
03/05/2025
Ummanni Oromoo Artist Kadiir Martuu Waan Garmalee Jaalatuuf Osoo Lubbuu Kennaaf Ja'anii Ni Kennaaf Je'een Yaada. Yeroo Ammaa Wallaansa Kadiiriif Abbaan Qabeenyaa Keenya Yaadataa Juneeydii Itti Gaafatamummaa Waan Fudhatee Jiruuf, Hamma Wallaansa Xumuratutti Maallaqa Maqaa Kadiiriin Osoo Guuramuu Baatee Bareeda. Erga Inni Fayyeen Booda Account Isaa Irratti Walitti Qabameefii Namuu Waan Dandayu Gargaarree Osoo Biyyatti Galchinee Bareedaadha. Kan Kanaa Alaa Namoonni Hedduun Sababaa Kanaan Group Hedduu Jaarratanii Maallaqa Maqaa Kadiiriin Miskiinaa Irraa Nyaachuuf Ilkaan Qarataa Waan Jiraniif, Itti Yaadamuun Dirqama.
Kan Siif Boohuu Hundi Siif Rafatee Booha Hin Seehin. Boohichi Imimmaan Malees Ni Jirti Boohichi Goggoyduun. Ammatti Dhimma Wallaansa Wallisaa Kadiir Martuu Adeeroo Yaadataaf Kennineefii, Nuti Du'aayii Haa Goonuufii. Deeggarsi Hawaasa Oromootiin Kadiiriif Godhamu, Jireenya Isaa Gama Fuula Duraaf Tahuu Qaba. Malaan Nyaattota Hedduu Hin Hamammootinaa. Wanti Kamuu Bifa Qindoominaafii To'atamuu Dandahamuun Taa'uu Qaba. Inshaa Allaah Jireenyi Isaa Jijjiiramu Qaba.
Please Waliif Share Godhaa!