17/05/2026
Piroojektootni Mindaa Ummataati!
-----
Mootummaan naannoo Oromiyaa barii jijjiiramaa irraa eegalee rakkoolee bulchiinsa gaarii harkifannaa pirojektootaan wal qabatee ka'u hiikuudhaan fayyadamummaa uummataa mirkaneessuuf xiiqiin hojjechaa jira.
Bulchiinsa Magaalaa Shaggari, kutaa Magaalaa Galaanittis pirojektootaa baay’ina, qulqullinaa fi ariitiin xumuruun waadaa gochaan dhugoomsuun fayyadamummaa ummataa mirkaneessuu irratti xiyyeeffannoon hojjetamaa jira.
Pirojektoota baay’ina, qulqullinaafi ariitiin xumuruun tajaajila uummataaf oolchuun uummataaf idaa osoo hin taane mindaa bu’uureessuudha.
Mootummaan gaaffiifi fedhii misoomaa hawaasni qabu guutuuf piroojeektiiwwan garagaraa sonawwan baay'ina, qulqullina, ariitiifi kalaqaan dabaaluun hojjechaa jira. Kanaanis piroojeektiiwwan eegalaman xumursiisuun tajaajila hawaasaaf oolchuun badhaadhina hunda-galeessa galmaan gahuuf hojii hojjetameen bu'aawwan gurguddoon argamaniiru.
Magaalaan Shaggaris bu'aawwan injifannoo Mootummaan Paartii Badhaadhinaan hoogganamu gaaffii Uummataa deebisuuf galmeesse yoo ta'u, hundeeeffama Magaalichaa irraa eegalees waggoottan sadan darbanitti milkaa'inootni guddina hawaas-dinagdee Uummataa tarkaanfachiisan argamaniiru.
Haaluma kanaan Magaalaa Shaggar kutaa magaalaa Galaan aanaalee gargaraa keessatti piroojeektiiwwan garaagaraa basjata mootummaa fi hirmaanaa ummataa hojjataman fayyadamummaa uummataa mirkaneessan akkaataa baay'ina,qulqullinaafi ariitii karoorfameen xumuramuun tajaajilaaf banaa ta'aniiru.
Piroojeektotni kunneenis Dirre Isportii(min stadium)aanaa Galaan,Galma waltajjii siidaa Awaash, daandii dhagaa bocamaa, wirtuu giddugala tajaajila hojii,diichiiwwan,dildila adda addaa dabalatee piroojeektiiwwan garagaraa bakka hooggantootni sadarkaan jiraniifi kutaaleen hawaasaa argamanitti eebbifamuun tajaajilaaf banaa ta'aniiru.
Saganta eebba piroojeektiiwwan kanneenii irratti kan argaman Bulchaan kutaa Magaalichaa obbo Kiflee Calqabaa , Mootummaan Paartii Badhaadhinaan hoogganamu Waadaa Uummataaf gale gochaan dhugoomsuun fayyadamummaa Uummataa mirkaneessaa jiraachuu himuun kutaa Magaalichaattis piroojeektiiwwan fayyadamummaa Uummataa dhugoomsan xumuramuun tajaajilaaf qophaa'uus eeraniiru.
Itti aanaa Bulchaa fi walitti qaba koree pirojektii Kutaa Magaalaa Galaan Obbo Darrasaa Girmaa, gama isaaniitiin Piroojektoonnii ijaaramanii guyyaa hardhaa eebbifaman kun Walittii dhufeenyaa Mootummaa fi Haawaasa cimsuu keessaattii ga’ee ol aana qaba jedhaniiru.
Piroojektoonni Mootuummaa fi Hawaasa gidduuttii walittii dhufeenya cimaa Uumuu fi Hawaasni Tajaajila gamaa Ijaarsa Piroojektiitiin Mootummaan kennuu saffiisaa fi Qulqullina qabuu akka argatu akkasumaas hawaasni bal’aan Kutaa Magaalaa keenyaa amantaa gama kanaan qabu akka dabalus ni gargaara jedhaniiru.
Bara bajetaa kana keessaa akka kutaa magaalaa keenyatti piroojektoota adda adda Lootiidhaan #27 ta’an bajeta mootummaa qarshii miiliyoona 723,089,013.54 fi Hirmaannaa Uummataatiin sadarkaa kutaa magalattii piroojektotaa adda adda Baayinnii isaanii #5 ta’ee qarshii mmiiliyoona 165,000,000 akkasumas hirmannaa ummataan Sadarka Aanaaleettii piroojektotaa adda adda qarshi Mil. 151 oliin hojetama ture jira jedhaniiru.
Akka Wali galattii Baajata Mootummaa fi Hirmaannaa Uummaataatiin Sadarkaa Kut/Magaalaa fi Sadarkaa Aanaalee sadanittii Piroojektootaa adda addaa lootiiwwani 51 oli Walii galaa qar.Biliyoonaa 1 oliin hojjetamaa turanii jiru jedhan.
Piroojektotaa hojjetama turan kana keessaa Piroojektoonnii lootiiwwan 45 ta’an Xumuraamani Tajaajilaaf banaa taa’ani kan jiran ta’u, kan hafee 6 immoo yeroo gababa keessattii xumuramanii tajajailaaf bana kan ta'an ta'uu ibsanii jiru.Jiraattootn tokko tokkos yaada kennaniin gammachuu isaan ibsanii jiru.