Jafer

Jafer Yaa alha

Lubbuu dirmannaa dhabde! Haleellaa Israel Gaazaarratti raawwatteen yoo xiqqaate namoonni 81 ajjeefamuu Ministeerri Fayya...
29/06/2025

Lubbuu dirmannaa dhabde! Haleellaa Israel Gaazaarratti raawwatteen yoo xiqqaate namoonni 81 ajjeefamuu Ministeerri Fayyaa Haamaas beeysise.

Gama biraatiin dullachi Ameerikaa Donald J. Trump gamanaan daa'imman Palestine duguugaa, gama kaaniin torbee dhufu waliigalteen dhukaasa dhaabuu, taasifamuu akka danda’u amantaa qabaachuusaanii ibsan. Haleellaa Israa’el Gaazaarratti, sa’aatii 24:00 darban keessatti raawwatteen yoo xiqqaate lammiileen Falasxiin 81 ajjeefamuun namoonni 400 ol tahan madaawanii jiru. Haleellaa naannawa istaadiyeemii Magaalaa Gaazaatti raawwatameen daa’imman 11 du’uu hojjettoonni Hospitaala Al-Shifaafi namoonni ijaan argan dubbatanii jiru.

Istaadiyeemichi buqqaatoota dunkaana keessa jiraataniif tajaajilawwan adda addaa kennuuf oolaa akka ture himan. عربي TRT 'n suuraa namoonni nagaafi hojjettoonni balaa tasaa cirracha keessaa qotanii reefka barbaaduu isaanii agarsiisu mullisan. Waraanni Israa’el gamasaatiin, haleellaa shakkamaa tokkorratti malee haleellaa hidhattootaan raawwatameen, miidhaa gahe hin beeku kan je'e yoo ta’u haleellaa kanaan dura miidhaa namoota nagaarra gahuu malu salphisuuf tarkaanfiiwwan hedduun fudhatamuu ibsee jira.

Manchester city💪 Abbaa gammaachuu 🤼‍♀️🤼‍♂️🤼‍♀️🤼‍♂️🤼‍♀️🤼‍♂️🤼‍♀️🤼‍♂️🤹‍♂️🤾
25/12/2023

Manchester city💪 Abbaa gammaachuu 🤼‍♀️🤼‍♂️🤼‍♀️🤼‍♂️🤼‍♀️🤼‍♂️🤼‍♀️🤼‍♂️🤹‍♂️🤾

😅😀😃😀😃
28/11/2023

😅😀😃😀😃

● Dubbii warra sadii , akka saditti fixan.1, Dubbii warra Gowwaa, Sossobaan fixan.2, Dubbii warra Hayyuu, dhugaa itti hi...
09/11/2023

● Dubbii warra sadii , akka saditti fixan.

1, Dubbii warra Gowwaa, Sossobaan fixan.
2, Dubbii warra Hayyuu, dhugaa itti himaa fixan.
3, Dubbii warra Luynaa, sodaachisuun fixan...

● WAA SADI SITTI HIN FAKKAATIN..

~Dubbachuun beekkumsa,
~Obsuun wallaalummaa,
~Nama kabajuun sodaa .......Sitti hin fakkaatin.

● WAA SADII HIN SEEHIN

~Nama beektu hunda fira kee,
~Nama si lolu hunda diina kee,
~Nama badii irra si dhorku hunda
hammaataa....Hin see'in.

● WAA SADII HIN HAWWIN.................

~Bokokni quufaa miti,
~Abaarsi eebbaa miti
~Summiin qorichaa miti.. hin
hawwin.

● WAA SADII JETTEE HIN TILMAAMIN.

~Nama kolfu hunda gammadaa,
~Nama dureessa hunda arjaa,
~Nama dhabaa hunda doqna.. jettee
hin~ tilmaamin.

● MANGUDDOON WAA SADII JAALATU

~Oduu:-haasawa gaggaarii
~Aduu:-caama ganamaa
~Adii:-dubbii dhugaa...... jaallatu.

● WAA SADII WAA SADIIF JAALLADHU...

~Aadaan kee eenyummaa keetii
jaalladhu.
~Afaan kee mallattoo keetii jaalladhu.
~Sabni kee dhiiga keetii jaalladhu.

● WAA SADII HUBATTU MALEE HIN SEENIN

~Dubbii keessa hin beekne,
~Bishaan gad-fageenya isaa hin
beekne,
~Imala daandii isaa hin beekne
Hubattu malee hin seenin

Nama Jaalattaniif Qoodaa…

Duniya Ahmed ♥️👌

Address

Adis

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Jafer posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share