu sagantaa mootummaa ijoo ta’ee itti fufees jira jechuun ibsan.
Sagantaan kun tola-ooltoota, dhaabbilee mootummaa fi hawaasa walitti fiduun hirmaannaa uummataa cimsuu fi misooma itti fufiinsa qabu mirkaneessuuf gahee olaanaa qaba jedhan.
dursa maanguddootaa fi lammiilee humna hin qabneef kennuun, manneen isaanii haaromsuu fi ijaaruun akkasumas suphuun hojjetamaa jira jira jechuun ibsan.
Namoonni manneen jireenyaa jijjiigaa keessa jiraatanii fi bakkeewwan balaa uumamaaf akkasumaas rakkoo garaagaraaf saaxilamoo ta’an keessa jiraatan deeggaramaa jirachuu isaanis ibsaniiru.
Carraaqqii kanaan, maatiin kumaatamaan lakkaa’aman mana jireenyaa amanamaa argachuun, jireenya tasgabbaa’aa fi abdii egeree qabu jalqabaniiru jechuun ibsan
Hojiin misooma manneen jireenyaa mootummaa fi hawaasa waliin qindaa’e kun, akka biyyaatti misooma hunda hammate fi sadarkaa jireenyaa fooyyessuuf, guddina Itoophiyaa itti fufiinsa qabu galmaan ga’uuf shoora olaanaa qaba jedhameera.