24/11/2025
(Sooraa) fiqirasillaasee moosisaa
( Fiqiree) jedhamu, namni wallaale jira jedhee hin yaadu
Mee warra hin beekneef gababseen siniif bareessa.
Paaster fiqireen umurii dargaggummaa Waggaa 23 ta'anii nama Hojii wangeelaa hojjechuu egalinidha, bara 1979 irraa eegalanii hanga ammaa nama Hojii wangeelaa hojjechaa jiranidha bara dargii bara wangeela lallabuun namatti cimu keessa, nama hanga haa ajjefaman jedhamanii ari'atamanii caakkaatti dhaqanii galanidha.
Gatii guddaa nama wangeelaaf kanfalanidha.
Waldaa warra wangeelaa makaana yesuus (Wwwmy) keessatti waggaa baay'ee tajaajilaa turan.
Waldaa Kristaanaa 45 ol hundeessanii fedha waaqayyoo ta'ee jennaan gara Waldaa Guutuu wangeelaatti waamicha argatani darban.
Achi keessaattis dadhabbii tokko malee namni kun hojii wangeelaa hojjetanii waldaa 25 ol hundeessaniiru. Namni wangeelaaf Gudarii hanga shanan, Gudarii hanga silkaambaa, Gudarii hanga Incinnii, Gudarii hanga Ammayyaa, Gudarii hanga jalduu, Gudarii hanga cobii, Gudarii hanga meettaa_roobii, Gudarii hanga ada'aa bargaa, Gudarii hanga waliimaraa, Gudarii hanga ejeree, Gudarii hanga dandii, Gudarii hanga midaa qanyii, Gudarii hanga iluugalaan, Gudarii hanga sayyoo, Gudarii hanga atinaagoo aanaa jimmaa, Gudarii hanga walaayittaa deemsa miilaa deemuudhaan nama tajaajilaa turanidha.
Nama Hojii wangeelaaf of kennuudhaan hojjetadha deemsa karaa sa'aati 12 fi isaa ol deemuudhaan nama wangeela lallabanidha.
Isa kanaaf namonni yeroo sana turan wajjin hojii wangeelaa hojjetaan ragaadha fakkeenyaaf namoonni armaan gaditti maqaan isaanii heeraman isaan ijoodha:-
warreen akka;
1.H.W.Far.Abaatee Gammachuu
2.Paaster Birhanuu Dalasaa
3.Luba(Qees) Afawarqi taaddasee
4.Luba( Qees) Cimdii tamasgeen fi.k.k.fi namoonni gara gooftaa deemanis Namoota baay'eedha.
Namni Paaster Fiqiree jedhamu kun dhuguma dubbachuuf wangeelaaf nama gatii guddaa baasedha.
Umurii dargaggummaa isaa wangeelaaf kennee, umurii ga'eessummaa