Jafer

Jafer Yaa alha

Lubbuu dirmannaa dhabde! Haleellaa Israel Gaazaarratti raawwatteen yoo xiqqaate namoonni 81 ajjeefamuu Ministeerri Fayya...
29/06/2025

Lubbuu dirmannaa dhabde! Haleellaa Israel Gaazaarratti raawwatteen yoo xiqqaate namoonni 81 ajjeefamuu Ministeerri Fayyaa Haamaas beeysise.

Gama biraatiin dullachi Ameerikaa Donald J. Trump gamanaan daa'imman Palestine duguugaa, gama kaaniin torbee dhufu waliigalteen dhukaasa dhaabuu, taasifamuu akka danda’u amantaa qabaachuusaanii ibsan. Haleellaa Israa’el Gaazaarratti, sa’aatii 24:00 darban keessatti raawwatteen yoo xiqqaate lammiileen Falasxiin 81 ajjeefamuun namoonni 400 ol tahan madaawanii jiru. Haleellaa naannawa istaadiyeemii Magaalaa Gaazaatti raawwatameen daa’imman 11 du’uu hojjettoonni Hospitaala Al-Shifaafi namoonni ijaan argan dubbatanii jiru.

Istaadiyeemichi buqqaatoota dunkaana keessa jiraataniif tajaajilawwan adda addaa kennuuf oolaa akka ture himan. عربي TRT 'n suuraa namoonni nagaafi hojjettoonni balaa tasaa cirracha keessaa qotanii reefka barbaaduu isaanii agarsiisu mullisan. Waraanni Israa’el gamasaatiin, haleellaa shakkamaa tokkorratti malee haleellaa hidhattootaan raawwatameen, miidhaa gahe hin beeku kan je'e yoo ta’u haleellaa kanaan dura miidhaa namoota nagaarra gahuu malu salphisuuf tarkaanfiiwwan hedduun fudhatamuu ibsee jira.

Address

Adis

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Jafer posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share