Mana Lubummaa Oromiyaatti Damee Godina Shawaa Lixaa

Mana Lubummaa Oromiyaatti Damee Godina Shawaa Lixaa Bulchiinsa mana kiristaana duufe kaasuf, Mana Lubummaa Oromiyaa faana Imaluun furmaata isa filanno hin qabnedha!

ቆማጣን ቆማጣ ካላሉት ገብቶ ይፈተፍታል።  አቡነ ናትናኤል ያለ ብፁዕ አቡነ ገብርኤል ፍቃድ  እንደ ሌባ  ጨለማን ተገን  አድርጎ በአቡነ ገብርኤል ሀገረ ስብከት ከባድ የድፍረትን ድርጊት ፈፀ...
30/11/2024

ቆማጣን ቆማጣ ካላሉት ገብቶ ይፈተፍታል።

አቡነ ናትናኤል ያለ ብፁዕ አቡነ ገብርኤል ፍቃድ እንደ ሌባ ጨለማን ተገን አድርጎ በአቡነ ገብርኤል ሀገረ ስብከት ከባድ የድፍረትን ድርጊት ፈፀሙ።

የኦሮሞ ህዝብን ባህል፣ ትውፊት እና አንድነትን እንዲሁም የኦሮሞ ኦርቶዶክስ ሃይማኖት ምዕመናን በቋንቋቸው የማምለክ፣ የማስተማር እና አገልግሎት የመስጠት መብትን በመጋፋቱ ከምዕራብ ሸዋ፣ ምስራቅ ወለጋ፣ ሆሮ ጉድሩ ወለጋ እና ምዕራብ አርሲ አህጉረ ስብከት ተሽቀንጥሮ የተተፋው አቡነ ናትናኤል ጨለማን ተገን በማድረግ በኤጀረ ያለ አቡነ ገብርኤል ፈቃድ በአቡነ ገብርኤል ሀገረ ስብከት በቀን 20/3/2017 ማታ መከሰቱ እና በሌሊት ተደብቆ መጥፍቱ አሳፋሪ እና ድፍረት የተሞላበት ድርጊት ነው።

ማንኛውም ምዕመን በየትኛውም ሀገረ ስብከት ብገኙ ተገቢ ቢሆንም አንድ ጳጳስ ግን ያለ ሀገረ ስብከቱ ሊቀ ጳጳስ ፈቃድ ለአገልግሎት መከሰት አይችልም።

ሌባ የባለቤትን እንቅስቃሴ ጠብቆ እንደምሰርቅ አቡነ ናትናኤል የአቡነ ገብርኤልን ወደ አሜሪካ መሄድ ጠብቆ እርሳቸው በሌሉበት ሰዓት በቦታው መገኘታቸው እጅግ በጣም ትልቅ ንቀት እና አሳፋሪ ድርጊት ነው። አመፅ እንድቀሰቀስ ታልሞ የተደረገ መሆኑ ግንዛቤ መወሰድ አለበት።

የወረዳው ቤተ ክህነት ኃላፊዎች እና የደብሩ አመራሮች ማንኛውም ጳጳስ ያለ ሀገረስብከቱ ልቀጳጳስ ፍቃድ አንድ ጳጳስ መከሰት እንደለለበት እያወቁ በማን አለብኝነት ጨለማን ተገን አድርጎ ፀብ ለመጫር የተከሰተን አቡነ ናትናኤልን መቀበላቸው ለዚህ ድርጊት በአስቸኳይ ተጠያቂ መሆን አለባቸው።

አቡነ ናትናኤልም ለፈፀሙት አሳፋሪ እና የድፍረት ድርጊት በሀገረ ስብከቱ አመራሪ ለጠቅላይ ቤተ ክህነት ቀርቦ ተጠያቂ መሆን አለበት።

የሆነ ሆኖ አቡነ ናትናኤል መጥፎ ድርጊታቸው ስላሰጋቸው በሌሊት ተከስተው በሌሊት ተሰወሩ። ከታቦተ ሕጉ ጋር ሕግ ጥሰው ኡደት ቢያደርጉ ኖሮ የኢያሪኮ ግምብ ወደ እርስዎ ይፈርስ ነበር።

ያስተዛዝበናል።

Guyyaa 14/3/17Waliif Qoodaa Share...share...Ergaa Gabaabduu Hangafni Phaaphaasii Godina Shawaa Lixaa  Eebbifamoo Abunee ...
24/11/2024

Guyyaa 14/3/17

Waliif Qoodaa Share...share...

Ergaa Gabaabduu Hangafni Phaaphaasii Godina Shawaa Lixaa Eebbifamoo Abunee Gabri'eelii Waahee Uummataa Salaaleef Dabarsan.

“በእርስዋ ሰላም ሰላም ይሆንላችኋልና ወደ እርስዋ ላስማርክኋችሁ ከተማ ሰላምን ፈልጉ፥ ስለ እርስዋም ወደ እግዚአብሔር ጸልዩ።”
— ኤርምያስ 29፥7

Waaqayyo Nagaa Keenya! Yeroo rakkinaattis dahoo fi itti baqannaa keenyadha. Guyyaan guyyaatti ce'ee baratti darbuun ulaagaalee Uumaan uumamtoota isaaf kennedha. Qulqullichi Iyyoob (14:1) irratti Ilmoon namaa biyya lafaa kanarratti gidiraa, dhiphinaa fi rakkinaan Umurii gabaabduu akka jiraatu jireenya lafa kanarraas xumuree gara Uumaa isaa akka deemu nu barsiisa.

Taateen uummata Salaalee keessatti raawwatame ajaja waaqaa kan cabsee fi boquu namaa kan cabsudha. Gochaan garajabummaa kun fuula namaas ta'e fuula Waaqayyoo duratti abaaramaadha. Abbootiin keenya kaleessa biyya lafaa kanarra jiraatanii darban nama dhiisaatoo bineensa iyyuu Ofitti madaksanii waliin jiraachaa turaniiru. Dhala namaaf immoo yeroo inni beela'u nyaachisanii, yeroonni dheebatu dheebuu baasaa, lafaa ofiif qaban osoo hin sassatiin kennaniifi madda gara laafinaa fi Jireenya waloo barsiisaa turaniiru.

Har'a garuu dhalli namaa yerootti walitti garaa jabaatu, gara-jabummaarra darbee gara Ibseexanummaatti yeroo ce'ee jirurra gahuun hedduu nama gaddisiisa. Yaa sabako! Waan hundumtuu Safumtaa qaba. Warri keenya akka aadaa isaatiitti morma Nama akkanatti kutuu mitiiti, muka ol adeemuyyuu akka safuu fi aadaa isaatiitti malee hin kuchisisanu.

Kanaaf Gochaan aadmalee akkanaa , ilmoo namaa maqaa Waaqayyoo Waamuun morma namaa kutuun kun kan balaaleffatame, kan abaarramee fi kan jibbame haa ta'u. Waaqayyoo jabaan balaa uummata keenyarratti dhufaa jiru akka irra dabarsu ni kadhanna.

Gochaan sukkaneessa safnamummaa cabse Shawaa Kaabaa Salaaleetti taasifame akka namoomattis ta'e akka amantaatti namarraa kan eegamu miti, gochaa ciiggaasisaadhas. Gochaa kana nan balaaleffadha, nan abaaras.

Hunda caalaa Nagaan, Dhiifamni, Araarrii fi jaalalli guddaan akka Waaqayyo Guddaa irraa nuuf ta'u kadhannaa koo yeroo hundaati. Waaqni burqaa nagaa ta'e nagaa isaa biyya keenyaaf yaa buusu.

Eebbifamoo Abuna Gabri'eel Hangafa Phaaphaasii Godina Shawaa Lixaa.
Ambo.

Akka Mana Lubummaa Shawaa Lixaatti Waraqaa beekamtii Waliigalaa argachuu Waldaa Duuka Bu'ootaaf danuu gammanneerra. Taja...
06/07/2024

Akka Mana Lubummaa Shawaa Lixaatti Waraqaa beekamtii Waliigalaa argachuu Waldaa Duuka Bu'ootaaf danuu gammanneerra. Tajaajilli keessan isa duraa caalaa daran lalisee akka itti fufu abdii guddoo isinirraa qabna baga gammaddani baga gammanne.

Raawwii erga gamaggamneen booda haala ajaa'ibaan gara Hojiitti Seennee jirra. Kabajamtootaa fi jaalatamtoota Maatiiwwan ...
17/06/2024

Raawwii erga gamaggamneen booda haala ajaa'ibaan gara Hojiitti Seennee jirra.

Kabajamtootaa fi jaalatamtoota Maatiiwwan Waaqayyoo, Jaalattoota Mana kiristaanaa fi hordoftoota miidiyaa keenyaa bakka jirtan maratti nageenni Waaqayyoo bal'oon isin haa dhaqqabu Akkam jirtu?

Hundaa dabarsee Waaqayyoo Umrii nuuf kenneef galanni jabaan yaa ta'u Isiniin jechaa, Nageenna keennatti aansuun Karaa miidiyaa keenyaa kana callisnee turuun akka haalli hojiif mijatee, manni kiristaanaa keenyaa bulchiinsi ishii babal'atuu fi Wangeelli mootummaa Waaqayyoo akka labsamuuf hojii waliif kenninee turuun keenya beekamadha.

Eegaa Hojiiwaan keenya biyya lallaba Shawaa Lixaa keessatti Waggaadhaf gaggeeffamaa tureef gamaggamni taasifameera. Erga gamaggamni taasifameen booda hojiiwwan bu'aa qabeessa hojjetaman gaarummaatti lakkaa'uun, kan hin hojjetamneef immoo kallatti fuldureef furmaata walii kaa'uun haala si'ataa fi Ajaa'ibsiisaa ta'een hojjiitti seenameeti jira. maaltu hojjetama akkamiin hojjetama kan jedhuuf immoo tooraan isiniif ibsaa deemna. Kanaaf Hordooftoonni keenya sadarkaa sadarkaan jirtan hojii itti aanuuf kallatti walii ka'aa waan deemnuuf tajaajilli mana kiristaana daran jabaate akka itti fufuuf ergaa keenya isiniif dhaamna.

Nageenyi, araarrii fi jaalalli waaqayyoo Hunda keessan waliin yaa ta'u.
Waxabajjii 10 2016
Ambo

💐⛪️Oduu Muudamaa⛪️💐                      👑Aanaa Daannoo👑Mana Lubummaa aanaa Daannootti:-1. Lubni Abarraa Indaashaa Atoom...
02/12/2023

💐⛪️Oduu Muudamaa⛪️💐

👑Aanaa Daannoo👑
Mana Lubummaa aanaa Daannootti:-
1. Lubni Abarraa Indaashaa Atoomsaa...Hojii gaggessaa
2. Luba Tamasgeen Badhaasaa ...Barreessaa ta'uun muudaman.

Lubni Abarraa Indaashaa Mana Lubummaa Aanaa Daannootti Hojii gaggeessaa ta'uun hojjechaa kan turan ta'ee, bara 2012 sababa mana lubummaa oromiyaa deeggarta jedhamuun:-

1..Lubni Abarraa Indaashaa hojii gaggeessummaa irraa
2. Lubni Tamasgeen Badhaasaa tajaajila irraa kaafamanii dhiibbaan adda addaa irra gahaa ture dandamachuun Luboonni kun Deeggartoota Sinodoosii Oromiyaa qabachuun, Koree jijjiiramaa aanichaa ta'uun miindaa tokko malee hojjechaa turaniiru.

Hojiilee hojjechaa turan keessaa
1. Kaayyoo tajaajila afaan oromoo dura manni lubummaa oromiyaa akeeke, boodarrammoo Sinodoosiin oromiyaa qajeelche qabatanii milkii guddaan aanaa Daannoorratti hojjechaa turaniiru.
2. Qomoosotni, Lubootnii fi Daaqonoonni akka afaan oromootiin leenji'anii muudaman taasisaniiru.
3..Kanneen aanicha keessatti tajaajila afaan Oromoo mormaa turan barsiisuun kallattii sirrii agarsiisaniiru
4.. Sirna Galatoo guutummaatti Yeedaloo isaa afaan oromoon akka gaggeeffamuu eegalu aanicha keessatti hojii boonsaa hojjetaniiru.
gaggeessu.
5..Baadiyyaa aanichaa keessa naanna'uun sirna galatoo fi wangeela afaan Oromoon barsiisaa fi kkf dalagaa turaniiru.

Haa ta'u malee kanneen jibba tajaajila kanaa qaban Kutaan biyya lallabaa shawaa lixaa otoo hin haara'iin dura kan turan hojii gaggeessummaa irraa Luba Abarraa akkasumas luba Tamasgeen kaasanii miindaa malee waggaa shan lafa taa'anii qabsoo afuurawaa isaanii itti fufani gaggeessaa turani.

Koree jijjiiramaa aanichaatti Lubni Abarraan walitti qabaa akkasumas Lubni Tamasgeen barreessaa ta'uun manneen amantaa aanichaa keessa jiran Kutaa Lallaba Godinaa fi hojii gaggeessaa yeroo bakka isaaniitti muudame harkaa baasuun hunda of jala galchuun hojjechaa turani.

Luboonni kun manneen amantaa baadiyyaa sababa tajaajila afaan oromoo ta'uu dhabuudhaan cufaman beela'e, dheebodhe, dadhabe otoo hin jedhiin baadiyyaa keessa deemuun saaqsisanii tajaajila bilisaa kennaa turaniiru.

Koreen jijjiirama Godinaas dhugaa fi rakkoo hooggansaa akka Godinaatti jiru qorannoo walii galaa gaggeeffame Angafa phaaphaasii Kutaa biyya lallabichaa kan ta'an Abune Gabri'eeliif erga Godinichatti dhufanii dhiyeessuufiin mariin irratti gaggeeffamaa tureera.

Bifuma kanaan dhugaa jiru phaaphaasiin kutaa lallaba Shawaa Lixaa Abune Gebri'eel hubatanii dandeettii luboota kanaas arganii 18/3/2016 irraa eegaluun gara hojii isaaniitti akka deebi'an murteessaniiru. Luboonni kunis tartiibaan Hojii gaggeessaa Mana Lubummaa fi Barreessaa aanaa Daannoo ta'uun yeroo ammaa muudamaniiru.

Abbaan Keenya Abuna Gabri'eel bakka dhugaa fi rakkoon jirtu sirriitti adda baafatanii tajaajila wangeelaa babal'isuuf haala mijeessaa jiru. Eebbi isaanii nurra haa bulu.

Bara Hojii Gaarii

Dhugaan hin cabdu, hin baddu.
Sadaasa, 21/2016
Amboo

Sad. 22 2016
Ambo
Jabaan Waaqa!.

NEW NEWSThere is no place for  Abune Nathanael in this (Ethiopia) country. So Senod were forced to send him abroad (Nort...
25/10/2023

NEW NEWS

There is no place for Abune Nathanael in this (Ethiopia) country. So Senod were forced to send him abroad (North America, Minnesota). Little Oromia (Minnesota) has no place for him. Because it is the country of Abune Eustatheos (Dr.). Then Abune Nathanael, the son of Menilk, must be expelled. It is unthinkable to leave Christ in that country and lead the Christian people by preaching Minilik. Even if man forsakes them, God will not forsake them.

in addition: Today, at the plenary session of October, Father Eostatheos/Dr., who has faithfully given his life and fought for the rights of the Oromo people, was openly opposed by some appointed in the name of the Oromo but who are anti-Oromo. This is a very sad act for the Oromo people. We would like to remind the people of Oromia and ethnic groups that it is appropriate to prepare for the next struggle by keeping this in mind.

Even though Abune Zenamarkos occupy Borena and Guji, there is no lack of space for Abune Zenamarkos. Because he is not preaching Minilik. He don't call those who oppose Minilik a "gang". He preach Christ who is one God with the Father and the Spirit.

For this reason, we welcome Abune Zenamarkos in the place where Abune Nathanael was banished.

እዚህ ሀገር ውስጥ ለብፁዕ አቡነ ናትናኤል ቦታ አልተገኘለትም። ስለዚህም ወደ ውጭ አገር (ሰሜን አሜሪካ፣ ሚኒሶታ) ለመላክ ተገደዋል። ትንሹ ኦሮሚያ (ሚኔሶታ) ለእሱ ቦታ የላትም። የብፀዕ አቡነ ኤውስጣቴዎስ (ዶ/ር) ሀገር በመሆኗ። ከዛም የምኒልክ ልጅ አቡነ ናትናኤል መባረር አለበት። በዚያች ሀገር ክርስቶስን ትቶ ሚኒሊክን በመስበክ የክርስቲያኑን ህዝብ መምራት የማይታሰብ ነው። ሰው ቢተዋቸው እንኳን እግዚአብሔር አይተዋቸውም።

በተጨማሪም:
በዛሬው እለት በጥቅምቱ ምልአተ ጉባኤ ላይ በታመኝነት ለኦሮሞ ሕዝብ መብት መከበር ሕይወታቸውን ሰጥተው በመታገል ላይ ያሉትን አባ ኤዎስጣቴዎስ/ዶ/ር በጠቅላላ ጉባኤ ላይ አንዳንድ በኦሮሞ ስም የተሾሙ ነገር ግን ፀረ ኦሮሞ የሆኑ በግልጽ ተቃወሙአቸው።ይህ ለኦሮሞ ህዝብ እጅግ በጣም አሳዛኝ ድርጊት ነው። ይህንን የኦሮሚያ እና ብሔር ብሔረሰቦች ምዕመናን ግንዛቤ ውስጥ በማስገባት ለቀጣዩ ትግል መዘጋጀት ተገቢ መሆኑን ለማሳሰብ እንወዳለን።

ለብፁዕ አቡነ ዜናማርቆስ ቦረና እና ጉጂ ቢይዙም የቦታ እጥረት የለባቸውም። ምክንያቱም ሚኒሊክን እየሰበኩ አይደሉም። ሚኒሊክን የሚቃወሙትንም “ባንዳ” ብለው አይጠሩም። አንድ አምላክ የሆነውን ክርስቶስን ከአብና ከመንፈሱ ጋር ይሰብካሉ። በዚህ ምክንያት አቡነ ናትናኤል በተባረሩበት ቦታ አቡነ ዜናማርቆስን በደስታ እና በደስታ እንቀበላለን።

እግዚአብሔር ኃያል ነው።

Kabajamtootaa fi jaallatamtoota deeggartootaa, hordoftoota keenya nagaan Waaqayyoo Bal'oon bakka jirtanitti isin haa qaq...
06/10/2023

Kabajamtootaa fi jaallatamtoota deeggartootaa, hordoftoota keenya nagaan Waaqayyoo Bal'oon bakka jirtanitti isin haa qaqqabu. Baga Birraa barii kanaan Uumaan isin gahe.

Koreen Jijjiiramaa kutaa lallaba shawaa Lixaa Gamaggama hojii ji'oota sadii guyyaa har'aa gaggeesseera.

Egaa yeroof Miidiyaan callisaa Hojii keessoo cimsaa turuun keenya ni yaadatama.

Koreen kun gamaggama gaggeesseen
1. Phaaphaasiin Kutaa biyya lallaba shawaa Lixaa abuna Gabri'eel guyyaa kutaa biyya lallabaa keenyatti ramadamanii kaasanii hanga Hagayya 16/2015 tti hojii boonsaa fi hojiilee waggoottan hedduu keessatti hin hojjetamne yaada koree jijjiramaa kana fudhatanii hojiirra oolchuu fi gaaffii amantootaa deebisuu eegaluu isaanii akka gaariitti kan ilaalee fi fuuldurattis abdii guddaa kan irraa qaban ta'uu gamaggameera.

2. Eebbifamoon Abune Gabri'eel Phaaphaasiin Kutaa biyya lallabichaa Hagayya 18/2015 irraa eegalanii gara Amerikaa yaaliif kan deeman yeroo ta'u, deemsa isaanii kana bu'uura godhachuun Hojii gaggeessaan Kutaa Lallabichaa Abuna Naatinaa'eel dorgommii fi fedhii hawaasaa tokko malee muudamanii Komiin irratti dhiyaachaa jiru, Luba Liqe Siyyumaan Girmaa Beeggii:-

2.1. Ji'a Lamaaf Kutaa lallabichaa dhiisanii badanii, chaaphaa waajjirichaatiin kan deeggarame beeksisni hojiirraa dhabamuu isaanii mooraa Keessatti maxxanfamee kan ture ta'uu fi beeksisichaan booda waajjiratti argamuu kan eegalan ta'uu;

3. Bu'uura tokko malee konkolaataa phaaphaasiin hojiif itti gargaaramanii fi tajaajila mana amantaatiif itti gargaaraman, dhimma dhuunfaatiif boba'aa waajjiraa guuchifachuun, durgoo shufeeriif kanfaluun dhimma dhuunfaasaatiif finfinnetti deddeebi'aa fi ittiin bashannanaa jiraachuu,

4. Aanolee aanoleerraa kanneen hojii gaggeessaa kana rakkoo qabaachuu isaa itti himaa turan irratti haaloo qabachuun rakkoo irratti uumaa kan jiruu fi aanolee tokko tokkorratti immoo koree sabakaa bataskaana magaalarra jiran ol waamuun aanatti hin waamamnu, kallattiidhaan Godinatti malee jedhaa iyyadhaa jechuun namoota gurmeessuun kan qoqqooddii uumaa jiru ta'uu;

5. Namoota kiraa sassaabdummaadhaan bakka mijeessaafii kan jiruu yeroo Phaaphaasiin deebi'anii hojii eegalan murteessisuuf qopheessaa kan jiru ta'uu;
6. Kanneen rakkoo qabaachuu isaa hadheeffatanii itti himaa jiran ababbalaa fi abdii sobaa kennaafii kan jiru, kan jala dhaabbatan immoo aangoo isa harka jirutti alseerummaan fayyadamee doorsisaa kan jiru ta'uu xiinxalameera.

Kanaafuu, maqaa hojii gaggeessummaatiin teessoo kutaa lallabaa qabatee kan jiru liqe siyyumaan Girmaa Beeggii hojii amantummaa otoo hin taane hojii haaloo bahannaa, hojii amantoota qoqqooduu, hojii jibbinsaa fi hojmaata badaa raawwachuu isaa daran kan cimsee jiru ta'uun hubatamee qabsoo finiinaa fi hadhaawaa ta'e gaggeessuudhaan akka ofirraa gaggeessinu, ykn atattamaan dafee fedhii isaatiin bakkicha akka gadi lakkisu hubachiisuu barbaadna. Qabsoon keenya isa duraa caalaa darani finiinee kan itti fufaa jiru yoo ta'u Miseensotni keenya kutaa kutaa jiratanii daran akka jabaatan ergaa keenya kana isiniif dhaamna.
Suurri: Mana Kiristaanaa Hundee jireenyaa Kidaanemirati Ambo❤
Fulb. 25 2016
Ambo
Jabaan Waaqa!.

Baga kabaja Yaadannoo Olbahinsa Haadha Keenyaa Qulqulleetti Kakuu Araaraa Kidaanemihiratiin  Isin gahe nu gahe!.Gammachu...
22/08/2023

Baga kabaja Yaadannoo Olbahinsa Haadha Keenyaa Qulqulleetti Kakuu Araaraa Kidaanemihiratiin Isin gahe nu gahe!.
Gammachuun har'a arganne Dansaadha.

GALATA JENNEERRA
💐💐💐💐💐💐💐💐
Akkaatuma marii marsaa 1ffaa, 2ffaa fi 3ffaa irratti Angafa phaaphaasii Kutaa Biyya Lallabaa Shawaa Lixaa Kan ta'an Abuna Gabri'eel waliin gaggeessaa turreen Waadaa isaanii isa jalqabaa bifa ajaa'ibsaa fi namatti toluun raawwataniiru. Namoota lubummaa (Diqunnaa fi Qissinnaa) afaan Oromootiin baratanii akka hin muudamne dhorkamaa turaniif namoota naqarsaa ta'aa turan irra darbuun guyyaa har'aa jechuunis Hag 16 2015💐
◊ Luboota= 33
◊ Qomosoota = 3 fi
◊ Daaqonoota = 203
◊ Walumatti = 239 ta'an aanolee Godina keenya irraa dhufaniif kennameera.
Abbaa keenya Eebbifamoo Abuna Gari'eel Eebbi keessan nurra haa bulu.

Marii Marsaa Sadaffaa Mariin Guyyaa Har'aa (14/12/15) Milkiin Xumurameera.         📚📚📚⛪️⛪️⛪️📚📚📚1. Akkuma marii marsaa 2f...
21/08/2023

Marii Marsaa Sadaffaa
Mariin Guyyaa Har'aa (14/12/15) Milkiin Xumurameera.
📚📚📚⛪️⛪️⛪️📚📚📚
1. Akkuma marii marsaa 2ffaa Phaaphaasii K/B/Lallaba Shawaa Lixaa waliin walii Galletti SOSS tti Koree rifoormii fi Jijjiirama barbaadan, jaarsolee biyyaa fi abbooti Gadaa Shawaa Lixaa magaalaa fi Aanolee irraa walitti bahanii wal arguun mariin gaggeeffameera.
2. Barumsi qabsoo Afuuraa gaggeeffama jiru milkeessuuf masakame waliin walqabsiisuun kennamuun ergaan darbeera.
3. Yaadnii fi gaaffiin hirmaattota koree aanolee fi magaallan irraa dhufaniin dhiyaateera.
4. Cuunfaan yaadaa fi gaaffilee rakkoolee Godinicha keessaa furamuu qaban ppt 26 qabate qophaa'ee akka gaariitti gadi fageenyaan karaa Itti gaafatamaa koree Rifoormii fi jijjiirama Barsiisaa Kaadhimamaa Dr. Dhugumaa Ful'aa ibsameera.
5. Angafni Phaaphaasii Kutaa Lallaba Shawaa Lixaa Abune Gabri'eel gaaffiiwwan hirmaattota irraa dhiyaateef irratti bifa hedduu nama gammachihsuun yaada kennanii , kan dhiyaatan hunda akka hojiitti hiikan, riifoormii fi jijjiirama barbaadamu akka lafa qabsiisan, koree rifoormii fi jijjiiramaa barbaadu kana waliin akka hojjetan waadaa galuun muudama Daaqonootaa fi Lubootaa gaafa guyyaa 16/12/15 kennuudhaan gaaffii amantootaa lafarratti mul'isuu akka eegalan waada galuun mariin milkiidhaan xumurameera.

Marii Marsaa Lammaffaa Angafa phaaphaasii Kutaa Lallaba Shawaa Lixaa Waliin taasifamee fi yaada irra gahame.💐💐💐💐💐💐💐💐💐💐💐💐...
14/08/2023

Marii Marsaa Lammaffaa Angafa phaaphaasii Kutaa Lallaba Shawaa Lixaa Waliin taasifamee fi yaada irra gahame.
💐💐💐💐💐💐💐💐💐💐💐💐
1. Ramaddiin Caasaa Aanolee otoo hin taasifamiin dura ramaddiin humna namaa hojii gaggeessaa fi Amantootni Kutaa Lallabaa shawaa Lixaa hojjettoota kutaa lallabaa irra jiran irratti komii qaban akka sirreeffamu kan jedhu dhiyaatee......dhimma kana abbaan keenya irratti walii galaniiru.
2. Otoo ramaddiin hin gaggeeffamiin dura yaa'iin walii galaa akka gaggeeffamu kan jedhu dhiyaatee ...kunis fudhatama argateera.
3. Caasaan mana Lubummaa Oromiyaa, akkasumas sinodoosii Oromiyaatiin Rifoormii fi jijjiirama lafa qabsiisuuf fedhii isaatiin gurmaa'aanii jiran wajjin gara Godinaatti waamamanii marii gaggeessuu qabdu yaadni jedhu dhiyaateefii....yaadni kunis fudhatama argatee gaafa guyyaa 14/12/15 waaree booda sa'atii 7:00 Irraa eegalee akka gaggeeffamu walii galameera.
4. Diqunnaa fi muudama Lubummaa fudhachuuf leenjii fudhatanii kan lafa jiran waamamanii muudamni kun akka kennamuuf kan jedhu ka'eefii jira. Kunis fudhatama argatee...gaafa 15/12/15 Amboo galanii bulanii gaafa 16/12/15 bataskaana Kidaanemihiratii Amboottii akka kennamuuf walii galameera.
5. Tajaajilootni, Lubootni, Daaqonoonni, Barsiisotni sababa Mana Lubummaa Oromiyaa ykn sinodosii Oromiyaa deeggaraniin tajaajila dhorkaman, miindaa irraa dhaabbate iddoo isaaniitti akka deebh'an, miindaan isaaniis akka kanfalamuuf kan jedhu dhiyaateefii....kunis guutummaatti fudhatama kan argate yeroo ta'u miidhamtootni iyyata isaanii isaanitti dhiyeeffatanii akka furamuuf walii galameera.
Jabaan waaqa
Hagayya, 08/2015
📚Amboo📚

Walargaa fi Marii Marsaa 1ffaa💐💐💐💐💐💐💐💐💐💐💐💐Guyyaa Har'aa phaaphaasii Kutaa Lallaba Shawaa Lixaa Eebbifamoo Abune Gabri'ee...
10/08/2023

Walargaa fi Marii Marsaa 1ffaa
💐💐💐💐💐💐💐💐💐💐💐💐
Guyyaa Har'aa phaaphaasii Kutaa Lallaba Shawaa Lixaa Eebbifamoo Abune Gabri'eelii fi Sinodoosii Oromiyaatti Koree Jijjiiramaa fi Rifoormii manneen Kiristaanaa Godina Shawaa Lixaa barbaadan gidduutti gaggeeffameera.
⛪️⛪️⛪️⛪️⛪️⛪️⛪️⛪️⛪️⛪️⛪️
Qabxiilee phaaphaasiin akka hubataniif ka'eef:-
1. Haaromsi caasaa Godina, aanaa fi bulchiinsa mana amantaa guutummaa kutaa biyya lallabaa shawaa lixaa keessatti akka gaggeeffamu; balleessaan isaanii tokko lama jedhamee erga himameen booda Hojii gaggeessaan kutaa lallabaa Shawaa Lixaa kan ta'an Liqa Siyyumaan Luba Girma Beeggii hojii gaggeessummaa irraa akka kaafaman;
2. Hojjettootni seeraan ala hojiirraa kaafaman gara hojii isaaniitti akka deebifaman, miindaan irraa dhaabbate akka kanfalamuuf;
3. Hojjettootni seeran ala guddatanii fi seeraan ala jijjiirramanii jiran bakka isaanii duraatti akka deebifaman,
4. Tajaajilli mana kiristaanaa kamuu kutaa biyya lallaba Shawaa Lixaa Keessatti afaan Oromoon akka gaggeeffamu;
5. Qarshiin 17,583,900 saamamee akkaawontii sinodoosii Itiyophiyaatti mallattoo abune Naatinaa'eelii fi Liqe Siyyumaan Girmaa Beeggiitiin dhangalaafamee ture fi , koreen rifoormii Godinaa shawaa Lixaatiin karaa mana murtii maallaqichi akka hin sochoone dhorkamee jiru gara akkaawontii kutaa Lallaba shawaa lixaatti deebi'ee hojii tajaajilaa fi misooma Kutaa lallabichaarra akka oolu;
6. Lubootni fi daaqonoonni leenji'anii otoo aangoon Lubummaa fi Diqqunnaa hin kennamiifiin kutaa biyya lallaba shawaa Lixaa keessa jiraniif diqunnaa fi qissinnaan yeroo gabaabaa keessatti akka kennamuuf;
7. Caasaa fi koreewwan rifoormii karaa sinodosii Oromiyaa lafa kaawwaman hojiirra oolchuuf Godina keenya keessatti hanga aanaatti koreewwan hojjechaa jiran waliin sadarkaa Godinaatti waamamanii mariin bakka phaaphaasii haaraan kun jiranitti akka taasifamu;
8. Waldaalee afaan Oromoon tajaajila babal'isaa jiran irratti bakka adda addaatti dhiibbaan irratti karaa mana lubummaa Moofaatiin taasifamaa ture irraa dhaabbatee bilisummaan tajaajila isaanii akka kennan;
9. Tajaajilli mannen amantaa bajataan akka deeggaramu
10. Kitaabilee fi mallattooleen adda addaa minlikiin faarsan fi eenyummaa Oromummaa tuqan manneen amantaa keessaa akka maqfaman.

Kanneen jedhu kaafamanii mariin bakka Qaamoleen mootummaa jiranitti kan irratti gaggeeffame yeroo ta'u marii marsaa tokkoffaa kanaan wal hubannaan kan uumame ta'ee rakkoolee kamuu hiikuuf phaaphaasii haaraan kun kan qophaawummaa isaanii agarsiisan yeroo ta'u; marii marsaa lammaaffaanis kan itti fufu ta'ee ammas marsaa lammaffaa yeroo dhiyootti deebinee kan wal agarru ta'uu keenya hordoftootni keenya hubannoo akka horattan ni beeksifna.

Sinodosii Oromiyaatti koree Rifoormii kutaa lallaba shawaa Lixaa.

Hagayya, 4/2015
Amboo

Jaalatamtoota, Kabajamtootaa fi Hordoftoota Fuula miidiyaa keenyaa fi Amantootni kutaa Lallaba Shawaa Lixaa============S...
21/07/2023

Jaalatamtoota, Kabajamtootaa fi Hordoftoota Fuula miidiyaa keenyaa fi Amantootni kutaa Lallaba Shawaa Lixaa
============
Sharee....shareee Waliif godha.
Abune Naatinaa'eliin irree gamtoomeen ofirraa buqqisuun keenya kan yaadatamuu fi gammachuu guddaa ta'uun beekamaadha.

Waa'ee muudama phaaphaasotaa haaraa karaa sinodoosii Itiyoophiyaa gaafa guyyaa 09/11/15 gaggeeffame ilaalchisee karaa keessaatiin koreewwan aanolee kutaa lallabaa keenyaa waliin marii gaggeessaa turuun keenya ni yaadatama.
Fedhiin hawaasa Godina keenyaa Eebbifamoo Abune Ewusxaatewoos (phd) ta'us sababa hojiilee adda addaatiin dhufuu hin dandeenye Isaanumarraa mirkaneeffanneerra.
Kanarraa ka'uun Angafa phaaphaasii Kutaa biyya Lallabaa Shawaa Lixaa ta'uun Abbaa Saahilemaaram Tolaa (abune Gabri'eel) ramadamuun mirkanaa'eera.

Haa ta'u malee haala phaaphaasii haaraa ramadamee kanaa qorannoo gadi fagoo waa'ee isaanii gaggeessaa waan jirruuf, kallattii rifoormii haaraa fi gaaffii amantoota keenyaa deebisuu danda'utti hojjechuu yoo baatan isaaniinis irree gamtoomeen ofirraa buqqisnee gaggeessuu waan dandeenyuuf kallattii isiniif kenninu obsaa fi tasgabbiidhaan ijaarama keessan qabattanii isa duraa caalaa Walcimsitanii akka nu eegdan jechaa, hanga aanolee gara magalaa Ambootti ol waamnee, marii gaggeessinee, kallattii sirrii walii kenninutti Koree riifoormii keenyaan ala qajeelfama kamu akka hin fudhanne isin hubachiifna.
Jabaan Waaqa!
Adoo...14/11/2015
Ambo.

Address

Mana Lubummaa Godina Shawaa Lixaa
Ambo

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Mana Lubummaa Oromiyaatti Damee Godina Shawaa Lixaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category