22/02/2026
Raagni maanguddoo Gujii durii maal jedha?
========================
kan raage: Waaree Gatoo
Godina:Gujii Bahaa
Aanaa:Uraagaa
Ganda:Gaadi'oo Sikkoo
Aartii raaga isaarratti walaleeffame:
" Waaree Gatoo
Raage masoo."
Raaga isaa keessaa muraasa
" Gaafa san...
Namni nyaatee hin gabbatu
Deemee hin dadhabu
Beekaa dhugaarraa gora
Dubbii dabaa qora
Lafa qotee diimessa
Baddaa ciree diidessa
Dhala dhoogga,
Dhaala dhoogga
Gorsa guddaa hin jaallatu
Sinbirree fi cirrichoo hin laallatu
Dubbatee ka dubbiin wolii hin galle
Bukuukii mataan wol hin tarre
waadaa wolii gale diiga
sibiilaan lafarra fiiga
ka dubbatee hin harre,deemee hin harre
Dhaloota hojjaan wol hin tarre
Dhufuu jira.
Gaafa san namni...
Umeessaa co'ee hin sikkatu
Loon ifii bahee hin tiffatu
Woraana baay'atee nama fixa
Diqqa'a oli ka'ee guddaa xixa
Gaafa san ani lubbuun hin jiru."jechuun dubbatan.