25/01/2026
Abbaa noobelii, looreticha!
Dhaabbi-tolaa moodelicha
Burqaa manaafi laga gamaa
Guddaa sabaa kabajamaa...
Kan beekumsi hamma tulluu
Gabbisaa goota qulqulluu!
Baddaa Amboo,
Olonkomii gubbaa ka'e
Ciniinnatee kaayyoo guddaa galmaan ga'e
Beekumsa isaa addunyaatu ragaa ba'e!
Ni dhaga'a - hin qabu inni gurra duude
Obaamaanuu kuma gidduudhaa isa muude!
Prof Gabbisaa Ejjetaa, magaalaa Olonkomiitti qarshii miliyoona 60 oliin mana barnootaa sadarkaa 2ffaa ijaaranii har'a eebbisiisan! Maqaa mana barnootaa kanas maqaa harmee isaanii 'Mootuu Ayyaanoo"tiin moggaasan!
Waan Oromoof gootaniif galatoomaa!