23/03/2026
Pirezidaanti Tiraamp waraana dhaabuu irratti Iraan waliin marii milkaa’aa taasisuu ibsan
Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp, haala ittiin waraanni dhaabbatu ilaalchisee Iraan waliin marii milkaa’aa taasisuu beeksisan.
Pirezidaant Tiraamp miidiyaa hawaasummaa isaanii “Truth Social” jedhamuun akka beeksisanitti, marii milkaa’'aa Iraan waliin taasisaniin booda haleellaa dhaabbilee anniisaa biyyattii irratti taasisan guyyoota itti aanan shaniif akka dhaaban ibsaniiru.
Haleellaa Israa’el Iraan irratti taasiste hordofuun, biyyattiin yaaddoo dhaabbileen anniisaa ni haleelamu jedhu keessa waan seenteef, marii taasisuun yeroof haleellaan dhaabbileefi bu’uuraalee misoomaa anniisaa irratti taasifamu akka darbu murtaa’uu isaa pirezidaanti Tiraamp beeksisaniiru.
Iraan Galoo Galaana Hoormuuz akka bantuuf sa’aatiin 48 akka kennameef hubachiisaniiru.
Pirezidaanti Tiraampii fi Ministirri Muummee Ingilizii, Kiir Istaarmar, biyyoota addunyaa hedduu keessatti sababaa qaala’iinsa gatii boba’aafi oomishaalee garaa garaa kan ta’e, Galoon Galaana Hoormuuz banamuun murteessaa ta’uu marii isaanii kaleessaan ka’uu BBC’n gabaaseera.
Tiraamp waraanni Baha Giddugaleessaa akka dhaabbatuufi walitti bu’iinsi illee goolaba akka argatu marii milkaa’aa taasisneerra haa jedhan malee, Israa’el gama isheen waraanni Iraaniifi Heezboollaah irratti eegalame torbanootaaf itti fufa jechuun ibsa baasteetti.
Iraan gama isheen Traamp waraana dhaabuuf Iraan amansiisneerra kan jedhan kana soba jetteetti.
Gochaan Tiraamp kun yeroo bitachuuf malee marii nagaa dhugaa miti jechuun Iraan beeksisteetti.
Rakkoo Baha Giddugaleessaa sababaa qaala’iinsa gatiifi jireenyaa akkasumas gaaga’ama lubbuufi madaa’uu namoota hedduu akkasuma mancaatii qabeenya olaanaa ta’e kun dhaabbatee addunyaa qilleensi nagaa keessa dambali’u arguuf ijni heddummootaa gara marii Tiraamp itti fufa jechuun waadaa seenaniitti fuuleffachuu BBC fi Skynews gabaasaniiru.