
05/08/2025
Arrabsoo shamarran Lixa Oromiyaa Intala heerumtee qe'ee gurbaa dhufte ittiin Arrabsan!
Kan akkashee argatte isheenoo
Akaafaan ejjata miinzeenoo
Shafaafaa muujaleen naannoo
Bargaanfataa dhufte kuunnoo...
Kan haati dhaltee
Kosii keessa keesse
Jaartiin qoortuun kuni
Akkamittiin har'a geesse
Kooraa gabatee miiccaa
Mana abbaakee seetee
Miinzee qabattee fiigdaa
Turi ammaa quuftee dhiifta
Yoo fiddee dhufte
Gamarraan kottu,
Adaa funaannaa
Araddaan keeti...
Kan dugda hoomii
Yoo dhiiftee dhufte
Alangaan kankeeti
Kan dugda roobii...
Dhangaggoo Lixxee
Dargaggoof hirtee...
Kooraarra teessee
Shan quba keessee...
Jijimbilaaree
Siif biqilaaree...
Damee qabaaree
Cabee lataaree...
Yoo dhugaa durbaa
Sooree siin jennaa,
Sooree afaan dammaa
Yoo dhiiftee dhuftee
Foollee siin jenna...
Foollee gaaguraa
Manni maa jigee
Utubaatu dhibee..
Harmi maaf jigee
Durbummaatu dhibee...
Eda Urroo dibattee
Diinqa harmee kee teessee
Maalfaa jettee boosse?
Yeroo ati gadditu...
Hiriyeen dhageessee
Akkas jettee boossee?
"Irraangadeen kufee
Irraanfadheen dhufee
Karaa kooraa jalaa
Moccooree moccooree
Ani maalan godhee?
Obboo kootoo godhee
Anoo fideen dhufee
Kooraa fardaatu fixee?
qoraan dhaqnaan badee
Kolaafamee badee
Boo'ee na kadhannaan
Innoo na mararran
Suubboof kenneen dhufee..."
Jedhee si'ii boo'u
Hundatu dhaga'ee
Walitti haasa'u.
Muka arbaa gaaddisa Leensee
Durbummaa gaaddisa keessee
Isafaa gaabbita teessee
Sii ofonfolee si fardatu godhee
hammi Gandaa si hobobsaa
mu*nneen Kee dhiiga coccobsaa
Gidaamiin talbaa facaasaa
Inshilaala naannesseetoo
Injiraan sitti haa naqumee
Qi*nxiraama naannesseetoo
Kan funyaan cilaattii
Eessa Koo jibbitaa?
Kan wa*nnoon gurraattii
Kan wandaboon udd*uurraan ciccitaa
Abidaaruu galatee...
Yoo si dhiisan maal qaba?
Kan si caalutu dhalatee
Birriin obboo saanduqii tokkoo
Niitiin obboo waan silmii tokkoo
Egaa hin baddee yaa birrii obboo😥
Mana warra intalaattihoo maal jedhanii gurbaa isa fuudhuu fi hamaamota isaa arrabsuu!!
"Aadaan Keenya, Eenyummaa Keenya."