Teyib Al Arusii

Teyib Al Arusii Humni jaalalaa injifataadha 💙❤️💙

 ‼️Perezidaantin Ertiraa Isaayas Afwarqiin yaalii ajjeechaa sudaanitti irra taasifame jalaa bahaniiru.Maanguddoon Ertira...
29/11/2025

‼️

Perezidaantin Ertiraa Isaayas Afwarqiin yaalii ajjeechaa sudaanitti irra taasifame jalaa bahaniiru.

Maanguddoon Ertiraa tarsiimoo Oromoo cabsina jedhu hojiirra oolchuf mariif gara sudaanitti kan qajeele ta'us lubbuun isaa haleellaa mormitoota sudaanin barbadaa'e oole.

Masaraa mootummaa Alburhaanii irraa konkolaatan bitaa fi mirgaan hajjabamee osoo imalaa jiruu dhoohinsa fanjii ka'een konkolaatan eegdota isaa irra miidhan kan dhaqqabe yoo ta'u.Eegdonni perezidaantichaa hedduun madaa'aniiru.

  ️=============== Eertiraan Itoophiyaa waliin waraana akka hin jalqabne Masriin akeekkachiifte ******************** Ima...
28/11/2025


===============
Eertiraan Itoophiyaa waliin waraana akka hin jalqabne Masriin akeekkachiifte ********************
Imalli dippilomaasii Itiyoophiyaan galaana qaqqabuuf jalqabde xumura irra akka gahe kan hubatte Masriin Eertiraa ganteera jedhame.

Masriin karaa itti aanaa itti gaafatamaa tikaa isheetiin ergaa akeekkachiisaa Asmaraaf ergitee, "Dhimma Abbayyaa Itoophiyaa waliin karaa dippilomaasiin furuuf yaalaa jira, kanaaf Itoophiyaa waliin waraana hin seeninaa; yoo deemtan garuu akkan isin hin deeggarre hubadhaa" jechuun Eertiraa hubachiifte.

Murteen Masrii kun abbaa irree Isaayyaas, kan Itoophiyaa waliin loluuf qophaa’aa ture akka rifachiise gabaafamaa jira. Masriin Itiyoophiyaan waan eegalte galmaan akka hin geenye wanti dhorku hin jiru jettee amanti. Diinonni Itoophiyaa Adadumaan kufaa jiru.
. . #ሼር .

Suudaan Liqiin humna ifaa Itiyoophiyaa Doolaara miiliyoona 90 irra jiru ofirraa kafaluu dadhabuu Dhaabbanni humni Elekti...
27/11/2025

Suudaan Liqiin humna ifaa Itiyoophiyaa Doolaara miiliyoona 90 irra jiru ofirraa kafaluu dadhabuu Dhaabbanni humni Elektirikii Itiyoophiyaa beeksise
- Biyyi Suudaan Liqii Itiyoophiyaa kan humna ifaa Doolaara miiliyoona 90 ol sababa Waraana biyya keessaatiin Itiyoophiyaaf osoon kafaliin addaan kutuun dhagayame.

liqii Itiyoophiyaa kan humna ifaa Doolaara miliyoona 90 ol kan ifirraa qabdu waggaa 1 fi ji'a 6 keessatti akka ofirraa kafaltuuf walii galteen kan taasifame yoo tahu, Suudaan liqii tana kafaluu dhabuu Dhaabbanni Humna Elektirikii Itiyoophiyaadhaa beeksiseeti jira.

Suudaan osoo lola kanatti hin seeniin dura Itoophiyaa waliin waliigaltee gurgurtaa humna ibsaa kan qabdu yoo tahu, waraana waggaa lamaa oliif biyyattii keessatti adeemsifamaa jiruun liqaa isheerra jiru kaffaluu kan hin dandeenye tahuun ibsameeti jira.
waggaatti fayyadamni humnaa ifaa meeggaa waattii 120 irraa gara meeggaa waattii 10 fi 20tti gadi bu’uunis ibsameeti jira.

Liqiin humna ifaa Suudaanirra jiru kun waggaa 1 fi ji'a 6'tt akka kafalamuuf hiree kan kennameef yoo tahu,
Suudaan Liqii tana kafaluuf Walakkeessa bara 2017 ji'a Gurraandalaa kafaluu akka qabdu Daarektarri komunikeeshinii kutaa humna ifaa kan tahe obbo Mogos Mokonnon hime.
Adeemsi kafaltii liqaa kun doolaarri miiliyoona 1 qofti erga kaffalamee booda addaan cituus Obbo Mogos ibseeti jira.

Biyyoota ollaa Ityoophiyaa humna ifaa itti gurgurtu keessaa takka tan taate Sudaan liqaa isheerra jirtu kafaluuf kan hin dandeenye yoo tahu, , fi dabalatee biyyoonni biroo yaaliin humna ifaa bitachaa jiran liqaa isaanii yeroon kaffalaa jiraachuu fi gurgurtaan humna ibsaa raawwatamaa akka jiru daareektarri komunikeeshinii humna Ifaa Itiyoophiyaa kun ibseeti jira.

Ityoophiyaan humna ifaa ishee harka 90 ol humna bishaanii irraa gara biyya alaatti erguu eega jalqabdee as fooyya’iinsi taasifte itti fayyadama biyya keessaa qofa osoon taane al-ergiifillee i

Faayidaa Qurunfulii.**************************************1. Dhibee dadhabina onnee ittisuuf.2. Utaalloo/qufaa nurraa fo...
27/11/2025

Faayidaa Qurunfulii.
**************************************
1. Dhibee dadhabina onnee ittisuuf.
2. Utaalloo/qufaa nurraa fooyyessuuf.
3. Zayitiin Qurunfullii (Clove oil) dhukkubbii jilbaatif furmaata.
4. Qulqullina afaanii eeguu keessatti foolii afaanii badaa balleessuf gargaara.
5. Baakteeriyaa ilkaan miidhun dhukkuba ilkaanitiif nu saaxilan dhabamsiisa.
6. Dhibee garaa ciniinnaa dhaabuf.
7. Dhibee garaachaa balleessuf.
8. Bokokuu ykn dhifamuu garaa ni ittisa.
9. Madaa ni qoorsa.
10. Dhiiguu irgoo ilkaanii ni ittisa.
11. Hanga cholesterol ni too'ata.
12. Marsaa dhiigaa fayyaalessa taasisuuf gargaara.
13. Anniisaa qaamaa dabaluuf.
14. Shubamuu gogaa qaama ittisuuf.
15. Seelota dhiigaa du'an qulqulleessuf.
Shaa'ii waliin, akkasumas damma waliin daakamaa isaa fayyadamaa!
Galatooomaa! Fayyaa dahaa!

Maqaa kophee kanaa beektuu?Yaadannoo Akkamii qabdu‼️
23/11/2025

Maqaa kophee kanaa beektuu?
Yaadannoo Akkamii qabdu‼️

 Taatee maatii tokko keessaa lubbuu namoota torbaa galaafate Taateen poolisiin 'gaddisiisaa' jechuun ibse kun Naannoo Na...
23/11/2025


Taatee maatii tokko keessaa lubbuu namoota torbaa galaafate

Taateen poolisiin 'gaddisiisaa' jechuun ibse kun Naannoo Naannoo Giddugaleessa Itoophiyaa, Godina Guraagee Bahaa Aanaa Masqaan keessatti ALI Sadaasa 6, 2018 uumame.

Guyyichatti galgala keessaa naannoo sa'aa 1:00 yemmuu ta'u Obbo Haayilee Abarraa, haati warraa isaaniifi ijoolleensaanii jaha waliin ta'uun irbaata sooratan.

Haa ta'u malee irbaata erga sooratanii booda miseensonni maatii kanaa hundisaanii dhukkubsachuu eegalan.

"Irbaata akka nyaataniin battalatti dhukkuba cimaaf saaxilaman. Jiraattonni naannoos walgargaaranii gara mana yaalaa geessan" jedhan Komishinii Poolisii Naannoo Giddugaleessa Itoophiyaatti Hogganaa Kutaa Miidiyaa kan ta'an Komaandar Taajuu Nagaash.

Miseensonni kun gariin isaanii gara Hospitaala Buttaajiraatti yemmuu ergaman, kaan immoo magaalaa Finfinneetti kan argamu Hospitaala Ispeshaalayizdii Waliigalaa Minilik 2ffaatti geeffaman.

Haa ta'u malee maatii namoota 8 qabu kana keessaa namoonni 7 dabaree dabareen lubbuunsaanii darbe.

Daa'imman umriinsaanii waggaa 1fi ji'a 7 fi waggaa 17 gidduu jiru jahan irbaata summii akka qabu shakkame erga sooratanii booda dabaree dabareen guyyoota sadi kessatti lubbuun darbuu ragaan poolisii agarsiisa.

Abbaa ijoollee kanaa kan ta'anfi ga'eessa umrii wagga 46 kan ta'an Obbo Haayilee Abarraa immoo ALI Sadaasa 10, 2018 halkan lubbuunsaanii darbe.

"Abbaan warraa du'eera, ijoolleen jahanis lubbuun hinjiran. Haa ta'u malee hanga yeroo gabaasa kana itti tamsaasnetti haati warraa lubbuun jiraachuusaanii mirkaneessineerra" jedhan Komaandar Taajuun.

Haati warra Aadde Daammanach Danbal jedhaman kun Hospitaala Miniliikitti kutaa yaala dhibee cimaa keessatti yaalamaa akka jiran Komaandar Taajuun himaniiru.

'Shakkamtoota 10 to'atamanii qorannoon irratti adeemsifamaa jira.
Maddi

Doktar Abiyyi Ahmad pirezidaantii Baankii Addunyaa Ajeeyi Baangaa dhimmoota adda addaarratti mari'atan.
23/11/2025

Doktar Abiyyi Ahmad pirezidaantii Baankii Addunyaa Ajeeyi Baangaa dhimmoota adda addaarratti mari'atan.

21/11/2025

Ethiopia_-_ወጣቶች_ወደ_ጦር_ሜዳ_ተመሙ_ኢትዮጵያና_ኤርትራ_በጦርነት_አፋፍ_ላይ_(360p)

Suuraa kana keessaa eenyuun beektu? Maaliin yaadattu?
18/11/2025

Suuraa kana keessaa eenyuun beektu? Maaliin yaadattu?

 ‼Gootichi Raayyaa Ittisaa Yeroo Ammaa Kana garee Jawsaa baadiyyaa keessa dhokatee ture qulqulleessaa jira. Gootota jala...
18/11/2025



Gootichi Raayyaa Ittisaa Yeroo Ammaa Kana garee Jawsaa baadiyyaa keessa dhokatee ture qulqulleessaa jira.

Gootota jalaa dhokachuun hin danda'amu. Naannoon Amaaraa hanga nageenyi guutuu ta'utti qulqullaa'ee itti fufa .....✊🔥🔥

Humna ittisaa galata haa galchinu 🙏

odeeffanoo Haaraa Argachuuf Obsaa Sabaa follow share godhaa!

Address

Bale
3261

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Teyib Al Arusii posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Teyib Al Arusii:

Share