05/01/2025
INFEKSHIIN(INFECTION)
*************************
Biyyoota galii gadi-aanaa qaban keessatti namoota baayyee ajjeesuun sadarkaa duraarra kan jiru infekshiinii dha. Lubbu qabeeyyiin xixxiqqoon maykiroskooppii malee ija qullaan hin muldhannee, kan dhukkuboota namatti fidan (germ) jedhamu. Dhukkuboonni sababa jarmootaatiin dhufan (Infekshiin) jedhamu.
Jarmoonni kunis baakteeriyaa, pirotoozu'aa, fungasii fi vaayirasii fa'a yoo tahan, karaalee armaan gadiitiin daddarbu :
1. Qilleensaa jarmiin faalame harganuun.
Daranyoon sombaa(TB), nimooni'aan, infekshiiniin gurraa, infekshiiniin toonsilii fi harsasee faatii qilleensa jarmii dhukkuboota kana fidaniin faalame harganuun daddarbu.
2. Bishaanii fi dhugaatiiwwan jarmiin faalaman dhuguun.
Dhukkuboonni akka , 'idii, , fi kkf bishaan faalame dhuguun daddarbu. Dhukkubni bilhaarzi'a( shistosoomi'asis ) jedhamu ammoo bishaan cilaaluun faalame daakuun ykn tuttuquun daddarba.
Jarmoonni bishaaniin daddarban hedduun soorata faalame nyaachuunis ni daddarbu.
3. Wal-qunnamtii saalaatiin;
HIV/AIDS/, HBV(vaayirasii tiruu), HPV(vaayirasii kaansarii fiixxee gadaamessa), copxoo(Gonorrhea), Fanxoo(Syphilis), infekshiinii cidhaanii, infekshiinii gadaamessaa, kkf karaa wal-qunnamtii saalaa daanga maleetiin (unprotected sexual in*******se) daddarbu.
4. Hadharraa gara daa'imaatti (hidda handhuuraatiin, yeroo dahumsaa ykn harma hoosisuun)
Dhukkuboonni wal-qunnamtii saalaatiin daddarban hedduun haadharraa gara daa'imattis darbuu ni danda'u.
5. Dhiiga fudhaachuun(blood transfusion), wantoota qara qaban waliin fayyadamuu fi dhangala'aa qaama nama infekshii qabuu keessaa bahu tuttuquunis infekshiiniin akka vaayirasii tiruu fa'a daddarbuu danda'u. Kana ittisuuf yeroo ammaa dhiigni namaaf osoo hin kennamin dura qorannoo hedduu keessa darba.
INFEKSHIINIIRRAA OF-EEGUUF:
✍🏾 Namoota infekshiinii qilleensaan daddarbu qaban irraa fageenya keenya eegachuu, konkolaataa ummataatin yoo deemnu fooddaa banuu fi maskii uffachuu.
✍🏾 Bishaan danfisuun ykn keemikaala jarmii ajjeesu itti dabaluun fayyadamuu.
Hub: Bishaan boombaa, kan itoophiyaa, yeroo baayyee garmiirraa bilisaa miti.
✍🏾 Qulqulinna soorataa fi nama soorata qopheessuu eeguu.
✍🏾 Wal-qunnamtii saalaa daanga maleerraa of-eeguu.
✍🏾 Qulqulinna dhuunfaa fi naannoo eegachuu.
Infekshiiniin hedduu yaalaa ni qaba. Garuu infekshiiniin vaayirasii hedduu yaalaan fayyisuun hin danda'amne. Baakteeriyaan hedduu qorichoota duraan turan dandamachuu danda'eera( Drug resistance). Kanaafuu infekshiinii yaalurraa ittisuun salphaa dha.
Ofi eegaadhaa, ofi eeggachuun osoo hin kufin duraa.
Dr. Misha B. 2025