
17/07/2025
Godina Harargee Lixaa Gandaa Bakaa Kubiitti Hojiin Tajaajilaa Lammummaa qindeessuummaa Gurmuu Dubartootaa Paartii Badhaadhinaatiin qophaa’e guyyaa har’aa bakka Itti Gaafatamtuu Ijaarsa Paartii Badhaadhina Godina Harargee Lixaa Aadde Amina Abrahim, I/G Gurmuu Dubartootaa Paartii Badhaadhinaa Godina Harargee Lixaa Aadde Wazira Ahamed , I/G Dhimma Dubartootaa Godina Harargee Lixaa Aadde Alfiyaa Toofiq , Itti Gaafatamtuu Waldaa Dubartootaa Godina Harargee Lixaa Aadde Hassanee fi Itti fayyadamuu Feedireeshinii Dubartootaa Godina Harargee Lixaa Aadde ’aadaa Mohammed, Akkasumas Hoggansi Aanaa fi jiraattotni argamanitti jalqabsiifamee jira.
Hojiin harka qalleeyyii deeggaruu hojii boqonnaa sammuu namaa kennuuf aadaa fi duudhaa Oromoo ganamaa waan ta’eef uummanni hundi waan qabuun namoota harka qalleeyyii naannoo isaanii jiran deeggaruun barbaachisaa akka ta'e eerameera.
Hojiin Tajaajilaa Lammummaa Duudha ganamaa Oromoon qabuutti deebi'uun fayyadamummaa uummataa dabaluuf humnoota waloo hojiirra oolaa jiru kanaa irratti Lammiin hunduu hojii eebbifamaa kana irratti qooda fudhachuun gahee lammummaa bahatu qaba.