Miiltoo - Afaan oromoo

  • Home
  • Miiltoo - Afaan oromoo

Miiltoo - Afaan oromoo Miiltoon Tokkummaa keenyaaf💪💪💪
💬Nu Qunnamuuf💬. Karaa Telegram keenyaa
💌💌

Seenaan Haarawaa Barreefame! Arsenal Waggaa 22 Booda Gooftaa Piriimiyer Liigii Ingilaand Ta'e! 🏆Gammachuun deeggartoota ...
19/05/2026

Seenaan Haarawaa Barreefame! Arsenal Waggaa 22 Booda Gooftaa Piriimiyer Liigii Ingilaand Ta'e! 🏆

Gammachuun deeggartoota Arsenaal daangaa hin qabu! Erga bara 2004 asitti waancaa dhabuun mormiifi qeeqa cimaa keessa kan turan deeggartoonni kilabichaa, dharraan isaanii dhugoomuun waancaa Piriimiyer Liigii Ingilaand (EPL) waggaa 22 booda harka isaaniitti deebifachuu danda'aniiru.

Haalli waancaa kanaa haala ajaa'ibaa ta'een kan mirkanaa'e dha. Morkataan cimaan isaaniifi abbaan waancaa waggoottan darban, Maanchisteer Siitiin, tapha cimaa kilabii Boornimaawuz (Bournemouth) waliin taasisaniin 1-1 qixa ba'uun qabxii murteessaa waan dhabeef, tapha isaa isa dhumaa yoo injifateyyuu wal-ida'ama qabxiitiin Arsenalitti dhaqqabuu akka hin dandeenye mirkanaa'eera. Kanaafuu, Arsenal qabxii kanaan dura dursaan kuufate qofaan, osoo dirree hin seenin abbaa waancaa ta'uun isaa mirkanaa'eera!

Milkaa'inni seena-qabeessi kun tasa kan dhufe miti. Ijaarsa garee leenjisaa Miikeel Arteetaatiin obsaafi tooftaa ammayyaawaan waggoota darban keessa hojjetamaa tureen kan dhufe dha. Garee dargaggoota onneefi kaka'umsa qabaniin ijaarame kana, dirree ofiifi dirree alaatti taphoota murteessoo injifachaa deemuun firiin dadhabbii isaanii milkaa'inatti akka jijjiiramu godheera.

Priimiyer Liigiin Ingilaand Itoophiyaa dabalatee addunyaa guutuutti liigii hunda caalaa jaalatamummaa olaanaafi daawwattoota bal'aa kan qabu dha. Keessattuu deeggartoota Arsenal hedduu biyya keenya keessa jiraniif galgalli edaa kun galgala seenaafi gammachuu guddaa ta'eera.

Arsenal milkaa'ina liigii kanaan qofa osoo hin dhaabbatin, deeggartoota isaa daran boonsuuf xumura waancaa Shaampiyoonsii Liigii Awurooppaa , waancaa guddicha lammaffaa fudhachuuf waldhaansoo jabaa gochuuf eegaa jira.

Waggaan kun dhugumaan waggaa Arsenaaliti!

📢Miiltoon Tokkumma keenyaf
👉Chaanaali miiltoo hordoofa!!
Miiltoo - Afaan oromoo

📌Gatiin boba’aa dabaleeraa?Qorannoon gaggeessine gatiin boba’aa dabaluu isaa mirkaneessa.Naafxaa Adiin liitira tokkoon 1...
02/04/2026

📌Gatiin boba’aa dabaleeraa?
Qorannoon gaggeessine gatiin boba’aa dabaluu isaa mirkaneessa.

Naafxaa Adiin liitira tokkoon 163.09 birr ta’eera.

Beenzilli liitira tokkoon 142.41 birr ta’eera.

Guyyaa har’aa, Bitootessa 24 bara 2018 A.L.I irraa eegalee, gatiin gurgurtaa boba’aa irratti daballiin taasifamuu buufataaleen boba'aa himaniiru.

Ministeerri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannoo ibsa baaseen, gatii boba’aa addunyaa irratti hundaa’uun, kaleessaa galgala sa’aatii 12:00 irraa eegalee gatiin haaraan hojii irra ooluu isaa beeksiseera.

Akka ibsa kanaatti gatiin liitira tokkoon:

👉 Naafxaa Adii – birrii 163.09
👉 Beenzila – birrii 142.41
👉 Keerosinii – Birrrii 151.39
👉 Naafxaa gurraacha salphaa – birrii 163.98
👉 Naafxaa gurraacha ulfaataa – birrii 160.68
👉Boba’aa xiyyaaraa – birrii 150.48 ta'eera.

Dabalataanis, naannoo Saarisitti buufata boba’atti gatiin haaraan hojii irra oolaa jiraachuu isaa argiinerra.

Mootummaan guyyaa 22 dura ji’a Bitootessaa keessatti gatii dabale ture.

📡 MIILTOON TOKKUMMAA KEENYAAF 📡
👉 Chaanaali miiltoo hordofaa 👇
Miiltoo - Afaan oromoo

📌ODUU:- To’annoon hanna Boba’aa fi Itti gaafatamummaan jabaachuu qaba - Koree Dhaabbii Dhimmoota Daldalaa fi Tuuriizimii...
02/04/2026

📌ODUU:-
To’annoon hanna Boba’aa fi Itti gaafatamummaan jabaachuu qaba - Koree Dhaabbii Dhimmoota Daldalaa fi Tuuriizimii
*****

​Mana Marii Bakka Bu’oota Uummataatti Koree Dhaabbii Dhimmoota Daldalaa fi Turiizimii, gabaasa raawwii ji’oota saddeetanii Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannoo qorateera.

Koreen kun, hannii fi hojmaanni badaan daldala Boba’aa irratti mul’atu dhiibbaan isaa akka xiqqaatu hojiin to’annoo fi itti gaafatamummaa mirkaneessuu cimee itti fufuu akka qabu hubachiiseera.

De'eetaan ​Ministira Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannoo, Abdulhaakiim Muuluu (PhD), hojmaata daldala ammayyaa diriirsuu fi dhiheessii meeshaalee bu'uuraa dabaluun raawwii gaariin galmaahuu ibsan.

Koreen dhaabbii daldala gama isaatiin Boba’aa irratti furmaata ariifachiisaan akka kennamu kallattii akeekuun isaa eerameera.

​Itti fayyadama Boba’aa irrattu qisaasamni jiraachuu, baay’inni konkolaataa dabaluu fi babbal’achuun hojii jallisii fedhiin Boba'aa akka dabalu taasisuun himameera.

Daldalli Boba’aa seeraan alaa ammoo dhiheessii fi fedhiin akka wal hin simne gochuuf sababa ijoo ta’uun isaa eerameera.

Gama biraatiin, gabaan Sanbata fi Dilbataa babbal’achuun, galmeen daldala dijitaalaa fi hojiin seera kabachiisuu akka jabinaatti ka’aniiru.

Ta’us, lammiilee galii gadi aanaa qabaniif meeshaaleen bu’uuraa fayyadamaa haala salphaan akka dhihaatan xiyyeeffannoon akka barbaachisu eerameera.

📡 MIILTOON TOKKUMMAA KEENYAAF 📡
👇 Chaanaalii miiltoo hordofaa 👉
Miiltoo- Afaan oromoo

📌 ODUU:-Xiyyaarri waraanaa Raashiyaa kufuun imaltoonni hundi du’an!Xiyyaarri waraanaa Raashiyaa AN – 26 jedhamu naannawa...
01/04/2026

📌 ODUU:-
Xiyyaarri waraanaa Raashiyaa kufuun imaltoonni hundi du’an!

Xiyyaarri waraanaa Raashiyaa AN – 26 jedhamu naannawaa daangaa Yuukreen bulchiinsa Kiriimiiyaatti kufee caccabuun imaltoonni 23 fi hojjettoonni balallii 6 du’uu isaanii gabaafameera.

Xiyyaarichi wayita bulchiinsa Kiriimiiyaan darbaa jiru sararri walqunnaamtii adda cituu eeruun, boodarras kufee caccabuu ibseera.

Sababni balichaa maal akka ta'e qoratamaa jiraachu ibsame.

📡 MIILTOON TOKKUMMAA KEENYAAF 📡
👇 Chaanaalii miiltoo hordofaa 👉
Miiltoo - Afaan oromoo

📌ODUU:- Dhaabbileen Barnoota Olaanaa Dhuunfaa 52 Ugguraman!!Abbaan taayitaa Barnootaa fi Leenjii mootummaa Federaalaa It...
31/03/2026

📌ODUU:-
Dhaabbileen Barnoota Olaanaa Dhuunfaa 52 Ugguraman!!

Abbaan taayitaa Barnootaa fi Leenjii mootummaa Federaalaa Itoophiyaa qulqullina barnoota eegsisuuf jecha hojii hordoffii fi too'annoo taasiseen dhaabbilee barnoota olaanaa dhuunfaa 52 damee irraa akka bahan taasiseera.

Dhaabbileen kunneen yeroo hedduu akeekkachiisa fooyya’iinsa qulqullina barnootaa isaanii irratti kennameef kabajuu dhabuu fi karaa seeraan alaa tajaajila barnootaa kennuu isaaniitiin heyyamni isaanii haqamuu Abbaan taayitichaa beeksiseera.

Dhaabbileen kunis sirna galmee irra deebii irratti waan hin hirmaanneef seektara barnoota keessa akka bahan murtaa'eera.

Xalayaa dhaabbatichi mootummaa naannolee, bulchiinsota magaalotaa, qaamolee mootummaa haqaa fi komishinii poolisiif erge keessatti, dhaabbileen kunneen battalumatti tajaajila barnoota olaanaa dhaabuu akka qaban fi tarkaanfiin seera barbaachisuu akka irratti fudhatamu hubachiiseera.

📡📡MIILTOON TOKKUMMAA KEENYAAF📡📡
👉Chaanaalii miiltoo hordofaa!👇

Miiltoo - Afaan oromoo

Xiyyaarri waraanaa Kolombiyaa kufuun namoonni 66 du'an.Xiyyarri humna waraanaa Kolombiyaa akkuma balalii eegaleen kufee ...
24/03/2026

Xiyyaarri waraanaa Kolombiyaa kufuun namoonni 66 du'an.

Xiyyarri humna waraanaa Kolombiyaa akkuma balalii eegaleen kufee caccabuun lubbuun namoota 66 darbeera.

Xiyyaara kana keessa miseensota waraana 114fi hojjattoota xiyyaaricha 11 kan turan ta’uu ibsameera.

Xiyyaarri kun C-130 Herkules kan jedhamu yoo ta'u, UStti hojjetameedha.

Waraanichi miseensotasaa ittiin deddeebisuuf itti fayyadama.

Hojjettootni lubbuu baraarsaa iddoo xiyyaarichi itti kufe dhiyeenya magaalaa Puerto Leguízamo jedhamutti lubbuu oolchuuf tattaafachaa jiru. Maddi balaa kanaa qoratamaa jira.

Miiltoo AfaanOromoo

IID MUBARAKBaga Ayyaana Iid al-Fixrii waggaa1447ffaan nagaan geessan.Miidiyaan keenya Hordoftoota amantaa Islaamaa hunda...
20/03/2026

IID MUBARAK

Baga Ayyaana Iid al-Fixrii waggaa1447ffaan nagaan geessan.

Miidiyaan keenya Hordoftoota amantaa Islaamaa hundaan baga nagaan isin gahe jechaa ayyaanni kun kan Nagaafi,kan Jaalalaa akka isiniif tahu hawwa.

IID MUBAARAK!

Oduu :-🇮🇱 🇱🇧Waraanni israa'el haleellaa magaalaa Tiripoolii kaaba Libaanosiitti fudhateen ajaja Hamaas Waasiin Atallaa A...
06/03/2026

Oduu :-
🇮🇱 🇱🇧Waraanni israa'el haleellaa magaalaa Tiripoolii kaaba Libaanosiitti fudhateen ajaja Hamaas Waasiin Atallaa Alii ajjeesu isaa beeksiseera.

🇮🇷🇮🇱🇺🇸 Iiraanitti haleellaa misaa'ila Israa'el guyyaa sanbataa mana barumsaa irratti fudhatteen barattoonni dubaraa 175 fi hojjettoota dabalatee lammiileen 1,230 ajjeefamaniiru. Gama Israa'eliin namoonni 11 yoo ajjeefaman, Ameerikaa irraa ammoo namoonni 6 ajjeefamaniiru.

🇮🇷🇰🇼 🇦🇪🇧🇭🇴🇲Haleellaa misaayila Iiraaniin Kuweetitti hidhattoonni 4, Emireetitti 3, Baahireeni fi Oomanitti 1 ajjeefamaniiru.

🇱🇧 Ministirri fayyaa Liibaanos haleellaa bombii israa'eliitiin namoonni 102 yoo ajjeefaman, namoonni 638 madaa'aniiru jechuun ibseera.

🇹🇷🇫🇷 Pirezidaantiin Turkiyyee Rassip Xaayyib erdogaan, pireezidaantii Faransaayiif akka dubbatanitti Ankaaraan dhimma Iiraan irratti gara marii akka deebitu dhiibbaa godhaa jirti jedhaniiru.

🇱🇧🇫🇷 Pireezidaantiin Libaanoos Jooseef Owun Pirezidaantiin Faransaayi Immaanu'eel maakron gidduu akka seenanii fi haleellaa boombii jumlaa Israa'el kibba Beeyruutitti taasisa jirtu akka dhaabsisan gaafateera.

Address


Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Miiltoo - Afaan oromoo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

  • Want your business to be the top-listed Media Company?

Share