30/10/2025
Ajjeechaa jumlaa kiristaanota Ortodoksii irratti raawwatame ilaalchisuun ibsa Sinoodosii dhaabbii mana kiristaanaa Ortodoksi Tawaahidoo Itiyoophiyaarraa kenname.
Bulchiinsa Mootummaa naannoo Oromiyaatti godina Arsii Bahaa Aanaawwan Gunaa,Martii,Shirkaa fi Honqolloo Waabee keessa kan jiraatan hordoftoota mana amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaarratti Onkoloolessa 14 fi 15 bara 2018 Aanawwan Gunaa fi Martiitti kiristaanota 17,Onkoloolessa 17/2018 galagala Aanaa Shirkaa keessatti kiristaanota 3,akkasumas Onkoloolessa 18/2018 galagala ammoo Aanaa Honqolloo Waabeetti kiristaanota 5 walumaa galatti ji'a Onkolooleessaa bara 2018 kana keessa kiristaanota 25 , biyya keenyaa fi dachee keenya jechuun nagaan cisaanirratti hidhattoota eenyummansaanii hin beekamneen ajjeechaan suukaneessaa tasaa kan irratti raawwatameefi ajjechaan kunis yeroo gara yerootti hammachaa kan dhufe ta'uusaa gabaasa waajjirri kutaa biyya lallaba Arsii Bahaa erge Sinoodosiin dhaabbii miira gaddaa ulfaataa ta'een ilaaleera.
Haaluma kanaan kutaa biyya lallaba Arsii Bahaa keessatti ajjechaan suukanneessaa akkanaa irra deddeebiin raawwatamaa kan ture waan ta'eef gochi saalfachiisaan akkanaa bu'uura kitaabolee qulqulluunis ta'e bu'uura mirga namoomaa dhala namaan tasuma fudhatama kan hin qabne ,mirga bilisaan waaqeffachuu heera Mootummaarra jiru kan dhiibu, Aadaa wal danada'anii fi wal kabajanii waliin jiraachuu biyya keenyaa kan balleessu, kabaja namaa kan tuquu fi amala badaa balaaleffatamuu qabu waan ta'eef gocha kana Sinoodosiin dhaabbii mana kiristaanaa Ortodoksi Tawaahidoo Itiyoophiyaa jabessee balaaleffata.
Kana wan ta'eef qaamoonni Mootummaa dhimmi kun kallattiin isaan ilaallatu mirga lubbuun jiraachuu fi mirga amantii Heera Mootummarratti mirkanaa'e akka nuuf kabachiisanii fi qaamota seeraan alaa gocha kana raawwatan seeratti dhiheessuun olaantummaa seeraa mirkaneessuu dabalatee gochoonni seeran alaa akkanaa fuula duratti akka irra hin deebi'amneef eegumsa seeraa barbachisaa ta'e kennuun dirqama isaanii akka bahatan Sinoodosiin dhaabbii waamicha afuuraa ni dabarsa.
Dhumarrattis miidhaa qaqqabeen gadda guddaa nutti dhagaa'ame irra deebiin ibsachaa, maatii miidhamtootaa fi uummata Itiyoophiyaa hundaaf jajjabina hawwuun lammiiwwan keenya lubbuun darbeef Waaqayyo Gooftaan boqonnaa lubbuu akka isaaniif kennuuf qulqulleettiin mana kiristaanaa ni kadhatti.
Mana kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaa
Onkoloolessa 20 bara 2018 B.A