08/06/2025
Seenaa Ajaayibaa:
Seenaan warra Masirii (Gibtsi) durii kun dhaloota ammaallee kan dinqu tahuu mala.
Masiroonni durii sanyiin isaanii warra Kuush wajjin walfakkaata jedhamee amanama. Amantiin Islaamaa babal'atee Araboonni lafa isaanii dhuunfatanii sanyiin warra gurraachaa tatakkachuu isaatiin dura bifti jaraallee gurraachuma ture.
☆☆☆ ♡♡♡♡
Immoo bara sana:
Dhiira caalaatti kan ulfinaafi kabajaa guddaa qaban dubartoota turan.
Dubartoonni akka burqaa jireenyaatti ilaalamuu isaaniitiin gamatti, akka baattoota ogummaatti fudhatamu turan, akkuma hawwan har'aa bu'uura dhaloota egeree tahan jechuudha.
Dhiirri beekumsa ol'aanaa gonfachuutti aansee, hubannaa humna afuuraafi ga'ee hawaasaa keessatti qabun nama kabajamaa yoo tahe akka badhaasaatti rifeensa dheeraa "wiigii" fakkaatu mataatti akka diratu godhama ture jedhama.
Kaayyoon "wiigii" mataatti dirachuu kanaas, kabajaan namtichi qabu qixxee kan dubartiitti guddatee jira isa jedhu agarsiisuuf akka tahe qorannoon seenaa hawaasaa nihubachiisa.
♡♡♡♡♡
Tarii aadaa Oromoo, keessattuu sirna Gadaa keesaatti daa'imman rifeensa isaanii akka guddifatan kan godhamuu qabata aadaa Masirii keessa waggota kuma lama dura ture sanaan tahinnaa?
☆☆☆☆☆ ♡♡♡♡♡
Maddi: The Nubians