FBN Ethiopia

FBN Ethiopia Haqaaf Jiraanna!

 ‼️Raashiyaan Ameerikaa akeekkachiiftePerezidaantiin Raashiyaa Vladimir Putin Ameerikaan meeshaa waraana fageenya dheera...
18/07/2025

‼️

Raashiyaan Ameerikaa akeekkachiifte
Perezidaantiin Raashiyaa Vladimir Putin Ameerikaan meeshaa waraana fageenya dheeraa deeme haleellaa raawwatu yukireenitti dabarsitee kan kennitu yoo ta'e Ameerikaan waraanatti dabalamuu isaa beekne deebii quubsa deebisuuf ni dirqamnaa jechuun dhaadatan.

Itoophiyaa fi Ertiraa jidduutti waraanni yoo ka'e lamaanu kan barbaddeessu ta'a- Ambaasaadar Haayilee Manqooriyoos"Dhaab...
18/07/2025

Itoophiyaa fi Ertiraa jidduutti waraanni yoo ka'e lamaanu kan barbaddeessu ta'a- Ambaasaadar Haayilee Manqooriyoos

"Dhaabbata Biyyoota Gamtooman (UN)'tti ittaanaa Barreessaa Olaanaa dhimmoota Siyaasaa kan turan Ambaasadar Haayilee Maanqoriiyoos Itoophiyaa fi Ertiraan gara waraanaatti kan seenan yoo ta'e balaa olaanaa akka qabaatu akeekkachiisan.

Ambaasaadar Haayileen af-gaaffii BBC Tigriffaa waliin taasisaniin akka jedhaniitti, ''waraannii hin dhufu jettee yaaduu hin dandeessu.''

Dippolmaatichi itti dabaluudhaan, ''waraanaa akkamii akka ta'u malu garuu tilmaamuun hin danda'amu. Lamaanuu amala dubbii barbaachaa qabu., fedhii ummataa caalaa ofiisaanii dursuu fi aangoo cimsuufi to'achuuf dursa kennu'' jechuun dureewan biyyoota lamaanii qeeqan.

Dhaabbata UN keessatti walitti bu'iinsawwan addunyaa guutuutti mutan fuuruu keessatti sochiiwwan dippilomaasii dursaa kan turan Ambaasaadar Haayileen, Ministirri Mummee Itoophiyaa Abiy Ahimad ulaa galaanaa argachuudhaaf humnatti kan fayyadaman yoo ta'e, ''sarbama seera addunyaa ta'a'' jedhan.

''Yoo ulaa galaanaatiif jechan Ertiraa kan weeraruu ta'e, Ertiraan Yukireen Afriikaa taati jechuudha. Kun ammoo walitti bu'iinsa Ertiraafi itoophiyaa qofa osoo hin taane, walitti bu'insicha kan qaxanichaa taasisa'' jedhan.

Hogganaa olaanaa Adda Bilisummaa Ummata Eertiraa (Shaabiyaa) kan turan Haayileen, qondaaltota mootummaa garee 15 jedhamuun beekamaniifi pirezidaantii Isaayyaas Afewerkii heera mootummaa hojiirra oolchuu fi itti gaafatamummaa akka mirkaneessu mormanii ture keessaas tokko turan.

Itoophiyaafi Ertiraa yoo gara waraanaatti seenan biyyoonni biraa jidduu galuu akka danda'a kan dubbatan Ambaasaadar haayileen, ''Saawud Arabiyaa funyaan keenya jala jirti. Masriinis achumadha..., Waan hundumaafuu Ertiraan 'weerarameera deeggarsan barbaada' yoo jette, weeraricha dhaabsiisuuf biyya kamu irraa deeggarsa gaafachuuf mirga qabdi'' jedhan.

Ambaasadarichi itti dabaluudhaan, Itoophiyaan yoo abbummaa Galaanaa Diimaa kan argattuu ta'e, jijjirama madaallii humna qaxanaa Galaana Diimaatiin dhufu Saawudi Arabiyaan sirriitti beektii jedhan."

Maddi: BBC News Afaan Oromoo

Naannichatti Baankiin 3 halkan tokkotti birrii miliyoona 41 ol “hidhattootaan” saamamuun ibsameNaannoo Amaaraa Godina Sh...
18/07/2025

Naannichatti Baankiin 3 halkan tokkotti birrii miliyoona 41 ol “hidhattootaan” saamamuun ibsame

Naannoo Amaaraa Godina Shawaa_Kaabaa, Aanaa , kutaa Aanaa Mazaazootti, Adooleessa 9/2017, Birrii miiliyoona 41 ol baankii sadii irraa saamamuu Waajjirri Nageenyaa fi Tasgabbii Godinicha beeksise.

Waajjirri Nageenyaa fi Tasgabbii Godina Xaarmaabarr ibsa baaseen saamichi kun “humnoota gara jabeeyyii” jedhee waamuun akka raawwatame beeksiseera.

Itti gaafatamaan waajjirichaa obbo Wandimmuu Charinnat;baankoota kutaa aanichaa keessa jiran keessaa “Baankii irraa birrii miiliyoona 11 fi kuma 550, Baankii irraa birrii miiliyoona 1 fi kuma 28, akkasumaas Baankii irraa ammoo birrii miiliyoona 29 fi kuma 365 humnoota finxaaleyyiitiin saamamaniiru”jedhan.

Saamichi kun halkan sa’aatii 7tti akka raawwatame kan ibse hogganaan kun, “humnoonni gara jabeeyyii” jechuun waamaan “qabeenya ummataa saamuu fi barbadeessuu akka hojii idilee isaanii gochuun itti fufaniiru” jedhan.

Itti dabaluudhaanis, filannoo nagaa duubaatti dhiisuun duulli seera kabachiisuu “namoota gara jabeeyyii saamicha irratti bobba’an” irratti gaggeeffamu cimee akka itti fufu dubbataniiru.

Naannicha Godina Shawaa Kaabaatti saamichi baankii raawwatamuun kun yeroo jalqabaaf miti. Bara darbe Waxabajjii 6, 2016 Godina Shawaa_Kaabaa Aanaa Miida Warramoo keessatti Daldalaa Itoophiyaa irraa birrin miiliyoona 2 ol “humna hidhate”kanaan n saamamuu isaa Aanichi beeksisuu isaa ni yaadatama.

Bulchaan Aanichaa Obbo Sayid Ibraahim yeroo sanatti Yeroo sanatti saamichi damee baankicha Reemaa jedhamu irratti raawwatame jedhame kun "humnoota hidhatanii" naannoo sanatti socho'aniin kan raawwatame yoo ta'u, isaanis " humnoota garaa jabeeyyii ykn finxaaleyyii seeraan alaa" jedhanii waamuun isaanii ibsaniiru.

Baay'ee Bal'achuu Qaama S-aalaa Dubartii Fi Furmaata Isaa!■ Dhimma kana irratti akkan waa jedhuuf kan na dirqisiise, sha...
18/07/2025

Baay'ee Bal'achuu Qaama S-aalaa Dubartii Fi Furmaata Isaa!

■ Dhimma kana irratti akkan waa jedhuuf kan na dirqisiise, shamarran waa'ee bal'ina qaama s+aalaa isaaniif baay'ee dhiphatanii fi kanumaan wal qabatee wal quunnamtii s-aalaa gochuuf ofitti amanamummaa isaanii dhaban hedduu ta'uu isaaniiti.

■ Keessattuu shamarri tokko erga daa'ima deessee booda qaamni s-aalaa ishee baay'ee bal'achuu mala. Shamarran kaan immoo rakkoo sanyummaa irraa kan ka'e bu-qushaan isaanii baay'ee bal'ata. Darbee darbee immoo sababa rakkoo fayyaa adda addaa irraa ka'een, hanqina hoormoonii estroojiniif keessi isaa haphachuudhaan bu-qushaan hanga malee bal'achuu ni danda'a.

■ Sababni waan kanaa waan kamiyyuu haa ta'u, bu-qushaan bal'annaan w-al quunnamtii sa-alaa irratti rakkoolee kanneen akka dafanii fedhii bahuu dhabuu, dhukkubbii yeroo wal quunnamtii saalaa, gadaamessi buq-ushaa keessan gadi rarra'uu, abbaa warraa yk jaalallee gammachiisuu dadhabuu fi kanaan wal qabatee hariiroon jaalalaa diigamuu fa'i fidee dhufa. Yeroo baay'ee namoonni rakkoo kana qaban, dabalataan, dhuufuu qabachuu dadhabuu, fincaan yeroo kolfan, yeroo waa lafaa kaasan ykn rifatan ofirratti gadi lakkisuu fa'a ni rakkatu.

Gabaabumatti Furmaanni Waan Kanaa Maali?

■ Gosa ispoortii kegel jennuun yoo ta'u, yoo haala gaariin kan hojjennu ta'e torbeewwan muraasa keessatti jijjiirama agarsiisuu eegala. Kana jechuun bal'ina buq-ushaa ni dhiphisa, fincaan akka to'attuu ishee taasisa, akkasumas dandeetti fedhii bahuu dubartii ol kaasa jechuudha.

!

18/07/2025
17/07/2025
17/07/2025

Infeekshinii kalee fi afuuffee fincaanii

Infeekshiniin kalee fi afuuffee fincaanii kan namatti dhufu baakteeriyaa ykn vaayirasiin karaa dhiigaas ta’e naannoo gogaa keenyaarraan ykn naannoo sagaraa (buubbuu) irraa ka’uun gara kuustuu fincaaniif kalee keenyatti ol seenuu irraan kan ka’e kan dhufudha.

Wantoota infeekshinii kalee fi kuustuu fincaanii /afuuffee fincaaniif nu saaxilan:
1. Fincaan yeroo dheeraaf utuu hin fincaaniin qabatanii turuu. Namoonni baay’een sababa garaagaraa irraan kan ka’e fincaan yommuu isaan muddu ykn qabu dafanii hin fincaa’an. Fincaanni kalee keenyaan gara alaatti dhabamsiifamu kun xuraa’aa waan taheef qaama keenya keesa turuu hin qabu. Fincaanni xuraa’aa waan ta’eef baay’inaan yommuu afuuffee fincaanii keessa turu, baakteriyaan akka keessatti wal horan gochuun infeekshiniif nu saaxila.
2. Cirracha kalee. Kunis cirrachi kun ujummoo fincaanii cufuun fincaanni akka gara alaatti hin baane gochuun fincaanni kuufamuun baakteriiyaan akka keessatti wal horee infeekshiniif nu saaxilu godha
3. Erga sagaraa bobbaatanii booda yeroo haxaawwattan ykn qulqulleeffattan dug-duubaa gara fuulduraatti haxaawachuun baakteeriyaan sagaraa ykn udaan keesa jiru salphaadhumatti akka gara ujummoo fincaanii seenan godha. Gochi akkasii kun baay’inaan warra shammarraniifi daa’immanii huba.
4. Ijoollee dhiiraaf dhaqna qabachuu dhabuun carraa infeekshinii kaleefi afuuffee fincaaniin qabamuu daraan dabala. Gogaa fiixee qaama saalaa jala baakteriyaan waan baay’inaan jiraataniif, dhiironni dhaqna hin qabanne carraan infeekshinii kaleefi afuuffee fincaaniin qabamuu isaanii dacha 8’n dabala.
5. Yeroo ulfaas carraan infeekshinii kalee fi afuuffee fincaaniif qabamuu olaanaadha.
6. Dhibee sukkaaraa
7. Uffata jalaa ykn paantii baay’ee nama qabu ykn baay’ee thight ta’e uffachuu
8. Qulqullina naannoo buubbuu fi qaama saalaa eeggachuu dhabuu, keessattuu warra shammarraniif.

Mallattoon isaa maali?
-Dhukkubbii kalee keenyaa (mudhii keenya gara walakkaa) ykn dhukkubbii handhuura keenyaan gadii (suprapubic pain)
-Gubuu qaama saalaa yeroo fincaan fincaa’an
-Fincaan dafee dafee nama jarjarsuu
-Ho’inni qaamaa dabaluu
-Nama hoqqisiisuu ykn ol nama xuquu
-Fincaan isin fincooftan diimachuu ykn foolii kennuu
-Hammi fincaanii hir’achuu fa’a

Kanaaf, mallattoowwan akkasii yoo ofirratti argitan mana yaalaa deemtanii qoratamuun qoricha isaa fudhadhaa. Sababni isaas, infeekshiniin kalee ykn afuuffee fincaanii yoo namarra ture dadhabbii kaleef nu saaxiluu danda’a

Itoophiyaan Hidha Abbayyaa xumuruun Masriif maal jechuudha?"Mormiifi wal dura dhaabbannaan Itoophiyaafi Masrii waggoota ...
17/07/2025

Itoophiyaan Hidha Abbayyaa xumuruun Masriif maal jechuudha?

"Mormiifi wal dura dhaabbannaan Itoophiyaafi Masrii waggoota hedduu lakkoofsiseera

Itoophiyaan Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaa laga Abbayyaarratti ijaarame waggoota 14 booda ijaartee xumuruu beeksisteetti.

Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad Waxabajjii keessa paarlaamaatti dhihaatanii dhimma kana mirkaneessaniiru.

Waggoota 14'n darban marii danuu ija godhachuu dhabe, muddamaafi wal dura dhaabbannaa meeqa booda Itoophiyaan xumuruu beeksiste.

Bara 2020 Pirezidant Tiraamp illee Masriin hidha kana ''rukutuuf'' dhaadatteetti jechuun dubbataniis turan.

Piroojektiin guddichi lammiileen Itoophiyaa kiisii fi sabbata isaanii keessaa gumaatanii ijaaran kuni biyyaaf akka kallachaatti ilaalama.

MM Abiy baatii Fulbaana keessa akka eebbifamuufi kanaafis biyyoota lamaaniif waamicha taasisaniiru.

Hidhi yeroo xumuramu akka Afrikaatti pirojektii guddicha bishaanirra hojjetame ta'a jedhame kuni xumuramuun Masriif maal jechuudha? Itoophiyaafoo?

Itoophiyaan lammiilee biyyattii 60% dukkana keessa jiru jetteef ibsaa dhiheessuuf hidhi kuni akka barbaachisu himti.

Masriifi Sudaan immoo hamma bishaan nutti yaa'u ni hanqisa jechuun yaaddoo himatu. Itoophiyaan hin yaadda'iinaa jechuun dubbatti.

Ministirri Muummee Abiy Masriifi Sudaaniif ergaa dhaamaniin ''ergaan keenya ifa'' jedhan. ''Hidhi Haaromsaa yaaddoo miti, carraa walooti malee,'' jechuun ibsan.

Waggootaaf dhiibbaa dippilomasiifi kaan taasisuun ishee kan ibsamu Masriif kuni maal jechuudha?

Dr Bizunaa Yimanuu, Yunivarsitii Kuwiin Belfaast, UK argamutti barsiisu. Dhimma Gaanfa Afrikaas itti dhiheenyaan hordofu.

Masriif ''Hiikaa guddaa qaba'' jedhu. ''Tokkoffaa jalqabarraa kaastee mormaa turte waan ta'ef'' dafee waan xumuramu itti hin fakkaanne ta'a jedhu.

''Biyyoonni adda addaallee laga Abbayyaarratti hojii misoomaa hojjechuu yoo barbaadan akka isaan dhimma kana ariifachiiisan ni taasisa jettee hedduu yaadda'uu dandeessi.''

Gama kaaniin, bifa gaariinis ilaaluu dandeenya yaada jedhu qabu. Masriif hidhi kuni ijaaramee xumuramuun ''bu'aa guddaa ni qabaata'' jedhu.

''Tokkoffaa humna elektirikaa Itoophiyaa irraallee gatii gadi aanaa ta'en argachuu ni dandeessi.''

Lammaffaa laga hidha Abbayyaarratti ijaarame kan qabdu Masriin hamma bishaanii ''to'achuuf'' illee gargaara yaada jedhu qabu.

Lagni Abayyaa laga dheerinaan addunyaarratti tokkoffaa ta'edha jechuun ibsama

Lagni Abayyaa laga dheerinaan addunyaarratti tokkoffaa ta'edha jechuun ibsama.

Yeroo adda addaatti bishaan Itoophiyaarraa gara Sudaaniifi Masrii qajeelu lolaa uumaa tureera. Kanaaf hidhi jiraachuuf kana hambisuu mala jedhu.

''Bishaan gara isaanitti seenu hanga ta'e to'annaadhaan akka deemu waan gargaaruuf bu'aa guddaa qaba jedheen fudhadha.

Si'achi Masriin mormii itti fuftii?
Masriin bishaan itti fayyadamtuuf gara caalu bishaan Abbayyaa kanatti dhimma baati.

Kanatti ijaarsi Itoophiyaa kana na duraa hambisa jechuun yaaddofti.

Kana dura hammi bishaan bira gahu 2% osoo hir'atee lafa jallisii hektaara 80,000 olirra jiru ni gogsa jechuun dubbattee turte.

Erga Itoophiyaan hidha kana xumuruu beeksiste booda mormiin Masrii itti fufamoo dhaabachuu danda'a?

''Mormiifi wal gaareffannaan Itoophiyaafi Masrii gidduu ture kan amma jalqabe osoo hin taane baruma koloniidhaan durallee'' akka ture eeru Dr Buzunaan.

Bara kolonii dura bara 1874 akkasumas 1875 keessa Masriin laga Abbayyaan walqabatee sodaa hedduu qabdi jechuun dubbatu.

Warri sodaa kana uumemmoo warra koloniin Masrii bulchaa turani. Sodaan yeroos ture hanga ammattillee akka jiru eeruun wanti kuni akka itti fufu dubbatu.

''Itoophiyaan laga Abbayyaarratti humna elektirikaa maddisiisuuf hidha ijaaruun ishee kallattiidhaan miidhaa cimaa irraan geessisa osoo hin taane sodaadhuma jirurraa ka'e mormu.

''Yoomillee inuma mormu jarri. Waggaa dhibbaan dura ni mormu, waggaa soddomaan dura ni mormu. Gaafa dhakaan bu'uuraa ka'amees mormaa turan.

''Har'as inuma mormu. Mormuun isaanii ittuma fufa,'' jechuun ibsu.

Itoophiyaaf mo'icha ta'uu danda'aa?
Xinxaltoonni yeroo adda addaatti BBC'n dubbise dhimmi Hidha Abbayyaa dhimma jiopolotikaa akka ta'es eeru.

Itoophiyaan hidha kana ijaaruun irree jabeeffachuu malti jedhan jiru, isammoo Masriin akka hin barbaanne kaasuun.

Madda ka'umsa Laga Naayil keessaa 85% Itoophiyaarraati, 15% Yugaandaadha
Ibsa waa'ee suuraa,Madda ka'umsa Laga Naayil keessaa 85% Itoophiyaarraati, 15% Yugaandaadha
Dr Bizunaan Itoophiyaan ijaartee xumuruun mo'annaa dippilomasiiti jennee kaasuu dandeenya jedhu.

''Dubbiin bu'uuraa kutannoodhaan dhakaa bu'uuraa sana kaa'uu, san boodammoo bara 2015 waliigaltee biyyoota torban Masriifi Sudaan ala jiran waliin mallatteessuun isaanii waan gaariidha.

''Dippilomasiidhaan bifa injifannootiin fudhatama. Erguma Mummichi Ministeeraa [Abiy Ahimad] gara aangootti dhufanillee dhimmi laga Abbayyaa Mana Maree Nageenyaa UN irratti dhihaatee akka ilaalamu Masriin dhiibbaa mataashee gochaa turte.

''Sanarrattis namoonni Itoophiyaa bakka bu'an deebii quubsaa kennaa turan waan ta'ef dhiibbaa dippilomasii Itoophiyaan irra gahaa ture ofirraa qolachaa hidha kana ijaartee xumuruun,'' waan guddaa ta'u eeru.

'' …dippilomasiidhaanis injifannoo guddaadha, akkuma ummata Itoophiyaattimmoo kuni wanta guddaa dhalootaaf darbu waan lafa kaa'ameef, ummatallee waan walitti hidhu waan ta'ef gama siyaasaan mo'annaa cimaadha.

''Gama dippilomasii waan gaariitu hojjetame, karaa misoomaas waan guddaa bu'aa gaarii fidee dhufu waan ta'ef Itoophiyaadhaaf hiree guddaa fida jedheen yaada.''

Waliigalteen maaliif cime?
Hidhi kun Laga Abayyaarratti hojjetame. Lagni Abbayyaa ammoo laga guddicha Afrikaa yoo ta'u, dheerinaan ammoo addunyaarratti tokkoffaadha.

Ammas addunyaan Laga Abbayyaa 'The Nile River' jechuun waamu.

Lagni Abbayyaa Itoophiyaa keessaa ka'ee Sudaaniifi Masirii keessa darbee galaana Mediteraaniyaan qaqqaba.

Bishaan Laga Abbayyaa %85 kan gumaachitu Itoophiyaadha.

Ta'us, ummata miliyoona 107 kan qabdu Masriin bishaan ishee barbaachisuu hundaaf Laga Abbayyaa kanarratti akka hirkattu dubbatti.

Bishaan kana mana keessaafi qonnaaf, keessumaa ammoo kan bishaan hedduu gaafatu jirbii omishuuf akka ishee barbaachisu himti.

Bishaan Abbayyaa kun Haroo Naasir jedhamu kan humna ibsaa bishaanirraa maddu Hidha Guddaa Aswaan maddisiisuuf gargaaru guutachuudhaaf gargaara.

Ummata miliyoona 48 kan qabdu Sudaanis bishaan ishee barbaachisuuf guddaa bishaanLaga Abbayyaa kanarratti hirkatti.

Erga bara 2011 ijaarsi isaa jalqabeetii Hidhaan Laga Abbayyaa kun madda waldhibdee biyyoota sadaniiti.

Waligalteen bara 1929 (waliigaltee kan bara 1959 waliin) Masiriifi Sudaaniif bishaan Laga Abbayyaa hundatti akka fayyadaman mirga kennaaf.

Waliigalteen durii kun pirojektoota kamiyyu biyyoota yaa'a gara oliitti (akka Itoophiyaatti) gaggeeffaman mormuuf mirga guutuu kennaaf.

Itoophiyaan ammoo waliigalteewwan dulloomaa kanaan ta'uu hin qabu jechuun Hidha kana ijaaruu jalqabde."

Maddi: BBC News Afaan Oromoo

Qoricha faayidaalee ciccimmoo hedduu qabu Maqaan isaa qusxal hindii jedhama.Kitaabota Barnoota Qoricha Aadaa hedduu kees...
16/07/2025

Qoricha faayidaalee ciccimmoo hedduu qabu Maqaan isaa qusxal hindii jedhama.

Kitaabota Barnoota Qoricha Aadaa hedduu keessatti faayidaa isaa barreeffame jira.Rakkoo sirna Hargansuu fi Dadhabina wal qunnamtii saalaa yaaluu fi kkf Biqiltuu Beekkamaadha.

Qusxal hindiin maqaa saayinsii (Saussurea costus) jedhamaa, maqaa Laatiin
(Radix aucklandiae) jedhamuunis ni waamama.
Biqiltuun Maatii (Asteraceae ) yoo
Qoricha Aadaa Ethiopia fi Arabootaa fi indiyaa, chaayinaa Giriikotaa, walumaa galatti Ardii Eeshiyaa fi Guutuu Addunyaa keessatti keessatti Biqiltuu beekkamaadha,

Faayidaa isaa muraasni:

Fayyaa fi dandeettii Qaama Saalaa Ni jabeessa Rakkoo Sanyii kormummaa yokaan dhala dhabuutiif Gaariidha.

Dhukkuboota Sombaa kan akka Asmii qufaa yeroo dheeraa fi kkf.
Nama Afuura Baafachuu Nama dadhabeef Dawaadha.

Dhukkubbii Yeroo Laguu dhiigaa dubartoota tti Dhaga'amuuf Dawaa Cimaadha.

Fayyaa Lafee Ni jabeessa dhukkuboota lafee ittisa.

Vaayirasiiwwanii fi Baakteeriyaa Dhukkuboota Qorraa Wajjin walitti dhufeenya Qabanu hundaaf bu'aa guddaa qaba.

Mooraa fi Cooma Qaama keessatti baayyate Ni Hirrisaa

Foolii Ajaa'aa, yokan foolii badaa Afaani ni ittisa .

Fayyaa TiruuNi jabeessa Rakkoo Dhukkuba Tiruu ni ittisa
Summii dhiiga keessaa Qulqulleessuuf gargaara.

Fayyaa kalee cimsa infeekshiini Kaleefi Ujummoo Fincaani Ni Fura.

Sosochii Dhiigaa Sirreessuu fi dhiibbaa dhiigaa Hirrisuu danda'a.

Qabiyyee faayitookeemikaalotaa Qusxal hindii yoo ilaallu,
Kompaawundoota keemikaalaa bu’a qabeessa ta’an adda addaa kan of keessaa qabu yoo ta’u, isaan keeysaa

(Echinopsinoids) yoo ta'u Farra Baakteeriyaa fi fangasiiti, Raammoo fi ilbiisota ofirraa baasuuf akka waan bu’a qabeessa ta’ee Tajaajilaa.

(Flavonoids) innis Antioxidant, seelii Qaamaa miidhaa irraa eeguuf gargaara.

Terpenoids yoo ta'u Bu'aa farra inflammatory fi infeekshinii Qaamaa ta'eef gumaacha qaba.

(Alkaaloyidii) yoo ta'u Sirna narviitiif akka qoricha dhukkubbii hir’isuu fi tasgabbeessuutti Tajaajila.

(Koostuunolaayidii) yoo ta'u amaloota farra inflammatory fi farra kaansarii qaba.

(Dehydrocostus lactone) yoo ta'u
Dandeettii dhukkuboota yeroo dheeraa namarra turanu ofirraa ittisuu qaamaa cimsuuf Gargaaraa.

(Aromatic Acids) yoo ta'u
Asiidota Rakkoolee Sombaa Sirna hargansuu fi Sirna Bullaa'insa nyaataa yaaluuf Tajaajilanu keessatti lakkaawamaa.

Essential Oils:
Qabiyyee kun Urgaa qabanu Barbaachisoo ta'an keeysaa tokko yoo ta'u Akka qoricha farra vaayirasii fi urgooftuutti kan fayyadamu yoo ta'u, dhukkuba gogaa fi madaa yaaluufis gumaacha Olaanaa qaba.

Polysaccharides:
Yoo ta'u sirna ittiisa dhukkuboota Qaamaa irratti hojjeta yookaan Dandeettii dhukkuboota ofirraa ittisuu qaama namaaf Cimsaa...

Qusxal hindii Eessatti Argachuu dandeenyaa gi akkasumas Haala itti fayyadama isaa guyyoota 3 booda post isiniif goona.

Qondaaltonni Raashiyaa akeekkachiisa pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp Raashiyaaf kennan kuffisaniiru. OFM:Adoo...
16/07/2025

Qondaaltonni Raashiyaa akeekkachiisa pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp Raashiyaaf kennan kuffisaniiru.

OFM:Adoolessa.16/2025-Raashiyaan guyyoota 50 keessatti Yukireen waliin waliigaltee dhukaasa dhaabuu irra yoo hin geenne Ameerikaan meeshaalee Raashiyaa fi michoota daldalaa isii irraa dhufan irratti taarifa dabalataa akka keettu Tiraamp tibbana akeekkachiisaniiru.

Tiraamp barreessaa ol'aanaa NATO Mark Rutte waliin haasawa taasisaniin,
Raashiyaan waliigaltee kana yoo wayita yeroon isaa ga’etti hin mallatteessine Ameerikaan meeshaalee Raashiyaa irraa galfaman irratti taarifa dhibbeentaa 100 kan keessu ibsaniiru.

Traamp akkasumas Ameerikaan meeshaa waraanaa gara Yukireenitti karaa NATOn akka ergitu, garuu biyyoonni Awurooppaa meeshaa waraanaa Yukireen ergamaniif kaffaltii akka kaffalan dubbataniiru.

Dubbi himaan Pireezidaantii Vilaadmiir Puutiin Dimitiri Peeskov murteen Tiraamp Yukireen hidhachiisuuf murteessan “waraana kana dheeressuu qofa” jedhan.

Pireezidaantiin duraanii Raashiyaa Dimitiri Medvedeev akeekkachiisa Tiraamp kennan “yeroo xummuraa tiyaatiraati” jechuun qeeqaniiru.

Xalayaa X-Files’f barreesseen Medvedev fuula X isaaniirratti ergaa Ingiliffaan barreessaniin Raashiyaan akeekkachiisa Tiraamp kanaaf “haajaa hin qabdu” jedhaniiru.

Hoggantoonni Moskoo waraana Yukireen keessatti gaggeeffamaa jiru marii karaa nagaatiin xummuruuf qophii ta’uu isaanii irra deddeebi’anii beeysisaniiru.

Itti aanaan Ministira Dhimma Alaa Raashiyaa Sargee Riyaabkoovis ibsa Guyyaa kaleessaa kennaniin mootummaan isaanii mariidhaaf qophii ta’uu irra deebi’anii ibsaniiru.

Itti aanaan ministeera dhimma alaa “Raashiyaan yeroo murtaa’eef hin jilbeenfattu” jechuun doorsisa Tiraamp kana kuffisaniiru.

  /حبة البركة ●Habasuuda firii gurracha duraan maxxansinee turre baayyeen keessan itti fayyadama isaa gaafachaa turtan k...
16/07/2025

/حبة البركة

●Habasuuda firii gurracha duraan maxxansinee turre baayyeen keessan itti fayyadama isaa gaafachaa turtan kunoo isiniif qabannee dhiyaanneerra; Kunooti:

Qabiyyeen inni ofkeessaa qabu elementootaafii albuudota kanneen akka: Asiidota coomaa hin guutamne, amiinoo asiidota, antioksidaantii, pirootiinii, kaarboohayidireetii, wantoota sukkaara fi istaarkii qaban, zayita jijjiiramaa, wantoota saamunaa umamaa, vitaamin A, B1, B2, C, E, fi soogidda albuudaa kanneen akka maagniziyeemii, fosfeetii, fosfarasii, pootaasiyeemii, kaalsiyeemii, seeliniyeemii, ziinkii fi ayiroonii of keessaa qaba. Akka qoricha farra baakteeriyaatti ilaalama.
Faayidaalee:
●Dandeettii dhukkuba ofirraa ittisuu qaamaa cimsuuf.
☆itti fayyadama ganamaa fi galgala zayita habasuudaa (sanyii gurraacha) maankaa tokko fudhachuu.

●Dhukkuba tiruu:
◇ Baala biqiltuu safsaaf (willow bud) fi zayita habasuudaa sanyii gurraacha 5 garaa duwwaa torban lamaaf dhuguu.

●Dhiibbaa dhiigaa to’atu:
◇ Zayitii haba suudaa (sanyii gurraacha) mankaa 7 dhugaatiitti makuun bishaan' shaayii, bunaafi kanbiraas tahu rakkoon qabu. keessumaa suunqoo , naanaa waliin, torban tokkoof nyaata booda guyyaatti al 3 fudhachuudha.

●Mallattoolee asmii salphisuuf, ◇zayita sanyii gurraacha maankaa xiqqaa tokko bishaan danfaatti dabaluudhaan, Ara isaa guyyaatti al lama funyaaniin ol saabuudha.

●Dhukkubbii lafeetiif.
shunkurtiin quncifamee erga bilcheefame zayita habasuudaa (sanyii gurraacha) itti dabalamee guyyaatti al lama nyaatama bakka dhibee kanaan qabame ittiin rigama .
Akkasumas naannoo dhibee kanaan qabame zayita (naanaa)peppermint fi zayita habasuudaa(sanyii gurraachaa)n sirriitti sukkuumuu dandeessu.

●Dhukkubbii ruumatikii
(Rheumatoid):
◇Zayitii habasuudaa(sanyii gurraacha) ho’isuun naannoo dhukkubbiin itti dhaga’amutti akka gaariitti sukkuumuudha.
● Dhukkuba garaachaa:
Naana fi kammuuna (inshilaala) hamma walqixa ta’een Erga danfisamee booda , habasuuda itti dabaluudhaan Yeroo dhukkubbiin sitti dhagahamu birciqqoo tokko dhugi.

●Sochii sammuu fi dandeettii sammuutti qabachuu dabaluuf : ◇Baala naanaa muraasa bishaan keessatti daqiiqaa 5f danfisi. Achibooda axxaarraii zayita habasuudaa( sanyii gurraacha)dhaphii 7 fi damma maankaa xiqqaa tokko itti dabaluudhaan. Guyyaatti al tokko burcuqqoo tokko ho'aa isaa dhuguu.

●Finniisa fi Kormammuu:
◇Zayitii Habasuudaa hamma malu zayita salliixaa(sassaaba) fi daakuu isaanii maankaa xiqqaa lama waliin walitti makuu. Gogaa irratti dibachuun daqiiqaa 30f dhiisuu. Walnyaatinsi kun ganamaafi galgala irra deddeebiin dibamuu qaba.

●Kaansarii lafee:
◇ Jaamii harbuu maankaa tokko bishaan ho'aa kooppii tokko keessatti bulbulaa, sana booda zayita habasuudaa dhaphii 10 itti dabaluun fudhatama.

●Rifeensi akka badu:
◇ Qola hanqaaquu zayita sanyii gurraacha maankaa xiqqaa tokkoo fi zayita ejersaa maankaa xiqqaa tokko waliin walitti makuu. Galgala gogaa mataa dibachuudhaan ganama dhiqadhaa.

●Ilbiisota mataa:
◇ Zayitii habasuudaa (sanyii gurraacha) hamma tokko daakuu firii gurraachaafi cuunfaa loomii waliin walitti makuu. Rifeensa irratti sa'aatii 4f dibachuu.

●Dhukkuba psoriasis:
◇Zayitii sanyii gurraacha burcuqqoo(kooppii) tokko dhangala'aa loomii burcuqqoo( kooppii) tokko waliin walitti makuu. Bakka dhukkuba psoriasis jedhamutti guyyaatti yeroo hedduu dibachuu.

●Dhukkuba meninjaayitii yaaluun: ◇Zayitii sanyii gurraacha walakkaa maankaa xiqqaa tokkoo cuunfaa loomii burcuqqoo tokkotti dabaluudhaan Guyyaatti si'a 3 dhuguu.
● Wal’aansa dadhabbii fi hifannaa: Zayitii habasuudaa(sanyii gurraacha) dhaphii 10 cuunfaa burtukaanaa tokkotti dabaluun Guyyaa guyyaan garaa duwwaatti dhuguudha guyyaa 10f.

●Herpes: Zayitii sanyii gurraacha bakka dhibee kanaan qabametti guyyaatti al 3 dibachuu.
✅️ kana qofaa miti habasuudni dhukkuba hundaafu dawaadha akkaataa isiniif laafutti dhukkuboota biroofillee fayyadamaa damma ,bishaan , fii shaayii wojjin tahus rakkoo hin qabu.
FAYYAAN KESSAN HAA DAGAAGU!

Address


Telephone

+251936365610

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when FBN Ethiopia posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to FBN Ethiopia:

Shortcuts

  • Address
  • Telephone
  • Alerts
  • Contact The Business
  • Claim ownership or report listing
  • Want your business to be the top-listed Media Company?

Share