Dhangaa

Dhangaa A winner is adreamer who Never Givesup👊

NI DANDEESSA          ~~~~~~~~~~~~~Deemsa deemuuf deemsa jalqabuun dura bakka/iddoo itti deemtu sana yoo jabaattee deemt...
15/11/2023

NI DANDEESSA
~~~~~~~~~~~~~
Deemsa deemuuf deemsa jalqabuun dura bakka/iddoo itti deemtu sana yoo jabaattee deemte akka ga'uu dandeessu amanuu qabda. Yaada hin danda'u je'uun of amansiiftee sodaan guutamta taanaan immoo essayyuu hin geessu.

Hin danda'u an waan kana. Waaniin akkana ta'eefiin hin dandeenye jettee yaadaan of dadhabsiifta taanaan osoo dandeessuu hin dandeessu. Sammuu kee yaadaan of hiite kana of irraa hiiki, nin danda'a je'ii ofitti himi ni dandeessaa. Sababa hin taane of dura qabdee ofin sobin, sobamtee haftaa.

Sababoota yartuu hunda ofirraa mulqi. Finyaa/afuuffaa afuufamte akka dhagaatti yaadaan ofitti hin ulfeessin. Funyoon rakkoo sirra rarraatu akka waan muka guddaatti si hiitee jirtutti yaaduu irraa of bilisoomsi. Gaafas jireenya injifaattaa. Jireenyaan qabsoo qabuun dura yaada xiphoo sammuu keetiitiin qabsoo qabi. Gaafa yaada kee boojitee harka galfatte wanti hundi harka kee jira.

Itti fufa....
Dhangaa

Bakki Oolmaa keetii Murteessaa dha.-- Your location is crucial.-- Kabajamuu fi jaalatamuu keetiif iddoon oolmaa/argama k...
29/10/2023

Bakki Oolmaa keetii Murteessaa dha.
-- Your location is crucial.
-- Kabajamuu fi jaalatamuu keetiif iddoon oolmaa/argama kee murteessadha.
-- Iddoo si madaalutti argamtaa? Mee fakkeenya kana haa dubbifnu!
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
Guyyaa tokko kanniisaa fi tisiisatu buna wal waamee wajjin haasa'uu jalqaban.

⁃ Utuma haasa'a hoo'aa keessa jiranuu tisiisni kanniisan "Ani kan na dhibee na dhiisuu dide
dhalli namaa anaan maaf na jibba? Maalif akkan isaanitti dhiyaadhu hin fedhan?

⁃ Sin akka biraatti si jaallatu maalif akka keetti na hin kunuunsan? Nyaata isaanii irra yoon bu'e na ari'u. Yoon dhugaatii isaanii irra bu'es akkasuma. Wantan ani xuqe hin sooratan, hin dhugani, ittuu
ni gatu. Na ajjeesu dhaaf na dhabamsiisu dhaaf qoricha baay'ee fayyadamu.

⁃ Kan kee garuu faallaa kooti. Icciitiin isaa maali dha mee natti himi" jetteen.

➥ Kanniisnis haasa'a ishee hunda isaa gurra itti kennitee erga dhaggeeffattee booda gaaffii gabaabaa tisiisa sana gaafatte.

❓"Yaa Tisiisa nana mee OOLMAAN KEE EESSA DHA?" Jetteen jedhama.

✧ Ati hoo obbolee oolmaan kee eessa dha? Amma iddoon ati jirtu kunii fi hojiin ati hojjechaa jirtu kun si madaalaa?

Oolmaa Gaarii Qabaadhaa 💙

👉👉Waan namni asaasu miti, karaa isa si baasutti cichi! 💪💪Yeroo baay'ee, barataa qaxalee dareefi mana barumsaa dursee arg...
06/09/2023

👉👉Waan namni asaasu miti, karaa isa si baasutti cichi! 💪💪

Yeroo baay'ee, barataa qaxalee dareefi mana barumsaa dursee argameen; "Abaluun ni mora/morti! Kudhaama bobaa jalaa qaba. Kanaaf barsumsi galaaf. Kanaafis qorumsa hunda dursee argama!" yeroo jedhan ni dhagahama. Dhugaan jiru garuu, kanarraa fagoo jira. Barataan kun halkan hirriba dhabee, guyyaa bakka oolmaa hiriyoota isaarraa of lagee, akkanuma ijoollummaafi dargaggummaa isaa aarsaa godhetu nama sanaa ta'e. Isaaf morri kana! Kaaniif garuu kun mora!👏😍

Kan nama ajaa'ibummoo, warruma akkana jedhanii hamatantu gaafa qorumsaa ijaafi gurra qeensee isa eeggata. Akkamittin nama hafuura hamaan hojjechaa jiru harka ilaalu? Wal faallessaam! Confused! 😕😂

•Dhaamsa: Waan barbaade haa jedhamu, haa godhamus, waan galmakee irraa si deebisu hin jiraatiin. Agartuun ijakee, dhageettiin gurrakeefi miireffannaankee hundi gara galmakee haa ta'u! Yoos, waan namni siin jedhu quba hin qabaattu. Iyyaafi waca waa'ee hin baafneefis bakka hin kennitu. Kanaafuu, waan namni asaasu dhiisii, karaa isa si baasutti cichi! Kanatu si baasa!👌

Galatoomaa!🙏🏻
Abdiisaa Ejjetaati
Barri ❤2016 Bara Nagaa Nuuf Haa Tahu

👉👉Imala kee dursii kana hubadhu!'Namni maal naan jedhaa?'n waan namni siin jedhu jijjiiree hin argamu; garuu eenyummaan ...
03/09/2023

👉👉Imala kee dursii kana hubadhu!

'Namni maal naan jedhaa?'n waan namni siin jedhu jijjiiree hin argamu; garuu eenyummaan kee gooftaa waan siin jedhamuuti. Kanaaf ofitti amanummaa kee gabbisii qabadhu! Akka siin jedhan ta'uuf osoo hin taane, akka taatee argamtu akka jedhamtuu dalagi. Hamma geessuus hin ibsiin; hammi geessuu sunuu ragaadha. Hundaaf gurra ergisuunis gurra kaayyoo ofiitti dugda gatuu akka ta'e yaadaan qabadhuu deemsa itti fufi. Imala milkii!

Gaafa sochii eegaltu sirrattis sochiitu eegalama. Waa'een kee karaa lamaan odeeffamuu itti fufa. Kaan sababa malee si jibba, sirratti odeessa, maqaa kee faalee dhiisuu dida, dhagaa filee sitti darbata. Kaanimmoo ofitti si waama, harka walitti siif rukuta, dibbee siif reeba! Eeyyeen kanatu jira! Kun jiraachuu isaa hubachuufi kanaaf deebii akkamii akka laattus of harkaa qabaachuutu si ceesisa.

Kan akkan taaneen si hordofu hin hordofiin. "Jaldeessa faana dhahuun hallayyaa nama buusa!" jedha Oromoon yeroo mammaaku. Kan sitti wacu gargaartee sagalee wacaa ol kaasuun, gurra gara kaayyoo kee hin butuchiin, dhagaa sitti darbamuu walitti qabi riqicha ce'umsaafi mana galmaa ittiin ijaarratta, jechoota sin ilaalle sitti maxxanan immoo akka dubbii waa'ee hin baafneefi balfa gatamaatti fageenyatti ofirraa eegi.

Akkanuma, kan si faarsu faana of hin faarsiin; gaafa si arrabsu faana of arrabsuu malta. Sagalee weedduu iddoo siif hin malletti miirri siif kennu dhageessee weedduufi gonfoo gaara mo'ichaa irraa akka hin hafnetti of eegi. Badhaasa siif kennamu adda baasii beeki. Badhaasnifi jajjabeessi siif hin mallee itti quufinsa sobaa si gonfachiisuun karaa jal'uurra si qajeelchu. Eeyyeen, kan siif laatu kennaa isaa dura, eenyummaa isaa adda baasi. Hubataa ta'i!

Kan siif jibbu jaalattee kan si jibbu hin jibbiin. Kan siif reebuu ol kaastee, kan si reebuu reebuuf yeroofi annisaa kee hin gubiin. Kana hundumaa, akka galumsaatti, keessumeessuu akka dandeessuuf ogummaa dabaladhu.

Imala milkii!

Like✅
share✅
Dilbata Gaarii😍

.  Itiyoophiyaa✅Fiigicha maaraatoonii dubartootaan Itiyoophiyaan sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa bahuun Meedaaliyaan duguugde.😘A...
26/08/2023

.

Itiyoophiyaa
✅Fiigicha maaraatoonii dubartootaan Itiyoophiyaan sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa bahuun Meedaaliyaan duguugde.
😘Amaanee Bariisoo 1ffaa
✅ Gooytom G/Sillaasee 2ffaa.
🤛Keeniyaa hoo Bishaan kee

RIP😪😪😪
27/07/2023

RIP😪😪😪

               ☆☆☆☆☆Namni isin suura isaa argitan kun  Booker T Washington jedhama. Piroofesarii fi piredaantii Yunivars...
16/07/2023


☆☆☆☆☆
Namni isin suura isaa argitan kun Booker T Washington jedhama. Piroofesarii fi piredaantii Yunivarsiitii ture. Gurraacha jechuun lammii Ameerikaa hidda dhaloota Afrikaa qabudha. Mandara sooressaa fi warra adii keessa utuu adeemu dubartiin tokko isa argite. Akkuma warra gurraacha biraa hojjechiifataa turte isa kanas waamtee kottuu qoraan naa falaximee qarshiin siif kennaa jette. Innis tole jedhee qoraan falaxee manatti guureefii deeme. Booda mucaan ollaa ishee tokko Booker T Washington ta’uu sa’a bartee dubartii sanatti himte. Dubartittiinis biiroo isaa deemtee dhiifama gaafatte. Akka qaanoftes itti himte. Inni garuu hoomaa hin cinqamin gaafa sana yeroo qaban ture waan ta’eef darbee darbee hojii humnaa hojjechuun qaamakoofuu gaariidha jedhee deebiseef. Yeroo biraa dubartiin sun namoota beekamoo fi sooreyyii qindeessite Yuniversiitii sanaaf deggersa guddaa goote.

Utuu nu ta’ee akka Booker T Washington sana gadi of deebifnaa laata? Eenyuu akkan ta’e utuu beektee kana na hin gaafattu turte jennee aariidhaan nama sana ofirraa deebifna ture.
Hamma yeroon gahutti gad of deebisuun gaarummaadhaafi.
Source: Asefa Melka Wakjira

Dilbata Gaarii Siniif Haa tahu🤗

Dhangaa😍👉yommuu milkaa'ina guddaaf dharraatu, guyyaa hundaa akka qoramtu beeki. Qormaata fi qoree jireenyaa keessaa yoo ...
09/07/2023

Dhangaa😍
👉yommuu milkaa'ina guddaaf dharraatu, guyyaa hundaa akka qoramtu beeki. Qormaata fi qoree jireenyaa keessaa yoo dabarte, bakka guddaa geessa.
👉qormaanni bakka lamatti qoodama, qormaata keessaa fi alaati. Qormaata kanniin yoo addaan baaftee fi darbuuf carraaqxe bakka guddatti olfuudhamta. Kanaafuu obsa qabaadhu🙏🙏

Dilbata Gaarii siniif haa ta'u🙏🙏

Namootni danuun waan tokko gochuuf ka'anii, yeroo dadhabaniimmoo of duuba deebi'an sitti mul'atuu? Ati yeroo teessee ila...
11/06/2023

Namootni danuun waan tokko gochuuf ka'anii, yeroo dadhabaniimmoo of duuba deebi'an sitti mul'atuu? Ati yeroo teessee ilaaltu jara kana akkamitti ilaalta? Akka natti fakkaatutti waan sitti tolu miti. Atis egaa yeroo waan tokko yaaltee osoo fiixaan hinbaasiin ofduuba deebitu kanuma fakkaatta.

Oromoon yeroo mammaaku “Qeerransa eegee hinqabanii, qabnaan gadi hin dhiisan!” jedha. Akkuma kana jabinni namaas kan beekamu gaafa waan dadhabe deebisee irbaata dandeettii isaa taasifatudha. Gootummaan nama tokkoos kan beekamu yeroo waan salphaa fiixaan baasu osoo hintaane, yeroo waan maqaa qabuufi sammuu namaa gararraa tahe hojjatee agarsiisudha. Akka beektonni jedhanitti waan fiixaan baasuu indandeenye jalqabuurra waan fixuu danda'an jalqabuu yookaanimmoo dhiisuu wayya jedhu. Namoonni nuti jaboodha jennee waamaa oolluufi namoonni Addunyaa kanaaf fakkeenya ta'anii waantota adda addaa hojjatanii lafa kaa'an baay'een namoota kufaatiin michuu taasifatee turedha. Hammuma kufan dogoggora ofiirraa barataa adeemu. Jireenyimmoo mana barnootaa gaariidha waan ta'eef, haala gaariidhaan nama barsiifti. Osoo kufaatiin hinjirree jireenyi hinjiru. Qorteetu nama qoraafti. Qoraaftees gaara nama baafti. Qormaanni qoraasuma milkiiti. Kufaatiinimmoo yaaliirraa dhufa. Sammuun teessu gidiraa qofa yaaddi. Namni taa'uu guddisus huuba lafaa fuudhee ka'a jedhama mitiiree?

Akka dhaabbilee barnootaafi dhaabbilee hojii adda addaatti qoramaniitu qormaaticha darbu yookaan kufu. Akka yaaliifi boqonnaalee Addunyaa jireenyaattimmoo kufaniitu baratu; kufaatiirraas baratu. Namoonni tokko tokko yoo waan irra deebiin yaaluu kaafteef abdii kutannaa sitti himu. Sanaafimmoo furmaanni irra deebiin yaaduufi irra deebiin yaaluu qofadha🥰

Dilbata Gaarii Qabaadhaa👌

Address

Ambo

Telephone

+251949429981

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dhangaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Dhangaa:

Share

Category