Kefena Good news

Kefena Good news Jesus is the only way to heaven Jesus is lord

31/05/2023
28/01/2023

“በዳዊት ቤትና በሳኦል ቤት መካከል የነበረው ጦርነት ብዙ ጊዜ ቈየ፤ ዳዊት እየበረታ ሲሄድ፣ የሳኦል ቤት ግን እየተዳከመ መጣ።”
— 2ኛ ሳሙኤል 3:1

Milkaa’uu barbaaddaa ? (do you want to succeed?)Qajeelfama kanaan gadii hordofi.1)Feedhii (Desire) Qabadhu :-Jalqaba wan...
09/01/2023

Milkaa’uu barbaaddaa ? (do you want to succeed?)
Qajeelfama kanaan gadii hordofi.

1)Feedhii (Desire) Qabadhu :-Jalqaba wanta hojjachuudhaf yaadde sanaaf feedhii guutuu qabaadhu.yaada lamaan itti hin adeemin. Keessikee hin feene tanaan waanuma namii godhe goota tanaan hin milkooftu.

2) Amantii (Faith) Guutuu Qabaadhu :-amantiin bu'uura Mul’ata nuu keessa jiru ittiin ijaarrudha. Wanticha irraatti abdii tee guddifachuuf sammuu tantee waan gaggaarii soori.shakkii kan jedhamu keessa kankee keessa jiraachuu hin qabu.

3) Nan Danda'a Jedhii keessa kankee Amansiisi(Auto Auggestion):-qoosadhaafis haa ta’u keessaa sammuu keetti dhibaa'ina ke hin himin sababnii isaa sammuun kee qoosa isa jedhamu hin beetu kan ati dubbatu hundumaa dhugaadha jedhe fudhata. Kanaaf qoosaadhaan dhibaa'ina ofirratti hin labsin.

4) Waa'ee Waan Hojjattu Sana Guutummaatti Beeki,kan jechuun sirriitti qoradhuu bira ga'i jechuudha. Keesumattu namoota milka'aanitti siqii muuxannoo irraa fudhadhu. Garuu warra siin madaalle wajjin immoo walitti dhufeenya hin ijaarin . Warra naannoo kee jiran sirriitti beeki oolma kee gurguddoota wajjin godhadhu.

5) Wantiicha sammuu tee keessa suuraa isaa kaasi(imagination) :-wantii hundinuu jalqaba yaada irraa ka'a kanaaf jalqabaasaa gidduu gala isaa fi dhumaasaa
Sammuu kee keessatti boci fixi.

6) Karoora Baafadhu (Organized Planning):-karoorri jireenya kee akka gaariitti akka geggeessitu si godha. (yeroo qusaachuullee) Time management akka ati bartu si godha. Dadhabbii hojii kee keessaa sii qunnamu sii xiqqeessa.

7)Murtoo (Decision) Qabaadhu :- namoonnii baay'een utuu dandeetti guddaa qabanii murteessuu dadhabuu irraan kanka'e milkaa’uu dadhaban .kanaaf atin wanta yaadde kan irratti murteessii ka'i.

8)Jajjabina Qabadhu(persistance):- murteessuun qoftii isaa humna hin qabu.
Wanticha irraatti jabina gudcaa qabachuun dirqaamadha.

9)Wanta Hojjattutti Gammachuu (Enjoy) Qabaachuu Qabda :-karooraafi hojii teetti hin gammaddu taana
n hin milkooftu. Wantichaatti hin bo

Qoraasuma Sammuu"Kitaabota kuma dubbisi, jechoonnikee akka galaanaa dambali'u" - --Virjiiniyaa WoolfNamni kitaaba dubbis...
09/01/2023

Qoraasuma Sammuu

"Kitaabota kuma dubbisi, jechoonnikee
akka galaanaa dambali'u" - --Virjiiniyaa Woolf

Namni kitaaba dubbisu osoo hin du'iin dura, waggoota
kumaatama hedduu jiraata. Namni hin dubbisne garuu si'a
tokko qofa jiraata. Akkuma soorachuuf yeroo qoodnee:
Ciree, Laaqana(Nyaata guyyaa) fi Irbaata(Dhiyana) jennee
garaa keenya soorru, kitaabotas sagantaan qoodnee
dubbisaa, sammuu keenya sooruu qabna.
:-

Arraba gabaabsa
Afaan dhiphisa
Sammuu bal'isa
Wallaalaa qaroomsa
Beekaa daraan qara.

Kunneen bu'aa dubbisuuti, ammoo hayyoonni adda idil-addunyaatti dhiibbaa gurguddaa uumuudhaan beekamanis bu'aa dubbisuuti. Kana qofaa osoo hin taane, kalaqaawwan gurguddoo addunyaan kun itti fayyadamaa jirtus warri nu badhaasan, namootuma hiriyaa kitaabaa turanii fi hidhata kitaaba waliin qabanidha, ammoo warra dubbisuun nyaata nyaatanii olitti itti mi'aawudha. Kitaabonni gurguddoon dhiibbaa cimaa uumuudhaan beekaman, kan dhaloonni labataa labatatti darbee dubbisuus namootuma dubbistoota ciccimoo ta'antu, barreessee addunyaa kanaaf laate. Ammoo kitaabonni sun dafqa jabaatanii dubbisuu, keessaa argamidha.

Barreessaa cimaa ta'uudhaaf dursa dubbisaa cimaa ta'uun dirqamadha.

Galaanni hin jirre hin waraabamu. Isteefan Kiingi namni
jedhamu akkana jedhee ture, "Yoo barreessaa ta'uu barbaadde waan hunda caalaa wantoota lama gochuu qabda;
Baay'ee dubbisi, achii baay'ee barreessi!" Dhugaa dubbachuuf taanaan aalbeen osoo hin qaramiin waan tokko muruu hin dandeessu. Sammuun namaas akkasuma. Waa barreessuun dura dubbisuun dirqama barreessaa tokkorraa eegamudha. Sammuu kitaabota adda-addaatiin dubbisee utubame qabaachuun waan dansaati. Waa'ee dubbisuu yoo haasa'uu hayyuun beekamaan addunyaa fi mirga gurraachotaaf falmuun beekamu ture Maartiin Luuter Kiing akkas jedha ture, "Dubbisuun afaan si cufa osoo hin taane, haasaa sin madaalle si tuffachiisa!" jechuun kitaabaaf nama walitti hidha. Dubbisaan sirriin yoo dubbatu haasawaan isaa akka dammaa namatti mi'aawa. Haasaa

09/01/2023

“Yesus deebisee, "Karichi, dhugaan, jireenyis, ana; anaan yoo ta'e malee, eenyu iyyuu gara abbaa hin dhufu.”
— Yoh. 14:6

28/12/2022

AMALLI NAMOOTA CICCIMOO MAALI?

Namootni ciccimoon kaayyoo sirrii ta'een gaggeeffamu. Kaayyoo isaanii kanaafis bulu. Gochi isaan guyyaa guyyaatti hojjetan, dubbii isaan dubbatanii fi barreessan hedduun isaa qaama kaayyoo isaanii kanadha. Sammuu isaanii fi hubannaadhaan gaggeeffamu malee oduu namaan hin bulan. Namoota akkasii irrattis ta'ee biratti yoo odeeffamu, isaaniin hin ajaa'ibu. Wanti ta'aa jiru hedduun isaa wanta isaan duraan yaadaniidha. Maal akka yaadan, maal gochuu akka qaban, rakkoo tokkoof maddi isaas falli isaas maal akka ta'e buusanii baasanii yaadu. Namoota furmaataati malee rakkoo-uumtota miti.

❏ Namoonni ciccimoon, wanti hojjetamuu fi odeeffamu kam iyyuu fedhii isaanii malee akka dhiibbaa hin taane irratti hin godhanneef of eeggatu. Maal akka dhaggeeffatan, maal akka dubbisan, maal akka dubbatan, maal akka raawwatanis bareechisanii beeku.

❏ Amaloota namoota bebbeekoo keessaa inni biraan tokko immoo, yeroo hundumaa sammuun isaanii banaadha. Beekumsa dabalachuuf, ogummaa fi dandeettii dabalachuuf, gabbifachuuf yeroo hundumaa banaadha. Wanta gaarii irraas, wanta hamaa irraas wanta baratan qabu. Maal akka godhanis irraa hubatu malee ittiin hin miidhamani.

❏ Cimina isaanii namoota duratti mirkaneessuufis hin dhiphatani. Namootni yoo isaan hubatanis hubachuu baatanis, isaan, irra caalaa waanuma gochuu qaban godhu malee haalaa fi oduudhaan hin jeeqamani.

❏ Of hin tuulani. Siluma iyyuu cimoo waan ta'aniif, ofii isaanii fakkaatu malee, akka nama cimaa hin taanee nama cimaa fakkaachuuf yaaluuf of hin tuulani. Amalli hamma ofiin alatti of tuuluus, amala nama cimaa hin taanee akka ta'e bareechanii beeku.

❏ "Of hin jajanis." Hojiin isaanii inni gaggaariin akka isaan boonsu waan beekaniif, ofiin of leellisuuf hagas mara hin dadhabani.

27/12/2022

JECHOOTA ABRAHAAM LIINKEN!
▬▬▬▬▬▬▬▬
➊. "Namoonni hammuma gammaduuf sammuu isaanii qopheessan gammadu!"

➋. "Hiriyyaan koo hundumaa caalu nama kitaaba ani hin dubbisin naaf kennedha!"

➌. "Namoonni hunduu gidiraa dandamachuu ni danda'u!"

➍. "Amala namaa qoruu yoo barbaadde aangoo kenniif!"

➎. "Kan na yaachiisu Waaqayyo ana wajjiin jiraachuu miti. Kan na yaachiisu ani Waaqayyo wajjiin jiraachuudha. Sababiin isaa, Waaqayyo yeroo hundumaa sirriidha!"

➏. "Yeroon waan gaarii hojjedhu waan gaariitu natti dhaga'ama; yeroon waan hamaa hojjedhu immoo miira badaatu natti dhaga'ama. Sun amantaa kooti!"

➐. "Suuta jedheen deema; garuu tasuma booddeetti hin deebi'u!"

➑ "Dhaabachuu kee dura bakka sirrii ejjettee akka jirtu ilaalladhu!"

27/12/2022

“Warri Waaqayyoon sodaatan homaa hin dhaban. kanaaf isin warri isaaf qulqullooftan isa safeeffadhaa!”
— Far. 34:9

27/12/2022

“Yeroo hundumaa gooftaatti gammadaa! Ammas irra deebi'ee nan jedha, gammadaa!”
— Filp. 4:4

Address

Addis Ababa

Telephone

+251940281393

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Kefena Good news posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Kefena Good news:

Share