Waajjira Qonnaa fi Lafaa Aanaa Ciroo/Chiro Woreda Agriculture & Land Office

Waajjira Qonnaa fi Lafaa Aanaa Ciroo/Chiro Woreda Agriculture & Land Office Guddina dinagdee keenyaa dhugoomsuuf Qonna keenya ni milkeessina.

28/11/2025
28/11/2025
Godina Harargee Lixaa Waajjira Qonnaa fi Lafaa Aanaa Cirootti Mariin Sosochii Guyyaa kabaja Ayyaana Farra-Malaammaltumma...
27/11/2025

Godina Harargee Lixaa Waajjira Qonnaa fi Lafaa Aanaa Cirootti Mariin Sosochii Guyyaa kabaja Ayyaana Farra-Malaammaltummaa mata duree "Dhaloota Safuun Ijaaruun Kennaa Tajaajilaa Hojmaataan" jedhuun bakka Hojjattoonni waajjiraa fi Manaajiimantiin waajjiraa argamanitti gaggeeffamee.

24/11/2025

Ganda Funyaan_Diimootti koreen qorannoo duraa Madda Bishaan jallisii Qorachaa jiru.
✅✅✅✅✅✅✅✅✅✅
Godina Harargee Lixaa Ganda Funyaan_Diimootti koreen waajjira Jallisii fi horsiisee bulaa godinaa irraa dhufan Qorannaa duraa Bishaan jallisii Qorachuun Hawaasa kanarraa fayyadamoo ta'an wajjiin marii gaggeessuuf kallattii fuula duraa kaayatamee jira.

Godina Harargee Lixaa Aanaa Cirootti qamadiin  Qonna Gannaa roobaan faca'e bilchaatee  Sassaabbiif gahaa jira.Bonaa fi G...
11/11/2025

Godina Harargee Lixaa Aanaa Cirootti qamadiin Qonna Gannaa roobaan faca'e bilchaatee Sassaabbiif gahaa jira.Bonaa fi Ganna Oomishuun hiyyummaa seenaa gochuun Gargaaramtummaa dhaabnee Oomishtummaa Mirkaneessuu dha.

  Ummata_tokkootiif_Murteessaa_dha.!!!✅✅✅✅✅✅✅✅✅  02/2018 Godina Harargee Lixaa Aanaa Cirootti Rakkoo Bulchiinsa gaarii  ...
11/11/2025

Ummata_tokkootiif_Murteessaa_dha.!!!
✅✅✅✅✅✅✅✅✅
02/2018
Godina Harargee Lixaa Aanaa Cirootti Rakkoo Bulchiinsa gaarii waliin gahiinsa Daandiitiin Yeroo Dheeraaf Hawaasa Ganda Waaccuu Giilley fi Eltokkee komachaa turan furmaata argachuun daandichi hojjatamaa jira.

Bulchaan Aanaa Ciroo akka ibsanitti, "Rakkoolee Bulchiinsa gaarii hawaasni keenya komachaa ture furuuf yeroo kamuu caalaa bara kana xiiqiidhaan hojjachaa jirra" jedhan.

"Rakkoolee Bulchiinsa Gaarii yeroo dheeraaf turan furuuf kalaqa, Ariitii, Qulqullinaan hojjachuun uwwiisa Daandii akka Aanaatti jiru dabaluudhaaf qindoominaan hojjatamaa jira "jedhan.

Hawaasa Ganda Waaccuu El-Tokkee fi Waaccuu Gilleey Daandii akka argatan taasisneeti jirra. Kun immoo qonnan bultootni gadiichaa Oomishni isaanii gabaa akka argatuu gochuun dinagdee gama Qonnaa irraa fayyadamoo akka ta'an gochuun Badhaadhina maatii gochaan mirkaneessuu keessatti shoora ol'aanaa qaba jedhaniiru.

Madda:-Chiro_Woreda_Prosperity

08/11/2025
07/11/2025

Bulchiinsa Aanaa Ciroo fi innisheetivii Mis/Lukkuu

Address

Asebe Teferi

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Waajjira Qonnaa fi Lafaa Aanaa Ciroo/Chiro Woreda Agriculture & Land Office posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share