
08/10/2022
Barattoota kutaa 12ffaa qormaata fudhataniif qormaata dura, yeroo qormaata fi qormaata booda waan gochuu qabaniif hin qabne
1. Qormaata dura
🌱 isin qormaata qoramuuf haaraa miti. Qorumsa baay'ee fudhattanii as geessan Kanaaf qorumsi isin fudhachuufi deemtanis waan addaa waan hin taaneef hin na'inaa
🌱Sammuu keessan free godha. Kana dubbiseera, kana hin dubbisne jechuun of hin dhiphisinaa. Wanti isin dubbistan sammuu keessan keessatti kuufamee jira. Kan amma waan tokko hin beeknu jettan yeroo qormaataa yaadachuu dandeessu.
🌱wantoota free isin godhan kanneen akka muuziqaa dhagheeffachuu fi qilleensa qulqulluu Sirriitti baafachuuf galchuu(breathing exercise) shaakalaa.
🌱nyaata sukkaarrii fi soogiddi itti baay'ate hin fayyadaminaa.
🌱bishaan Sirriitti dhugaa
🌱nyaata humnaa oli hin nyaatinaa/nyaata utuu hin nyaatinis hin deeminaa.
🌱anniisaa argachuuf dhugaatiwwan nama si'eessan hin fayyadaminaa
🌱kobbee, sa'aa fi waan qormaataaf isin barbaachisu qopheeffachuu keessan mirkaneeffadhaa
2. Yeroo qormaataa maal gochuu qabdu
🌱gaafa gara mana barumsaa deemtaan suuta deemaa. Akkasumaa free of godhaa
🌱qormaanni namoonni baheera jedhanii yoo isin burjaajjeesanis waa'eesaaf hin dhipatinaa
🌱gaaffii isinitti cime irratti yeroo keessan hin balleessinaa. Kan isiniif salphaa tahe hojjechuun booda itti deebi'aa.
🌱dambiiwwaan/instruction qormaataa seeraan hordofaa
3. Qormaata akka qoramtanii baataniin
🌱gaaffii qoramtan irra deebitanii hin ilaalinaa.
🌱gaaffiin natti cime jettaniis kan boriif hin dhiphatinaa.
Kanaaf bifa kanaan of-qopheessaa
Carraa gaarii isiniif hawwa
Dr Nafyad Getu.