05/09/2025
Nan yaadadha Bara 2008 hidha haaromsaa guddicha Itoophiyaa kanaaf buusii gareen akka buufnu qarshii 50,50 manni barumsaa keenya nurraa guuree ture. yeroo sanaaf hidhaan laga waanuma xummuramu mitiitii, maallaqa walitti qabameen qabeenyaa biyyoota birootti kuufatu jennee abdii murree turre. kun hanga bara bulchiinsa oromoottis shakkii keessa ture. qabsoon hamaan keessaa fi alaan akka hidhaan kun hin xummuramneef dhiibbaan hamaan godhamaa ture.
Ni yaadattuu laata bara jawwee bifa namaa fakkaatu hidha haaromsaa keessatti galchite jedhamee jawwichi qabamee biyya alaa deemee jechuun dhagahe malee maaliif akka deemee fi paspoortii eenyu akka baaseef hin beeku. ykn immoo deebisee fudhatee fi ni ajjeefame(kununfamaa)jira waanti jedhu oduu hin dhageenye ani. irra caalattuu namoonni baay'een ni gurguratte jecha jedhutu baay'ata ture. isallee ani hin beeku. garuu hidhaan laga qabsoo hamaa keessa darbee akka abaaboo birratti ifee eebbaaf qophaa'era jedhamee gaafa haasa'amu namoonni baay'een akka hidhaan kun Kan garee biroo ta'eetti ilaalu. kun anaaf fudhatama hin qabu abbaaf Ayyoon koo jaarsi jaartiin, dargaggeessi, dargaggeettiin maallaqa fi humna isaanii haa xiqqaatullee keessaa qabna firii akka abjuu fakkaatu qabatamaan argine kana maal ta'a yoo gammanne. Hidhi haaromsa keenyaa Gaachana keenya!
Abdii egeree biyya kanaati. dhaloonni amma jiru dhaloota biyyaaf osoo hin taane qofummaan olbaheen mul'adha kan jedhuu fi isa inni tokko ijaare deebisee yaadaan diiguu kan barbaadhudha. qabeenyaan kun qabeenyaa Uummata biyya keenyarra darbee biyyoota biroof gaachana ta'udha. waliin taanee Guddina biyya keenyaa haa tumsinu, kadhattummaa biyyoota biroo irraa bilisa haa taanu.
Horaa bulaa