09/11/2025
Erga biiftuun lixxee gaabbitee maal baasaa...
Namichi asii gaditti argitan kun magaalaa Finfinnee keessatti dhalatee guddate. Barnoota isaa Digirii jalqabaa ‘engineering’ xummure. Nama bakka guddaa jiru ture. Haa ta’u, malee mucayyoo 1 waliin jaalala eegalanii baayyee wal jaallatan( dargagummaattii)🥺
Jaalala keessa darbanii gaa’ilaaf waliin godhachuuf hawwii guddaa qabu turan. Mucaa intala maatiin ishee sooressa(qabeenyaa qabu) turte osoo kanaan jiranii maatiin mucayyooo sanaa biyya Ameerikaa deemuu akka qabdu murteessaan.
Guyyyaa 1 utuu isaan magaalaa Finfinnee keessa wookii godhanii (wajjiin deemanii) Maatiin ishii Konkolaataan dhufanii intala mucicha biraa fuudhanii deeman ergasii isaan deebi'ani wal hin argine!🥲 Adda bahan 🥺
Isheenis gara Ameerikaa deemte.😪 Namichi kun ergasi kaasee iddoo Ykn bakka isaan lachuu gargar baha sanattii hin deebiti laata jedhe eega ture. Hojii isaas hin dhiise namummaa isaas hin gate. 🥺 Sammuun isaa miidhameera.
Maatiin isaa yeroo baayyee isa dagachisuuf waanti isaan hin goone hin jiru😪 Inni garuu bakka Mucayyoo sana wajjiin osoo deemanii maatiin ishii Konkolaatan dhufani fuudhanii sana dhaabbatee ganamaa galgala ishee abdiin eega. 🥺
Waan nyaatu namatuu itti darbatee darba. Miilla duwwaa deema. Uffanni isaas cicciteera.🥺😪 Achuma bulas .Maatiin isaas Isa dhiisaniiru.
Turtii waggaa 20 booda erga haadha ijoollee taateen booda dhiyoo kana gara biyyaa erga dhufteen booda iyyaafatte dhufte Gara mana yaala sammuu geessitus inni ofiisaatti deebi'uun dandeenye.💔💔
Yeroo namni nubarbaadetti dhiifnee yeroo ofii keenyaa barbaannetti namaaf argamuun homaan fayyadu.
Jaallataan dulloomus jaalalli hin dulloomu!🥺
copy from Nafirom Tolasaa
suurri kun baayyee garaa na nyaata🥹