06/10/2023
Kabajamtootaa fi jaallatamtoota deeggartootaa, hordoftoota keenya nagaan Waaqayyoo Bal'oon bakka jirtanitti isin haa qaqqabu. Baga Birraa barii kanaan Uumaan isin gahe.
Koreen Jijjiiramaa kutaa lallaba shawaa Lixaa Gamaggama hojii ji'oota sadii guyyaa har'aa gaggeesseera.
Egaa yeroof Miidiyaan callisaa Hojii keessoo cimsaa turuun keenya ni yaadatama.
Koreen kun gamaggama gaggeesseen
1. Phaaphaasiin Kutaa biyya lallaba shawaa Lixaa abuna Gabri'eel guyyaa kutaa biyya lallabaa keenyatti ramadamanii kaasanii hanga Hagayya 16/2015 tti hojii boonsaa fi hojiilee waggoottan hedduu keessatti hin hojjetamne yaada koree jijjiramaa kana fudhatanii hojiirra oolchuu fi gaaffii amantootaa deebisuu eegaluu isaanii akka gaariitti kan ilaalee fi fuuldurattis abdii guddaa kan irraa qaban ta'uu gamaggameera.
2. Eebbifamoon Abune Gabri'eel Phaaphaasiin Kutaa biyya lallabichaa Hagayya 18/2015 irraa eegalanii gara Amerikaa yaaliif kan deeman yeroo ta'u, deemsa isaanii kana bu'uura godhachuun Hojii gaggeessaan Kutaa Lallabichaa Abuna Naatinaa'eel dorgommii fi fedhii hawaasaa tokko malee muudamanii Komiin irratti dhiyaachaa jiru, Luba Liqe Siyyumaan Girmaa Beeggii:-
2.1. Ji'a Lamaaf Kutaa lallabichaa dhiisanii badanii, chaaphaa waajjirichaatiin kan deeggarame beeksisni hojiirraa dhabamuu isaanii mooraa Keessatti maxxanfamee kan ture ta'uu fi beeksisichaan booda waajjiratti argamuu kan eegalan ta'uu;
3. Bu'uura tokko malee konkolaataa phaaphaasiin hojiif itti gargaaramanii fi tajaajila mana amantaatiif itti gargaaraman, dhimma dhuunfaatiif boba'aa waajjiraa guuchifachuun, durgoo shufeeriif kanfaluun dhimma dhuunfaasaatiif finfinnetti deddeebi'aa fi ittiin bashannanaa jiraachuu,
4. Aanolee aanoleerraa kanneen hojii gaggeessaa kana rakkoo qabaachuu isaa itti himaa turan irratti haaloo qabachuun rakkoo irratti uumaa kan jiruu fi aanolee tokko tokkorratti immoo koree sabakaa bataskaana magaalarra jiran ol waamuun aanatti hin waamamnu, kallattiidhaan Godinatti malee jedhaa iyyadhaa jechuun namoota gurmeessuun kan qoqqooddii uumaa jiru ta'uu;
5. Namoota kiraa sassaabdummaadhaan bakka mijeessaafii kan jiruu yeroo Phaaphaasiin deebi'anii hojii eegalan murteessisuuf qopheessaa kan jiru ta'uu;
6. Kanneen rakkoo qabaachuu isaa hadheeffatanii itti himaa jiran ababbalaa fi abdii sobaa kennaafii kan jiru, kan jala dhaabbatan immoo aangoo isa harka jirutti alseerummaan fayyadamee doorsisaa kan jiru ta'uu xiinxalameera.
Kanaafuu, maqaa hojii gaggeessummaatiin teessoo kutaa lallabaa qabatee kan jiru liqe siyyumaan Girmaa Beeggii hojii amantummaa otoo hin taane hojii haaloo bahannaa, hojii amantoota qoqqooduu, hojii jibbinsaa fi hojmaata badaa raawwachuu isaa daran kan cimsee jiru ta'uun hubatamee qabsoo finiinaa fi hadhaawaa ta'e gaggeessuudhaan akka ofirraa gaggeessinu, ykn atattamaan dafee fedhii isaatiin bakkicha akka gadi lakkisu hubachiisuu barbaadna. Qabsoon keenya isa duraa caalaa darani finiinee kan itti fufaa jiru yoo ta'u Miseensotni keenya kutaa kutaa jiratanii daran akka jabaatan ergaa keenya kana isiniif dhaamna.
Suurri: Mana Kiristaanaa Hundee jireenyaa Kidaanemirati Ambo❤
Fulb. 25 2016
Ambo
Jabaan Waaqa!.