Eliyaas Amboo

Eliyaas Amboo Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Eliyaas Amboo, Digital creator, MalkaaNono, Ambo.

16/11/2025

Aanaa Beeroo

Oomishaa fi Oomishtummaa dabaluun Inisheetiiviiwwan qonnaa bahan hojiirra oolchuun jiruu fi jireenya uummataa jijjiruuf imala badhaadhinaa milkeessuuf hojjetamaa jira.

Sadaasa 06/2018AANAA BEEROO "Waliigaltee Diimokiraatawa Tokkummaa Sabdaneessaaf"Bulchiinsaa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaa...
15/11/2025

Sadaasa 06/2018

AANAA BEEROO

"Waliigaltee Diimokiraatawa Tokkummaa Sabdaneessaaf"

Bulchiinsaa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Malkaa Noonnoo Aanaa Beerootti Guyyaa Kabaja Ayyaana Sabaaf Sablamoota fi Uummatoota Itoophiyaa marsaa 20ffaa mata duree Waliigaltee Diimokiraatawa Tokkummaa Sabdaneessaaf jedhuu kabajamaa jira.

Kutaa Magaalaa Malkaa Noonnoo Aanaa Beerootti Ayyaanni Sabaaf sab lammoota fi Uummattoota Itoophiyaa kun bakka I/G Paartii Badhaadhinaa Damee Aanaa Beeroo Obboo Nagaraa Fayyisaa, Kabbajamoo I/G Afa-yaa'ii Obboo Geetachoo Alamuu, Kabbajamoota miseensa mana maree fi sabaaf sab lammoota Itoophiyaa Argamaanitti haalaa bareeda ta'een kabajamaa jira.

11/11/2025

Finfinnee

👉Breaking🇪🇹💪Itiyoophiyaan Guyyoota 90 qofa keessatti Diroonii 300 oomishte👏Muummeen Ministeeraa Dr Abiy Ahmed Diroonii k...
10/11/2025

👉Breaking🇪🇹💪
Itiyoophiyaan Guyyoota 90 qofa keessatti Diroonii 300 oomishte👏

Muummeen Ministeeraa Dr Abiy Ahmed Diroonii kan oomishnu loluuf miti, lola hambisuuf malee, Yoo lola hambisuun dadhabamemmoo ittiin gababaasuuf darbees humna xixiqqoo qabatanii humnoota dogoggoraniif yeroo baay'ee akka itti yaadan gochuufi'' jedhan.

Itiyoophiyaan waraana amma leenjii olaanaa qabu Miliyoona Tokkoo ol qabaachuun alattiis teeknooloojii fi olaantummaa qilleensaa ishee waraana Afrikaa keessatti ammayyaa fi humna guddaa qabu ijaaraa akka jirtu mirkaneessiteerti.

Akka kaleessaas bakka kaleessas hin jirru jechumaaf!

Galaannii Dimmaan dhigaa keenyaa
01/11/2025

Galaannii Dimmaan dhigaa keenyaa

Onkoloolessa 18/2018Aanaa Beeroo ======Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Malkaa Noonnoo Aanaa Beerootti hojiiww...
28/10/2025

Onkoloolessa 18/2018

Aanaa Beeroo
======
Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Malkaa Noonnoo Aanaa Beerootti hojiiwwan hanga ammaatti jiru ilaalamaa jira.

Kutaa Magaalaa Malkaa Noonnoo Aanaa Beerootti Hojiiwwan hanga ammaatti jiru qorachaa kan jiran I/G Paartii Badhaadhinaa Damee Kutaa Magaalaa Malkaa Noonnoo Obboo Abaataa Asiraat fi Bulchaa Aanaa Beeroo Obboo Taganyiwarq Mokonnon waliin bakka Hooggansi Kutaa Magaalaa Aanaa deeggaranii fi Hooggaansa Aanaa jiranitti qorachuun ciminoota jiran jajjabeessuu fi hanqinoota jiran akka fooyya'uu gochuun kallattiin kennamee jira.

Aanaa Beeroo Qonni magaalaa wabii nyaataa mirkaneessuun biratti madda dinagdee tahuun fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessu...
27/10/2025

Aanaa Beeroo

Qonni magaalaa wabii nyaataa mirkaneessuun biratti madda dinagdee tahuun fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa qaba
______
Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Malkaa Noonnoo Aanaa Beerootti ,‎Inisheetiiviiwwan ariitii fi qulqullinaan hojiirra oolchuudhaan imala hirkattummaa irraa gara Oomishtummaatti ce'uuf kutannoo cimaatiin hojjetamaa jira.

Oomishni Kilaastera qamadii fi garbuu hojjetamaa jiru haala gaariirra jira.

Onkololeesaa 15/2018AANAA BEEROOBulchinsa Magaala Shaggar Kutaa Magaala malkaa Noonnoo Aanaa Beeroo Zooniilee keenyaa ke...
25/10/2025

Onkololeesaa 15/2018

AANAA BEEROO

Bulchinsa Magaala Shaggar Kutaa Magaala malkaa Noonnoo Aanaa Beeroo Zooniilee keenyaa keessaa jiran waliin mariin qonnaa bultoota waliin dhimma qabiyyee isani irratti mariin geggeeffama jira.

Kutaa Magaalaa malkaa Noonnoo Aanaa Beerootti Mariin dhimmaa qabiyyee Qonnaan Bulaa bakka bulchaan Aanaa Beeroo Obbo Taganywarq Mokonnon fi I/G waajjiraa paartii Badhaadhinaa Damee Aanaa Beeroo Obbo Nagaraa Fayyisaa, I/G Siyaasaa Badhaadhinaa damee Aanaa Beeroo Obboo Hayiluu Sarbeessaa Akkasumaas Hoggaansa kutaa Magaalaa Bakka Argamanitti qonnaan bultoota waliinii mariin geggeeffama jira.

Onkololeesaa 09/2018"Inspeekshinii Cimaa Paartii Cimaaf"Aanaa Beeroo Bulchiinsaa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Malkaa ...
19/10/2025

Onkololeesaa 09/2018

"Inspeekshinii Cimaa Paartii Cimaaf"

Aanaa Beeroo

Bulchiinsaa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Malkaa Noonnoo Aanaa Beerootti Waajjira Komishinii Inspeekshinii fi Naamusaa leenjii hubannoo Uumuu DIB Paartii fi Qajeelfama KIN fi Dambii Ittin Bulmaata Paartii Badhaadhinaa gaggeeffamee jira.

Kutaa magaalaa Malkaa Noonnoo Aanaa Beerootti leenjii DIB fi Qajeelfama KIN fi Dambii ittin Bulmaata Paartii Badhaadhinaa irraatti bakka I/G Ijaarsaa Paartii Badhaadhinaa Damee Kutaa Magaalaa Malkaa Noonnoo Obbo Kumalaa Darajjee, I/G KIN Kutaa Magaalaa Malkaa Noonnoo Obbo Yigazuu Shawaamoltoo bakka argamanitti akka Aanaa keenyaatti karaa IG KIN Kutaa Magaalaa fi IG Siyaasaa Aanaa Beeroo Ob.Hayiluu Sarbeessaa leenjii fi hubannoo gabaabaa karaa miidhagaa fi hawwataa ta'ee kennamee jira.

Address

MalkaaNono
Ambo

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Eliyaas Amboo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share