Odaa Press.

Odaa Press. Tokkummaan humna injiifannoo fi milkiiti yeroo hunda sabni keenyaa tokkummaa qabachuun barbaachiisa�

27/04/2026
27/04/2026

gaaffii Pireezidaanti Tiraamp mariidhaaf dhiyeessan ilaalaa jirti jedhan ministirri dhimma alaa Abbaas Araaghchi

++++++++++++++

Finfinnee, Eebila 27, 2026-
Ministirri Dhimma Alaa Iraan Abbaas Araaghchi Wiixata kaleessaa akka jedhanitti, Teheeraan gaaffii marii pirezidaantiin Yuunaayitid Isteetis Doonaald Tiraamp dhiyeessan ilaalaa akka jirtu ⁠ibsan.

Ministirichi yeroo Raashiyaa keessatti gaazexeessitoota dubbisanitti akka jedhanitti, Tiraamp marii gaafachuun isaanii Ameerikaan kaayyoo ishee guuttachuu dadhabuu irraa kan ka’e ta’uu danda’a jechuun ibsan.

Gama biraatiin, pireezdaant Tiraamp ergamtoota isaanii Steeve Witkoff fi Jaared Kushiner walitti bu’iinsa jiru furuuf gara Islaambaaditti imaluuf turan haquu ibsanii, Iraan yoo mari’achuu barbaadde karaa bilbilaa isaan quunnamuu akka dandeessu ibsaniiru.

Haa ta’u malee, hanga ammaatti Iraan gaaffii kana irratti murtee ifa ta’e akka hin dabarsines Rooyitarsi gabaaseera.

26/04/2026
25/04/2026

Lafa Amaarri woggoota 100 oliif qoodamaa ba'e kan Tigraay woggaa 30 waliif qoodaa baate amma ipmi Oromoo fudhate jedhanii wocuun qaanii guddaa dha. Hayyee Oromoon yo lafa abbaa ifii hin fudhanne eessaa haa fudhatu ? Tigraay mo naannoo Amaaraa? Saba biraa ka lafa Oromoo qooddatee fixe hin wacan garuu Oromoon PP deeggaru lafa fudhate jedhanii wacuun kun salphina gudda dha.

24/04/2026
23/04/2026

Bunni Utubaa Dinagdee Itoophiyaa jedhame,
************************************

Bunni guddina dinagdee Itoophiyaa sochoosuu fi biyya Itoophiyaa addunyaa irratti beeksisuun adda durummaan eerama.

Yeroo ammaa gabaa addunyaa irratti gatii guddaa argachaa kan jiru yoo ta'u, qonnaan bulaanis teeknooloojii ammayyaatti fayyadamuun qulqullinaa fi baay'inaan omishaa jira.

Dhaabbiin biqiltuu Bunaa bara 2013 biiliyoona tokko ture xumura bara 2017tti biiliyoona 2.5 gaheera.

Omishni Bunaa bara 2014 Kuntaala miiliyoona 9.2 ture bara 2018tti Kuntaala miiliyoona 16.9 gaheera.

Kunis waggaatti giddugaleessaan guddina dhibbeentaa 16 agarsiiseera.

Galiin omisha Bunarraa argamu Doolaara biiliyoona tokko irraa gara Doolaara biiliyoona 2.65tti guddateera.

Kana keessaa Naannoon Oromiyaa dhibbeentaa 78 gumaachuudhaann qooda ol’aanaa qaba.

Milkaahinni kun ammoo jiruu fi jireenya qonnaan bulaa fooyyessuu bira darbee, Itoophiyaan gabaa addunyaa keessatti dorgomtuu cimtuu akka taatu caalaatti jabeeseera.
odeeffannoo BKO
Dhugaa Media

Address

Meda Welabu
Bale

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Odaa Press. posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Odaa Press.:

Share